Afaan Oromoo

Dhaloota Fincilaa

Surraa Oromiyaa| Sadaasa 03/2010

Ilmi Oromoo guyyaa  mirgi abbaa biyyumaa isaa irraa mulqamee eegalee,  didda inni yeroo adda addaan taasisu jabaataa deemuun isaa seenaan nu yaadachiisa.  Qabsoo bilisummaaf godhamu  kana keessatti hirmaannaan barattoota Oromoo bara 1970 eegale, gara humana jabaatti jijjiramuun Jaarmiyaa siayaasaa guddaa uummata Oromoo biratti kabajamaafi jaalatamaa ABO gad dhaabuun qabsoo hidhannoo finiinsuutti seene. Jaarmiyaan siyaasaa kun dhibbaan dhibbatti milkaahuu baatus bu’aalee gurguddaa ijaan argamanis tahe kan hin argamne saba isaaf gumaachee jira.  San keesssa tokko dhaloota amma jiru, kan eenyummaa isaa irratti dammaqe, an diinaaf hin bitamu jedhu; Dhaloota fincilaa dhalchee dabre.

 


Anis waan haaraa barreessuuf odoo hin taane, akka barataa Oromoo tokkootti shoorri barattonni Oromoo Fincila diddaa gabrummaa bara 2000 irraa eegalee keessatti taphatan  wal yaadachiisuun dirqama taatee natti mul’atte jennaan qalama koo ol qabe.  Fincila diddaa gabrummaa barattoonni Oromoo taasisan san  keessatti qooda fudhadhee dabruun koo akka an obboleeyyan Oromoo waliin barnootaaf manaa bane, warreen  Oromummaaf jecha wareegaman, kan qaamni irraa hir’ate kan hidhaatti dabramee fi kan bakka isaan jiran hin beekamnetu  sammuu keessaa na belbelee boqonnaa na dhorke.   Sochii gootonni barattoonni Oromoo qabsoo bilisummaa saba isaaniif taasisan bara 2000 irraa eegalee golee Oromiyaa mara keessatti akka malee finiinuun diina meeshaa waraanaa hidhate waliin hudhee wal qabe. Kana keessatti  guyyaa Fincilla diddaa gabrummaa Saadasa 09/2005 Uummata Oromoof waamicha godhame keessatti hirmaannaan baratoota Oromoo akkam ture ? Wareegamuufi qaamaa hir’achuu gootota baratoota Oromoo meeqan keenyatu quba qaba? Meeqan keenyatu yaadata?


Fincila Diddaa Gabrummaa barattoonni Oromoo bara 2005 taasisan kan adda isa taasisu, barattooni Oromoo diina meeshaa hidhatee jiru waliin harka qullaa soda tokko malee hudhanii wal qabuu isaaniiti.  Fincilli kun Oromiyaa mara kan hammate yoo tahu, wal quunnamtiifi tokkommaa barataan Oromoo bakka cufatti qabu kan diina rifachiise ture. Diinnis akka malee rifachuun Waraana harkaa qabu, Oromiyaa keessatti facaasuun gootota barattoota Oromoo sodaachisuuf yaale. Dargaggoon Oromoo kaabaaf kibbaa, bahaaf dhihaa waliif dirmachuun fincila finiinse.

 

Gaaffiilee barattooni Oromoo  dheeheessa turan keessaa inni gurguddaan, Mirgi abbaa biyyummaa Oromoo haa kabajamu,  Mirgi Hiree ofii Ofiin murteeffachuu Uummata Oromoo haa mirkanaahu, Hidhamtoonni siyaasaa Oromummaan yakkaman gad haa lakkifaman, ABOn nu haa bulchu, fi kan biro ture. Gaaffii barattootaa kanaaf deebii diinni  qopheesse, gara laafina tokko malee baratoota harkaa qullaa jiran irratti Rasaasa gad roobsuu ture. Kanaafis Ragaa kan tahu, wareegamuu baratoota Oromoo sadarkaa 2ffaa Amboo, barataa Jagamaa Badhaaneefi Kabbadaa Badhaasaa ti. Barattooni kun lameen hiriira nagayaa guyyaa san gudhamaa jiru irraa qooda fudhachaa odoo jiranii tarkaanfiin gara jabinaa battalumatti irratti fudhatame.  Tarkaanfiin diinni guyyaa san fudhate sochii Oromiyaa fincilaa keessatti eegale sodaachisuuf haata’u iyyuu malee, gootonni barattoota Oromoo caalatti bakka maraa fincila finiinsuun Mootummaa biyyatti rifaasisuun Magaalaafi baadiyyaa Oromiyaa gara dirree lolaatti jijjiire.

Fincili Diddaa Gabrummaa kun babal’achuun, wareegamuun barattoota Oromoo bakka adda addaatti daddabalaa deeme. Kaan  mana hidhaatti dabree reebicha gara jabinaa irratti gaggeessuun, barataa waggaa 4ffaa Yuuniversitii Finfinnee kan tahe barataa Gaaddisaa Hirphasaa  du’aaf akka inni saaxilamu godhan. Achuma barataa moraa Yuuniversitii Finfinnee  bartataa  Alamaayyo Garbaa uumamaan qaama hir’uu ta’e mana hidhaa keessa baduuf jedhe jechuun rasaasan tumanii ajjeessan. Diddaa barattooni eegalan kun Oromiyaan ala baratoota barnoota Olaanaa baarachaa jiran birattis deggersa guddaan itti fufe.

Baarataan Oromoo Impaayera biyyatti keessatti  tarkaanfiin adda addaa akka fudhatamuuf wal quunnamtiin baratoota Oromoo caalaatti akka jabaatu taasise. Addunyaa birattis dhageettii guddaa argate.Bakkootii adda addaattis Alabaan ABO guyyaa murtaahef  gad dhaabbuun akka balali’u gochuu irra dabree Qabsoo bilisummaaf godhamu dhugaa ta’uu isaa mul’ise. Ilmi Oromoo barnootaaf manaa bahe reeffi isaa yeroo maatii issaf deebi’u, eenyutu rafee haa buluree?  Kanatu baratoota baratoota Oromoo bakka jiran maraa wal faana hiriisuun tokkummaan gaaffii mirgaa akka kaasan taasise.

Wareegamuu, qaamaa hir’achuu, barnoota irraa adabamuu fi mana hidhaatti dabramuun barataa Oromoo yeroo sanii, meeqan keenyatu yaadata? Meeqan keenyatu immoo kaayyoo isaan irratti wareegaman san galmaan gahuuf bakka jirru maraa waan dandeenyuun dirqama lammummaa bahaa jirra? Moo gaaffii barattonni Oromoo gaafataa turan sun deebii argattee jirti?

Dhugaa dha, bara 2008 irraa eegalee haalli mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti dhalate sochii siyaasaa  haa laaffisu malee waan har’aa taa’aa jiru san duubatti dhiifannee , meeqan keenyatu daandii gootonni Oromoo  bilisummaa saba isaaniif eegalan san galmaan gahuuf  dalaguutti jira.? Gaaffiin kun kan dargaggoo Oromoo ilaallattu taati. Yaa ilmaan biyyaa, nuti dhallotni har’a waan warri nu afoo turan tolchan ykn  balleessan komachuun yeroo keenya gubaa jiraanna yoo tahe, dhalootni nutti aanee jiru immoo waahee keenya maal dubbata laata? Of gaafadhaa. Waa maraafuu Torbeen fuuldura keenya jirtu kun waqtii/ waktii baratoota Oromoo fincila diddaa gabrummaa irratti wareegaman itti yaadannu waan taheef waliin haa yaadannun jedha.

Bakka jirru maraa waan bilisummaa saba keenyaaf ta’u irratti haa dalagnu.

Fincila Diddaa Gabrummaa Sadaasa 09/2005 godhame ilaalchisee

 

 

Comments

comments

About the author

admin

Leave a Comment