Afaan Oromoo

Gaaffiin Oromoo Hangaftichi Deebii hin Argatin: Gaaffii Lafaafi Gaaffii Lafeeti

Tulluu Argaa

1. Seensa
abbaaduulaOPDOn mirga Oromoo kabajchiise jechuun gurra duuchaa jirti.  Oromiyaa daandii misoomaa qabsiifne jechuun bookkisu.  Kuni ammo abjuu qofa utuu hin taane raatuu guyyaa adiidha. Barreefama kana keessatti sirna Wayyaaneen gaggeessaa jirtu keessatti mirga Oromoo kan haga ar’aatti deebii utuu hin argatin ukkamamaa jiru keessaa gaaffii daangaa addatti baasuun gaafiin Oromoo kan waliigalaa gonkuma akka tuqamee hin jirre agarsiisuu yaalla.  


Itophiyaa keessatti Oromiyaaan bal’inaa fi dheerina lafaan naannoo mara caalti.  Heddumina ummataanis ni dursiti.  Maqaaf mootummaa naannoo Oromiyaaa jedhamu ni jiraa, daangaan isaa haga ar’aatti hin beekamu malee.  Daangaan akka hin beekamne gochuun lafa Oromoo yeroo barbadan irra muruun kan barbadaniif kennudhaf akka tolutti akka qinda’ee beekuun barbachisadha. Oromiyaan akka amma kaartarra jirtutti naannoo Tigraay irraa kan hafe naannoolee biroo hunda wajjin wal daangessiti. Seenaa addunyaa keessatti lolli irra hamaan kan waldhabbii daangaa irraa maddu waan ta’eef kan Oromiyaa sararamuu dhabuun balaa akkamii fidaa akka jiru gadi-fageenyaan xiinxalla.


Lafti tokko kan ummata beekame tokkoo ta’uu ulaagaa adda addaa laalanii murteessuun ni dandayama.  Ulaagaalee kana agarsiisan keessaa:
1. Lafti sun lafa aadaa fi afaan ummata sanii irratti dagaage ta’uu,
2. Seenaan ummata sanii lafa san wajjiin kan wal dhungatee addaan ba’uu hin dandeenye ta’uu,
3. Lafa sanitti kan fayyadamu ummata sanaa ta’uu,
4. Jiraattota lafa san irra qubatan keessaa wayyabni ummata san ta’uun faa akka qabxiilee murteessootti laalamuu danda’u.

Ulaagalee kanarra dhaabbachuun lafti tokko kan ummata sanati jedhamee beekama. Ummanni tokko yeroo heddu ummatoota biroo wajjin wal keessa jiraachuu mala. Ummanni Oromoo ummatoota biroo wajjin wal kabajee waliin jiraachaa ture, jiraachaa jira, fulduras itti fufee jaalalaa fi nagayaan wajjiin jiraata. As irraatti beekamuu kan qabu garuu ummanni Oromoo hangamuu fayyaalessaa fi dada-jaalataa ta’u mirga lafa isaa bulchuu fi itti fayyadamuu dabarsee kennu akka hin dandeenye, hin qabneedha. Mootummaan tokko mootummaa kan jedhamu lafa bulchu yoo beekeedha. Daangaan isaa sirritti beekamuu qaba.


Haata’u malee mootummaan naannoo Oromiyaa daangaa beekkamaa hin qabu. Wayyaaneen daangaan Oromiyaaa akka beekamu hin taasifne. Waan hingoonef, gochuus wan hin barbadneef sababa qabdi. Lafa Oromoo bibbiinxuudhaan (addaan qoqqooduun) bituun akka danda’amu lafti Oromoo walitti hidhatee akka hin beekamne gochuuf yoo ta’uu gama biraan immo lafa Oromoo yeroo barbaadan irra muranii keessummootaaf kennuudhan ofiif fira bitatanii, Oromoo ammoo abbaa lafummaa dhabamsiisuudhafi.


Kana duwwaa utuu hin ta’iin daangaa Oromiyaaa irrattti yeroo hundaa jeequmsi akka uumamu gochuun ummatni Oromoo bara baraan dhumaa jira. Oromoon lafa isaa dabarsee kennuu irraaa du’aa akka filatu waan beekanif yeroo hundaa dhigni ilmaan Oromoo akka dhangala’uu karaa waan isaanif saaquufidha.  Mootummana kun mootummaa yoo namni du’uu gammadu.  Oromoon yoo du’u Wayyaaneef cidha.


Dhimma kana hubachuudhaf bakka tokko tokko kaafnee ilaaluu dandeenya. Fakkeenyaaf aanaa Hundanee Godinaa Baha Barargee keessatti ummata murasa Adareen wajjIin naannoo tokko akka taatu godhameera. Dirree Dhawaan referendamii fakkeessuun murtii dabaa dabreen mootummaa giddu galeessaaf badhaafamtee jirti. Aanan Moyaalee Borana keessatti bulchiisi isaa bakka lamatti qoodamee gama tokko Sumalee, gama tokko immo OPDO akka bulchuu lafti Oromoo dabarsamee kennameera.  Daangaan Gujii fi naannoo Kibbaa sirritti hin beekamu. Daangaan Benishangulii fi Wallagga hin bekamu. Daangaan Baha Shawaa fi kan Amaaraa walittti nam’uu irraa walitti bu’iinsatu jira. Daangaan Finfinnee fi aanoota ollaa jiranii tilmaama malee ifaa miti.  Yeroo barbaadan aanolee naannoo Oromiyaa jiran irraa gamana mulqu. Finfinneen magalaa Oromiyaaa guddittii ta’uu utuu qabduu fayidaan Oromiyaaan irra argattu illee heera mootummaa irra taa’ee utuu jiru

Guutuu erga tana dubbisuuf, As tuqi!

Comments

comments

About the author

admin

Leave a Comment