Featured Oduu-Durii

Eebba Oromoo – Prayer

“Hayyee,Hayyee! Hayyee, Hayyee!

Waaqa Uumaa Waaqa Uumamaa

Waaqa Burqaa Haroo Wolaabuu,

Waaqa Sagaltama Garbaa,

Waaqa Salgan Booranaa,

Waaqa Torban Baarentummaa,

Waaqa Bokkuu Gurraachaa,

Waaqa Ciicoo Gurraattii,

Waaqa Caffee Tumaa,

Waaqa Shanan Gadaa Oromoo,

Nagayaan Nu Olchitee Nagayaan Nu Bulchii,

Nagayaan Nu Bulchite Nagayaan Nu Olchii,

Kaa Fantii Lafaan Lolte

Kaa Sammuun Waqaan Lolte,Nuraa Qabi,

Irraa-Gora Nu Olchii,

Dogoggora Nu Olchi,

Hamma Nura Qabi

Tolaa Nuti Qabi,

Xiqqaa Nu Guddisi

Gudda Nu Muldhisii

Waan Qabnuun Nu Bulchi

Rooba Nagayaa Roobi

Baraa Nagayaan Nu Basii

Gadaan Roobaa Nagayaa

Comments

comments

About the author

admin

2 Comments

  • Warra Opride, jabaattanii hambaa nuuf qopheesuu keessanitti gammadeera, baga gammadan; galatoomas.

    Eebbi (blessing) Oromoo fi kadaa/kadaachuun (prayer) wal fakkatchuu malu, garuu tokko miti. Kana irratti ibsii feesisuu hin oolu.

Leave a Comment