Afaan Oromoo

Oromo : Open Letter to Mr. Dawud Ibsa, Chairman of OLF

Barreessaan Shigido*

Hunda dura wareegama qabsoo saba Oromootiif waggoota 30 oliif baasaa turtaniif seenaan isin haa yaadatu jedha. Nu hindinuu ni dabarra, seenaan garuu yoggahuu ni tura. Faaruu kiyya irra faaruu seenaattu caala.

Xalayaa kana akka isiniif barreessu kan na dirqe ilaalchi rakkoo amma mooraa qabsoo Oromoo keessatti uumamteef furmaata argamsiisuu irratti qooda guddaa akka laachuu dandeessan abdiin waan natti buleefi.

Yaada kiyya akka qalbiin hordoftanii kaayyoo barootaaf itti dhamaatan, lubbuu ilmaan Oromoo qabsoo kana irratti aarsaa taatee fi ummata Oromoo afaan qawwee jalatti ba’aan salphinaa guyyaa hundaa akka fe’aatti itti dabalamuuf jettanii furmaata dhugaa argamsiisuuf taarkaanfii malu akka fudhattan nan abdadha. Yaada furmaata jedhutti dabruu dura rakkoo barootaaf mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti mul’atu kanaaf sababni maali waan jedhu akka waliin ilaalu barbaada.

I. Dhibdeelee Haala amma keessa jiru kana uuman

1. Rakkoon duraa ABO 1992 booda akka hundi keenya hawwinutti injifatnoolee ummata Oromoo abdachiisanii fi Oromoo humna taasisan gonfachuu dhabuun kufaatii mudate irratti namootni ilaalcha adda addaa akka qabaatan godhe. Namootni hanga tokkoo ABO akka jaarmayaatti yemoo balaalefftanii fi tuffatan kanneen hafan ammoo ir’ina mul’ateef hooggana keessaa nama hanga tokkoo irratti itti gaafatamaa godhanii fudhatan. Akkuma dubbiin bubbultee, dhibdeen ABO keessa jiru daran xaxamaa fi kan furmaata argatuu hin dandeenye tahee mul’atu rakkoo kanaaf namoota irra dabranii kanneen ganda hunda yakkan hin dabamne.

Rakkoon dhugaan namni dhaaba kana keessa isaa qorate hubachuu dandahu kuffaatii keenyaaf sababni guddaan jaarmaya cimaa dhabuu isaa ti. Osoo jaarmaya cimaan qabaannee kufaatii 1992 keessa nu irra gahe irraa dandamachuu ni dandeenya ture. 1992 yeroo chaartaraa baanutti humni nuti qabnu kan diina madaalu hin turre. Leenjisaa fi akaakuunis diinaa fi isa gidduu garaa garummaan ture waaqaa lafa jechuu nan danda’a. Yeroo 1991-2 ummatatti baanetti osoo humnaa fi dandeettii qabnu hunda humna riphee lolaan diina dura dhaabbachuu danda’u ijaaruu irratti bobbaanee haalli amma keessa jiru kun hin dhalatu ture. Kun tahuu dhabuun kan agarsiisu akka humna riphee lolaa tokkotti humna keenyaa fi kan diinaa, waan ar’a tahuu fi boru itti aanu tilmaamuuf dandeettiin keenya akka ir’uu tahe agarsiisa. Hunda caalaa ir’inni ture kan murna ykn nama tokkoo lamaa osoo hin taane kan hooggana waloo akka tahe ragaa baha.Waan chaartara booda dhalachuuf deemu hoogganni tokkooyyuu tilmaamuu hin dandeenye. Hunda hooggana dhaabaa beekuu kiyya irraa dhugaa kana tolcheen beeka.

2. Inni itti aanu gaaga’ama 1992 tahe irraa dandamachuuf hoogganni ture tarkaanfii sirreessii fudhachuu dadhabuu isaa ti. Hanga 1998 gahutti hooggana dirreetti hoogganni bakka tokkotti deebi’ee waliin haasa’uu hin dandeenye. Adeemsa baroota dabree irraa barachuun wayyaanee humna isa gitu /tooftaan/ ijaaruun qabsoo bifa haarayaan deebifnee ijaaruu hin dandeenne. Akkaataa ummata itti ijaarru bifa jaarmaya wayyaanee gituun hin diriirsine. Kan biraa hafnaan biyyoota ollaa hoogganni keenya qaamaa keessa jiraataa turetti, daandii “logistic” diriirsuun humna hidhachiisuu fi leenjima waraanaa baraneen hin kennamneef. Bakka hundatti humna waraanaa nutti dabalamaa tureeef barruulee tooftaa waraanaa irraa barsiifamu qopheessuun hin danda’amne.

Hoogganni dhaabaa boolla dhaabni keessa lixaa jiru kana keessa dhaaba baasuuf dandeettii gahaa dhabuun kanneen haaraya dhaabatti dabalaman, kanneen halaalaa ilaalanii fi kanneen barootaaf dhaaba kana irratti cichaa turanii fi “irruma aanna” aadaa jedhu qaban hunda akka of duuba deebi’anii yaadanii fi dandeettii dhaabni kun rakkoo kana keessaa bahuu shakkan gahan. Haala dhaaba keenya kana gadi nyaatu kanaaf hoogganni jiru waloonis tahe nam-tokkeen, hojiinis tahe haasayaan furmaata akkamitti akka argamsiisuu danda’u agarsiisuu dhabuu fi osoo dhaabni kun miidhamaa jiru hoogganummaa irra taa’uun kanneen duraan jaallan kana akka uumama namaa oliitti ilaalan, akka hooggana isaanii ofiin qixxeessan haalli uumame. Kun inni maal narra jiraa qajeelfama natti kenna, waan hooggana isa godhu maal hojjachaa jira bakka jedhu irra gahamuu irra dabramee sadarkaa hoogganni ija tuffiitiin ilaalamu irra gahame.

Haalli akkanaa yeroo dhalatutti dhaaba tokko hoogganuu fi hoogganamaa tahuunis ni ulfaata. Irra caalaa ilmaan namaa warraaqsa keessatti nama ilaalu. Waraanni tokko kan ajaja fudhatee du’aaf of kennuuf murtii ajajaan isaa kennu wareegamni jiraatus kan jaallan isaa injifachiisuu jedhee waan amanuufi. Miseensi hojii siyaasaaf magaalatti ergamu tokko osoo qabamee akka wareegamuu maluu fi diinaan dhiphinni irra gahu beeku kan ajaja hooggan isaa fudhatee bakka barbaadametti bobba’uuf murtiin hoogganni isaa fudhatu qabsoo inni of kenneef milkeessa jedhee waan amanuu fi. Hunda caalaa dandeettii hooggana isaaf waan kabajaa qabuufi. Namni gabrummaa jala waan jiraatuuf dirqiitti du’uu hin qabu. Lubbuun isaa waan gabrummaa irra wayyaa ni argamsiifti yoo tahe malee. Haalleen armaa olitti mul’atan kun hooggana irratti abdii ummataa fi miseensotni qaban daake. Kabaan hafte kan akka jaarmayaatti waliif qabamu tahuun hafee akka wal beekkomsaa fi walitti aananiin qofa tahe. Kanaaf egaa ar’a qabso irratti osoo hin taane namoota /hoogganoota keenya irratti wal lolla.

3. Jabinni nama tokkoo ykn murna tokkoo kan madaalamu hojii tokko irratti of kenniinsa inni/isaan qaban osoo hin taane hojjatanii waan mul’isaniini.Akkuma namuu beekutti kanneen ar’a isin waliin jiran hedduun kanneen qabsoo kanaaf wareegama guddaa baasanii fi barootaaf dhaaba keessa turanii dha. Haa tahu malee akka murnaatti hoogganni kun kan madaalamuun yeroo isaan dhaaba kana keessatti dabarsan osoo hin taane jijjiirma ykn guddina isaan dhaaba kana keessatti mul’isaniini. Namni tokko waggaa keessatti guyyaa 360 hojii irra jiraachuu osoo hin taane maal akka calleessee dha. Rakkoo dhaabni keenya 1990-ta keessa keessa ture irra dabree erga Eritreatti hoogganni keenya cehe booda haalli ture ni wayyata waan jedhuu hedduun abdate. Keessattuu 1991 booda yeroo jalqabaatiif tin’isa diplomaasii fi waraanaa waan arganneef. Haa tahu malee haalli mul’ate kan abdii nama kutachiisu malee kan abdii nama horachiisuu hin taane. 1992-96 yeroo dirree turretti, hoogganni namni hagoon jiruu fi osoo marfama keessa jirru, yeroo diinagdee fi galaan ala irraa hin argamne waan socho’aa turre socho’uu dadhabne. Tattaaffiin yeroo hedduu karaa Somalee, Sudaan, fi Keeniyaatiin biyya keessatti WBO gadi dhaabuuf godhame hundi firii dhabe.

Kanneen biyya keessatti fincilaa turan yeroo diinni biyya irraa buqqisu humna isaan ofitti fudhatee isaan hujoomsu dhabee biyya ollaa keessatti salphina baqattummaa uffatee akka jiraatu tahe. Kanneen carraa argatanii biyya ambaa bahan hedduun akka maraataa qofaa haasawutti hafan. Haala kana hundaa irraa kan argame hooggana dhaaba kanaan deemaa ture jalatti hiriiruu fi haala kana jijjiiruuf qooda kennuu osoo hin taane irraa dheessuu fide. Ilmi waan tokko karaa hedduun ilaalee yoo dadhabu abdii kutata. Akka dur hojjadhu sanatti hojjadhee nan milkaawa jedhee waan hin yaadneef waan biraa ilaala. Kana irraa ka’eetti qabsaawotni hedduun kan hoogganni kun eessanuu nu hin gahu yaada jedhu irra gahan. Kana booda addaan faffaca’uun uumame. Hoogganni dur akka utubaa hundaa kabajaa “Wajjirra” qabsaawotaa fi ummataa inni keessa taa’uun nama hunda waliiti harkisaa ture kabajaan sun laaffannaan kan walitti hafe waliif mararfannoo qofa tahe. Ammas irra deebi’ee kan Oromoo qabsoo akkamitti fuula dura tarkaanfachiifnaa osoo hin taane namoota irratti wal loltuuf kanaafi natti fakkaata.

4. Waldhabiin 2000 uumame murna QC dhale. Murna kana waliin qabsaawotni lakkoobsaan hin tuffatamne achi bahan. Qoodama dur ture irratti qoodama biroo dabalate. Rakkoo kana furuuf tattaaffiin hedduun godhamus rakkoon ar’a deebinee akka humna tokko hin taane nu godhe akkaataa dhibdeen sun itti qabamee dha. Keessatti kanneen dhaaba kana irraa achi bahan diina jedhanii yakkuun namootni akka daran madaawanii jaala isaanii diina godhatan godhe. An yeroo sanatti faallaa murna QC dhaabbadhee kan natti himamaa ture, murni kun TPLF waliin qunnamtii qaba, mallaaqa hedduu akka diina irraa fudhatan ragaa qabna kan jedhu ture. Dhugaasaa Bakakkoo nan beeka. Nama 1992 irraa kaasee hanga fottoqanitti WBO rakkoo sana hundaa jala qaxxaamursee dha.

Xiqqaatu yeroo hamtuu sana humna diina jalatti gatee biyya ambaa hin baane. Jaala akkanaa jaallan isaa diina jedhanii yakkuun deebi’ee akka jaala jedhuu hin dandeenye godhu. Yeroo AWOn ijaaramte Amaan Kadiir fi kanneen isa waliin jiran akka diina waliin hojjatan dhageenne. Kana oduu karaa dabartu osoo hin taane hoogganootni keenya kanneen ABO bakka bu’an odeessa dabarsaa turanii dha. Osoo boruuf hin jedhin gadi baanee barruu fi afaaninis wal xiqqeessine. Diigamni itti fufe. Hunda caalaa haalli booressan 2008 kan dhalatee dha. Akkuma dhaaba keessatti wal dhabbiin mumul’achuu eegalteen ololli gandaan Oromoo walitti buusu eegale. Gadi bu’amee waan namni nyaatu bakka bulee fi oole, waan gaarii jireenya keessatti qabsoo kanaaf godhame hundi dagatamee hammeenyi daangaa dabre dagaage. Ar’a inumaa bira dabree walgahii jijjiiramaa irraa Abbaa Duulaa fi Juneeydiin qooda fudhatan kan jedhuutu jira. Kun cubbuu guddaa dha. Ummata sochii kana deeggaru tuffachuu dha.

Akkuma duratti tuqe, ABOn laaffachuun, dhaabni akka utubaa fi gaaddisaa qabsaawotni itti golgatan gaaddisa hiriyummaa fi gosaan bakka bu’e. Filmaatni dhabamee namuu of baasuu akka filatu dirqamae. Anis yoo waan hojjadhuun Oromoof bu’aa buusuu hin dandeenne kanuma filadha. Gabayaa maraataa keessatti kan maraataa tahu kan nama nagayaa tahuu barbaaduu dha.

Egaa kana irraa wanni an argu diigama keenya keessa alagaan akka hin jirree fi itti gaafatamaan numa qabsaawota tahuu dha. Dhaaba keessatti dhibdee keenya furachuu dadhabnee yeroo waggaa 10 hin geenne keessatti dhaabni sadi dagaagu nama biraa komachuu hin dandeennu. QC, AWO fi jijjiirama irraa kaasee kanneen diina waliin hojjatan akka hin jirre namuu ni beeka. Osoo kun dhugaa tahee silaa kkuma 2000 keessa nutti himame J. Galaasaa fi Dhugaasaan Finfinnee jiru ture. Silaa Amaan Kadiir faan Caffee Oromiyaa keessa jiraatu. Kanaaf akka natti mul’atutti rakkoo kana kan facaase qabsaawota Oromoo ti, kan dagaagses numa.

II. Haala ammaa kanaan itti fufnu balaan dhufu maali?

Akka amma argaa jirru kanatti itti fufnu Oromoo keessattti namni wal dhagahu ni hafa. Ummata qabsoo bilisummaa bifa nuti gaggeessinuu kana keessa dabree nilkaaye keessaa hayyuu hedduutu burqa. Generaalota lammiin itti abdatuu fi ajaja isaanii fudhatee nagummaa ummata isaa tiksuuf du’a irraa hin deebinetu mul’ata. Jaarmaya akka keenyaa dhibdeen xaxamee horofa keessa seenee hunduu keessa bahuu dadhabee waliin horofa dhiitu kana keessatti hunduu wal qixa tahee kan wal dhagahu dhabama. Ar’a kanneen kaleessa akka hooggan biyyoolessaatti ilaallu gosa gadi bu’anii hooggana gandaa tahanii jiru. Hedduun isaanii wareegamni isaanii dagatamee salphifamanii manaa bahuu hanga dadhaban gahan.

Haala amma mul’atutti osoo hin jaalatin daran gama gandaa wal dhiibaa jirra. Tarii ar’a namoota hanga tokkoo kan gandi isaa dhagahutu jiraata. Akka kanaan bakka gahuu waan hin dandeenneef garu boru gufuun tokko mudatuu fi sochiin qabsoo jaarmayootni adda addaa godhan kun gufatu hayyuu jedhamee kan namni tokko maatii isaa malee jala hin deemne mudachuu mala. Xiqqaatu ar’a Oromoo manguddoota gandaatiin walitti fiduu ni danda’a. Haalli kun itti fufi Oromoo miliyoona afurtamaa nama tokko tokkoon irraa deemuu mudanna. Kun ammaa waan hin taaneef nu hundi qe’ee wallaalummaan dhaalamee fi ummata diigamaa taanee hafna.

Namootni hedduun dharaan kanneen umriin bubbulan yakku. Osoo dhaloota haarayaaf dabarsinee rakkoon hundi ni hafti jedhanii yaadu. Kun dhugaa tahuu mala. Haala amma jiru yoo ilaalle garuu balaan mooraa qabsoo keessatti dhoohe xiqqaa guddaa faalee jira. Namni tokko tokko Oromoo biyya alaa kana malee ummatni biyyaa nagaya qaba. Kanneen ala jiran “Kuulii” isaanii malee qabsoof homaa hin yaadanii irra dabarree biyyatti of ijaarra kan jedhanii of soban nan dhagaha. Akkuma barootaaf of sobaa jiraannetti of sobuu yoo itti fufuu barbaadne malee haalli biyya jirus kana irraa fagoo miti.

III. Kanaaf Furnaatni Maali?

Furmaatni Jiru tokko qofa. innis qabsaawota Oromoo gidduutti araara buusuu dha. Kanas godhuu kan danda’u namoota qubaan lakkaawamanii dha. Kanaaf ammoo isin caalaa namni furmaata argamsiisuu danda’u hin jiru. Akka an amma yaadutti dhaaba keessan, ykn akka namni hedduun jedhutti “shanee” hudhama kana keessa baaftanii humna taasisuu fi humna kaayyoo bilisummaa bakkaan gahu godhuu yaadan jedhee amana. Murratnoo keessanis hin shakku. Akka natti fakkaatutti garuu karaan salphaan humnoota Oromoo hunda tokko godhuu caalu hin jiru. Akeekni keessan kun bakka gahuuf kanneen ar’a gandaan akka waan mirga Oromootti hin amanneetti yakkaman, qabsaawotni dharaan maallaqa diinaatiin kaayyoo diinaa bakkaan gahuuf deeman jedhamanii moggeeffaman hundi hooggana tokkoo fi dhaaba tokko jalatti hanga hin deebi’initti humna tahanii as bahuun ni ulfaata.

Akka carraa seenaa tahee bu’ureessitoota ABO gadi dhaaban keessa namni ar’a itti gaafatama qabsoo guddaa irra jiruu fi hojii qabsoo dhuunfaa godhate isinii fi namoota qubaan lakkaawaman tarii 5 hin caalle qofa. Jaallan babbareedoon, goototaa fi hayyoota hedduu waliin baatan wayyabni isaanii ar’a wareegamanii jiru. Hawwiin isaanii fi dhaamsi isaan yeroo wareegaman dhaammatan hundi akka hangafaatti isin harka jirti. Akka hangafaa fi hambaa jaallan kaleessa dabaranii sanatti ba’aa kana dhalootaaf dabarsuun yeroo ar’aa isin irratti kufee jira. Umriinis tahuu baatu dirqama ar’a irra jirtan irraa qabsaawota kan isin caalaa hangafu hin jiru.

Hangafti, ykn manguddoon araara buusa. Wal dhabbii lammii keessatti bakka ol’aanaa kan qabu lola sana injifachuu osoo hin taane nagaa lammiin hundi irraa baratuu fi itti waartu argamsiisuu dha. Kanaaf, jaallan wareegaman, kan ar’as wareegamaaf tarree hiriiranii fi saba Oromootiif jettanii mooraa qabsoo keessatti nagaa buusuu irratti akka hojjattan isin gaafadha. Kana fiixa baasuuf, kanneen ar’a jaarmayoota Oromoo adda addaa hoogganan, manguddoota golee Oromiyaa hundaa walitti dhufan,Abbootii Amantii fi hayyoota Oromoo walitti yaamuun dhibdeen kanaaf furmaata akka barbaadan godhuu barbaachisa. Nagaan qabsaawota Oromoo hunda walitti fayyisu kan dhalatuu dandahu garuu mataa [akka nama tokoo fi qaama hooggantaniitti] keessan irraa kaatanii ir’ina dabreef itti gaafatama fudhachuun akka hunduu garaa isaa banaa godhee ir’ina isaa amanee qaama furmaata of godhu karaa banuu qabdu. Kanaaf osoo ooltanii hin bullee nagaa lammiin barbaadu kana argamsiisuu irratti akka bobbaatan isin gaafadha.

Waaqni Oromoo isin haa gargaaru.

Lammii Oromoo barootaaf kabajaa saba isaa fi tokkummaa saba isaa hawwaa ture, yoggayyuu tokkummaa fi kabajaa sabaa dursu.

* Shigidoon qunnamuuf Shigido@gmail.com tti gargaaramaa.

Comments

comments

About the author

admin

Leave a Comment