Afaan Oromoo

Seenaa Gabaabaa Haaji Muhaammad Sh. Kadiir

Manguddichi Oromoota bulchiinsa kutaa Baalee biratti akkaan jaalatamaanii fi beekaman – Haaji Muhaammad Sheek Kadiir Kabiir Huseen – biyya Su’uudi Arabiyaa keessatti du’anii jiran. Haaji Muhaammad umrii 85 addunyaa tanarra jiraatan.  Haajichi naannawa Danbal Garaadoo, bakka Shaffila jedhamu keessatti dhalatan.  Achumatti guddatanii ilmaanii fi loonis horanii abbaa qabeennaa tayan.  Haaji Muhaammad nama ummata keessatti  jaalala, kabajaa, fi dhageettii guddaa qabaataa turan.

 

Haaji Muhaammad nama ummataaf yaadu, ka fedhii dhuunfaa caalaa ka biyyaatiif  rakkatu tahuu  isaanif ragaa heddutu jira.  Lammiiwwan  Oromoo barnoota dhabaan miidhamanii duubatti hafuun   isaan yaadchifnaan,  lafa ufiitirraa qalaadii sadihi kennanii  manni barnootaa  akka naannoo sanitti  ijaaramuuf  jecha,  bakka gabaayaa itti walgeettullee tolchanii  magaalaa  “Danbal’  jedhamtu qabeenna mataa isaaniitiin  bu’ursan.

 

Ummanni  Oromoo harqootaa gabrummaa jalaa bilisa tayee akka jiraatu gochuuf  sochiin qammoojji  Baalee keessatti jalqabame akka  naannawa baddaa keessatti tumsa horatu  namoota  kaayoo san  babal’isan  keessaa  tokko  Haajii Muhaammad Sheek Kadiir  tokko turan.  Bara mootummaa Hayla-Silaasee,   qabsaawota Baalee keessatti  fincila kaasan kan  akka Ismii Abbaa Washaa-faa  harka lafa jalaatiin  manguddoota qabeennaan gargaaraa turan  keessatti argamu.  Mirgi ummata Oromoo tis   akka kabajamu, manguddoota bebbeekamoo akka Haaji Aadam Saaddoo-faa wajjiin hiriiree,  aangawoota mootummaa dura gootummaan  dhaabatee  warra  haqa sabaatiif  falmaa turan keessatti lakkaawaman.

 

San biras dabranii,  humna  qabsaawotaa  qopheeffatanii  bara 1977 dirree lolaa seenan.   Qabsaawota  nannawa  Hammarraa, Miicaa fi  Dooloo turan wajjiin  erga qabsaawanii booda, bara 1978, namoota bebbeekamoo  akka Haaji Abdullaahii  Ganamoo-faa   wajjiin  biyya Somaaliyaa dhaqan.   Achittis, sabboonota  qabsoof  bayan  wajjiin waayeema kaayoo ummataa irratti osoo mari’atan, bara 1981  gara  biyya Su’uudi  Arabiyyaa deeman.

 

Haaji Muhaammad  bakka  gayan marattuu  ummataa yaaduu hin dhiifne.  Biyyarraa fagaatuun  rakkoo biyyaa isaan hin dagachiifne.   Waan biyyaa fi ummataaf  tolu hojjaturraa takkaa duubatti hin deebine.   Biyya itti dahatan keessatti  ummata gurmeessanii mahaallaqa walitti qabuu dhaan, biyyatti erganii  masjida sadih ijaarsisanii, bishaan boonbaallee  itti galchisiisan.   Mana barnotaatii fi masjiida ijaarsisuu birallee dabranii,  gara fayyaa-eegumsaatiin ummata gargaaruuf osoo biyyatti  mana-wal’aansaa (Hospitaala)  ijaaruuf  tattaafataa jiran, dhibdee isaan qabdeen dhukkubsatanii osoo wal’aanaman magaalaa Makkaa keessatti  Onkoloolessa (Oktobar) 22, bara 2010  addunyaa tanarraa du’aan godaananii, akkuma hawwaa turanitti  dachii filamtuu  sanitti awwaalaman.

 

Namoonni keessa isaanii  beekan, “abbaa-misoomaa, abbaa ummataa, abba barnootaa, abbaa masjiidaa, abbaa biyyaa, sabboonnaa  Haaji Muhaammad keenna” jedhanii waaman.

 

Haaji Muhaammad akka manguddootti, alaa fi  biyya keesattillee,  ka waldhabe araarsuu, ka rakkate rakkinna baasuu,  ilmaan biyyaa kaayoof gurmeessuu,  ka baratuu barbaaduuf  ammoo  hiree barnootaa argamsiisuu keessatti qooda jabaa qabaataa turan.   Bakka maratti,  wayta mara  fedhii ummataa dursan.  Biyyi  akka misoomtee  guddattu, ummanni  ammoo  baratee dukkana wallaala keessaa akka bayu  umrii isaanii guutuu  qabsaawaa turan.

 

Haaji Muhaammad  haa  lubbuun du’an  malee, maqaan isaanii  hin duune.  Ilmaan  kudha  afran ardiiwwan Afrikaa, Ameerikaa fi  Eeshiyaa keessaa qaban  dhiisii,  galanni isaan biyyaa fi  ummataa oolan callaanuu,  ka  yoomuu   maqaa isaanii  waamsisu tahuu shakkiin hin jiru.  Rabbiin jannataan isaan haa qananiisu;  maatii fi jaalalloowwan isaaniitiif  ammoo  obsa haa kennu.

Comments

comments

About the author

admin

Leave a Comment