Afaan Oromoo

Gara Ministeera Aadaa Fi Turizimii Toopphiyaatti

Taammanaa Bitimaa Irraa

Obboo Aman Abdulkedir,Ministeera Aadaa Fi Turizimii Toopphiyaa Kabajamaa,

Mee waan hundaa nagaan namummaa fi kan Afrikummaa haa dursu!

Kunoo, harra xalayaa banaa tana akkan isiniif barreessu kan na kakaase, barruuleewwan ministeerii keessaniin baafamee, Agarsiisa Turizimii Addunyaa kan dira Barliin, Biyya Jarmanii keessatti gaafa 10. 03. 10 irraa hamma 14. 03. 10 adeemsifamaa ture irratti raabsame.

Akkuma ennaa biraa waan akkanaa argeetoo bira dabruu hin dandeenye. Kan akkan hin dandeenye na taasises, bara amma keessa jirruu fi mootummaa amma impaayerittii Toopphiyaa keessa jiru waanan qalbeeffaddheefi. Waan akkanaa kana   nafxanyoonni “teenya” isaan moofaan oggaa hunda baasu, dubbatullee, ittis boonullee! Ammoo, warri kooraa mootummaa Toopphiyaa kan ammaa kana koreetoo impaayerittii bitaa jiru, nafxanyoota haaraa dha. Isaan kun waan hedduun nafxanyoota moofaa-dhaan addaan-baafamu. Kan addaan isaan baasu keessaa inni tokko waayee gaafii sabaa ti.

Mootummaan keessan kun akkuma qawween cabseetoo handhuura Oromiyaa, Shaggar/ Finfinnee seeneen waayee gaafii sabaa irratti nafxanyoota Amaaraatti afaaniin duuluu jalqabe. “Ani firaa fi gargaartuu saboota, sablammiiwwanii fi uummatoota cunqurfamanii ti”, jechuun meeshalee qunnamtii isaan warra Dargii irraa dhaale sanitti dhimma-bawuun olola daangaa hin qabne oofaa ture. San bira kutuun hojiinillee rifoormiiwwan hin tuffatamne   tokko tokko godheeti jira. Rifoormiiwwan tanallee inni akka waan keennaa isaa taheetti haa dhiyeessu malee, rifoomiiwwan kun gumoo fi gumaa qabsoo bara dheeraa saboonni fi uummatoonni Kuushii fi warri kaan adeemsisaa turanii ti.

Kunoo amma, xalayaan tiyya tun qabxiiwwan duraasaa lama irratti xiyyeeffatti. 1)Waayee maqaalee lafaa kan Oromoo 2) waayee sanyummaa mootummaan keessan kun uummatoota Omoo (Kuushota Lixaa) irratti adeemsisaa jiruu ti.

Mee amma waayee maqaalee lafa Oromootiin haa jalqabnu! Uummanni Habashaa (uummanni Amaaraa fi uummanni Tigraay) fi uummanni Oromoo bardhibbee hedduu akka biyyoota ollaatti walmaddii naannoo Gaafa Afrikaa kana keessa jiraachaa turani.   Walmaddii jiraachuun kunillee dabree dabree kan waraana irratti dhaabate ture. Ammoo, uummatoonni kun akka ollaatti nagaanis walcinaa jiraachaa turaniiyyu. Garuu, gara jalqaba bardhibbee 19-ffaa irraa kaasee waraanni mootoliin Habashaa   keessumaa mootoliin Amaaraa uummata ollaa isaanii Oromoo irratti banan akka hamaatti itti-fufe. Booda mootoliiin Habashaa kun meeshaa waraanaa humnoota Oroppaa kanneen yeroo sanii: Biritaaniyaa Guddoo, Faransaa, Ixaaaliyaa fi   Rusiyaa irraa argachuun duula hamaa uummataa fi saba Oromoo irratti cimsaniitoo oofuu hojii isaanii isa hangafa taasifatani.

Duraan mootichi maraataan Teediroos jedhamu, booda immooo mootichi ijji isaa amantii Kiristaanummaatiin cufame, kan Yohaannis jedhamuu fi maayii keessa Minilik meeshalee ammayyaa kan warra Faranjii irraa kadhaa fi dhoortoon argatan sanitti dhimma-bawuun, gargaartuu fi gorsituu Faranjii of-duukaa buusanii daangaa Oromiyaa Laga Abbayyaa, Laga   Bashiloo fi Laga Barreessaa ciwuun Biyya Oromootti duulanii: sa’aa-nama, margaa-midhaan gubanii, gubsiisanii dachee Oromoo qabachuu dandayani. Waraanni Minilik akkanatti bara 1868 keessa Oromoo Abbichuu fi Jirruu moyeetoo qabatee, itti-fuufun waggaalee 31 booda, bara 1899 keessa Oromoo Booranaa qabachuun Oromiyaa guutuu dagabaafachuu (koloneeffachuu) dandaye. Minilik erga Oromoo keessumaa Oromoo Yajjuu, Walloo, Tuulamaa, Macca Bahaa fi Horro-Guduruu qabatee asiiyyi kan saboonni fi uummatoonni Toopphiyaa Kibbaa qabatamuu dandayani. Dallaan sibiilaa inni dur mootolii Habashaa isaan irraa ittisaa ture sun amma waan caccabeef uummatoonni Kuush, Omoo fi Abbayyaalee (“Nilotics”) waraana Habashaatiin moyamanii biyyoonni isaanii barbadaawanii, namoonni isaaniyyuu kan   dhibbaatama danuun lakkaawaman akka hoolotaatti gabaa biyya keessaa fi biyya alaatti gurguramani.

Waraanni Habashaa inni qawwee fi fannoo (“masqalii”) qabatee, Minilikii fi  phaaphasiin durfamee Oromoo Arsii erga mooyee booda /harka muraa fi harma muraa Aannolee/ adeemsise sun, inni uummata keenya Walaayitaa erga waraanaan cabsee, dhiiga namaatuu gadiciisee xuuxxate sun, inni uummata Kafichoo fi Dimmee gara dhibbantaa torbaatamaa (% 70) lafarraa duguuge sun,lafa Oromoo fi warra Kibbaa   irraa sarbeetoo uummata keenya gabbaarii fi gabra godhachuun jaarraawwan  baay’ee: dafqa, imimmaanii fi dhiiga uummatoota kanaatiin jiraachaa kunoo as gaye. Ilaa, ammallee lafa Oromoo saammachaa, lafee Oromoo caccabsatee nyaachaati jira. Warri uummata Oromoo fi uummatoota Kibbaa koloneeffatee jilbeeffachiisuun bitaa jiru kun, mootummaa isaa gegeeddarachuun takka mootummaa moototaa, takka mootummaa faashistii kan akka Dargii, takka mootummaa Amaaraa, takka immoo  mootummaa Tigree taheetoo argama. Haatahu malee, mootummoonni Habashaa kun  jijjiramanillee, dhaabbiin isaan uummata Oromoo, uummatoota Kuushii warra kaan, uummatoota Omoo fi uummatoota Abbayyaa irratti qaban hin geeddaramne. Gara-jabeessummaa fi bineensummaan gita-bittuu Habashaa kun, kan gita-bittuu   Amaaraas haa tahuu kan gita-bittuu Tigree otoo wal irraa hin citin hanga ammaattuu itti-fufee jira!

Kunoo, erga Oromiyaan teenya koloneeffatoota Habashaatiin qabamtee waggaalee 130 taheeti jira. Bara dheera kana keessa gabroomfattoonni Habahsaa miiddhaa fi roorroo akkaan hamaa tahe, karaa addaddaatiin uummata keenya irratti oofaa   turani. Ilaa ammallee ittuma jiru. Miiddhaaleen kun karaa dingadee, karaa hawaasummaa, karaa seenaa, karaa aadaa, karaa afaanii fi karaa siyaasaa tahaa   turani, tahaas jiru. Roorroo ginni-bittuu Amaaraa saba Oromoo irratti godhe   keessaa inni tokko, maqaalee lafa Oromoo gara maqaalee Amaaraa fi maqaalee Yuudaatti geeddaruu dha. Maqaaleen kan namaas haa tahuu kan lafaa, wanneen eenyummaa uummata tokko agarsiisan keessatti argamu. Maqaaleen Oromoo kan namaas   haa tahuu kan lafaa hiikkoolee kan qabanii fi bara dheeraa, seenaa dheeraa keessa hulluuquun kan nu dhaqqabani. Kanaaf, maqaalee lafa Oromoo kana geeddaruun roorroo ija-nyaate uummataa fi saba Oromoo irratti adeemsisuu dha.

Mee amma fakkeenyumaaf, maqaalee lafa Oromoo kanneen mootummaa Habashaatiin, keessumaa kan Amaaratiin geeddaraman muraasa wayii haa ilaallu! Ciro (“Asaba   Tafarii”), Hara Maayaa (“Alam Maayaa”), Adaamaa (“Naazireet”), Bishooftuu   (“Dabra Zayit”), Laaqii Dambal (“Ziwaay”), Shaggar/ Finfinnee (“Addis Ababaa”), Daalattii (“Alam Ganaa”), Hoolota (“Gannat”), Ejeree (“Addis Alam”), Asgorii Bachoo (“Dabra Gannat”), Waliso (“Giyoon”), Ambo (“Hagara   Hiywoot”) Adoolaa (“Kibra Mangist”)— fayi. Maqaalee Oromoo bira kutuun kan uummatoota: Haddiyyaa, Kambaataa, Sidaamaa, Gede’oo fi Gimiraa faas tokko tokko geeddaramnii jiru. Magaalaan Daallee, kan uummata Sidaamaa “/Yirgaalam/”-tti jijjiirame. Akkanuma “Hosaa’inaa”, “Arbaa Miinci”, “Miizaan Tafarii” faa kanneen jedhaman kan uummatoota Kibbaa fi kan Oromoo Amaaromuu isaaniiti nutti muldhisa. Habashonni biyyaa fi biyyee teenya humna qawweetiin qabatan kun: namaa-lafa, aadaa-afaan keenya Amaaromsaa turan, ammallee hin dhiifnee ittuma jiru. Nafxanyoonni moofaan namaa fi lafa Oromoo bira kutuun bineeyyii akka gadamsaa faallee “yeminilik dikkulaa” jechuun Amaaromsaa turani. Nafxanyoonni haaraan immoo isuma obbolaa isaanii irraa dhaalan san itti-fufuun, kunoo Gibe Qaldhaa fayiin “Gilgal Gibee” nuun jechaa jiru.

Asirratti mee fakkeenya tokko callaa haa ilaallu! Qaama uummataa fi saba Oromoo kan tahe, uummata Oromoo kan “Afran Walisoo” jedhamu, kan harra lakkoofsaan gara cinaa miliyoonaa (500 000) tahutu, achuma funyaan keessan jala naannoo   Shaggaritti argama. Magaalaan handhuura uummata Afran Walisoo taate Waliso jedhamti. Harra uummanni Afran Walisoo kun ijoollee-jaarsi, dhiiraa-dubartiin marti qaccee (diroo) ofii lakkaayeti mana 12 yookaan 14, yookaan immoo 16   irratti Waliso jedheetoo dhaaba. Ammeegaa, gabroomfattoonni Amaaraa waan Waliso uummata kanaa geeddaraniif, waan amma kitaabeen ministeerii keessaniin facaafamte “/Giyoon/” jettee keessuuf, uummata Walisoo jiraa fi du’aa isaa, dabrees saba Oromoo guddicha kana madeessitanii jirtu. Madaa hin fayyine isa   ginni-bittuu Amaaraa uummata Oromoo irratti raawwate isin warri Wayyaanees, yookaan warri Wayyaanee wajjin harkaa fi harkeellaa taatanis raawwachaa jirtu. Barruyyaa (kaartaa) keessan kan facaye san irratti: “Hagar Hiyiwoot, Addis   Alam, Asaba Tafarii, Naaziret, Giyoon, Dabra Zayit” faa jettaniiti jirtu. Kana waan gootaniif, shimala seenaa fi shimala uummata Oromoo jalaa milquun akka hin dandayamne ganamumaan beekuun mishaa taha!

Qabxii tokkoffaa irraa gara qabxii isa lammaatti yoo ceenu immoo, roorroo fi hacuccaa daangaa hin qabne kan uummatoota Omoo fi Abbayyaa irratti tahee fi tahaa jiruuti agarra. Ginni-bittuu Habashaa warri durii uummatoota keenya kana   akka bineeyyiitti adamsee qabuun, gabaa keessa dhaabetoo ittiin daldalchaa ture. Uummatoota keenya kana maqaa jibbisiisaa fi salphisaa itti-moggaasuun “/Shaanqillaa/” yookaan immoo “/gabra/” jechuun waamaa ture. Ammallee gariin isaanii warri dukkana bara durii san keessaa of-baasuu daddhaban, maqaa arrabsoo   kanaan uummatoota kana waamu. Harrayyuu warra uummatoota kana akka uummatoota Toopphiyaatti hin ilaalletu argama. Kana irraa ka’uuni harrallee Habashoota keessaa gariin uummatoota obbolaa keenyaa, Afrikaanota Sahaaraa gadii fi Afroo-Ameerikaanotaan “shaanqilloota” yookaan “gabroota” jechuun kan   waamani. “Lafa deddeebisanii dhiqaniif biyyeen irraa hin baatu”, jedha mammaaksi Oromoo tokko.

Kunoo, yeroo ammaa kana akka durii obbolaa keenya kanaan daldaluun addunyaa irratti seeraan dhoowwamaa waan taheef, akka biraatti isaaniin daldalachuutti ka’ame. Daldalli inni harraa kun daldala isa akka durii obbolaa keenya kana   adamsee qabachuun gabaa baasu otoo hin tanee, kan isaan amma achuma bakka jiranitti gandeeni fi manneen isaanii keessa lixee qullaa isaanii fakkoolee (footoowwan) kaasuun addunyaatti dhiyeessee, imaltoota (turistoota) itti-waamee   akka bineeyyiitti doowwachiisu. Isa biyyoota Afrikaa kan akka Keeniyaa, Tanzaaniyaa fi Repuplika Afrikaa Kibbaa faatti: leencota, arboota, sattawwaalee fi harrediidolee faa imaltoonni Faranjii dhaqanii doowwatan san, kunoo mootummaan Habashaa, ee mootummaan warra Wayyaanee uummatoota keenya kana irratti adeemsisaa jira.

Ammaan tana Sarangeetii bineeyyii isa Tanzaaniyaatu gara Sarangeetii uummatoota Omootti geeddarame jechaa dha. Sanyummaa Habashaa isa ifatti bayee miilaan deemu kana, namni arguu fedhe kitaabeewwanii fi   barruulee ministeerii Toopphiyaa kan “/Aadaa fi Turizimii/”-tiin, dabres dhaabbilee imaltootaa kan addaddaatiin bayeetoo magaalaa Barliinitti uummataaf hirame arguun gayaa dha. Egaa, amma gabraan daldaluu warra nafxanyoota moofaatu   gara ilmoo namaa qullaa isaa (qullaa ishii), qaama hormaataa fi kaan agarsiisuun   daldalachuutu nafxanyoota haaraa, warra Wayyaanetiin adeemsifama jechaa dha!

Sanyummaa ija baase kana uummanni Oromoo guutuun, uummatoonni Toopphiya Kibbaa marti, namummaatti amantoonni Habashaa fi kan addunyaa hundi saaxil-baasuu qabun jedha! Dhalli namaa karaa mirgaa fi haqaatiin: dhiiraa fi dubartiin, gurraacha   fi Faranjiin, Arabaa fi Hindiin, Shaayinaa fi Ameerikaanonni Warbiyyaa, warri Omoo fi Habashaan, Oromoo fi warri Gambeellaa, Kiristaana fi Muslimni, Waaqeffataa fi duukabuutuun Budahaa faa hundumtuu walqixxee dha. Akka amantii   Oromoo isa durii, akka Oromeetti (Waaqeffannaatti) karaa kamiinuu haa tahuu:   namaan daldaluun laguu dha; haraamuu dha; hooda; hoola. Akka seera Oromoo dimokiraatawaa sanii, akka Seera Gadaatti: namaan daldaluun seera caffeetti tumameen dhoowwaa dha.

Oromoon durii nama waraana keessaa boojiyellee ni moggaafata, ni guddifata, namni sun feenaan waggaa tokko booda gara biyya isaatti deebisa malee, nafaa fi lubbuu isaa jeequun akka warreen biroo hin   gurguratu. Nafxanyoonni moofaa fi nafxanyoonni haaraan ishii tanallee aadaa Oromoo fi seenaa Oromoo irraa barachuun of-wayyeessuu daddhabaniiti, kunoo akka   biraatti namaan daldaluutti ka’ani. Ginni-bittuu Habashaa kun kan warra Amaaraas haa tahu, kan warra Tigree uummatoota humna meeshaa waraanatiin koloneeffate kana dhiisitii uummatuma ofiituu: jeejee fi beela, gidiraa fi hiyyummaa, duubattafiinsa fi dukkana keessaa baasuu hin dandeenye. Hojii fi gochi isaa gaaddatee, saammatee, raammatee: dafqa, imimmaani fi dhiiga uummatootatiin buluu   dha. Garuu ni oola, ni bula malee, irree uummatoota gabroomfamanii fi irree uummata Habashaatiin rukutamee tayee-kosii keessatti darbatamuun isaa hin hafu!

Kabajamaa ministeera aadaa fi turizimii Toopphiyaa, kunoo ani yaada kiyya kana oggaan isinii dhiyeessu akka namaa fi keessumaa akka miseensa uummatoota warra Habashaatiin koloneeffamanii tokkootti kabajan isiniif qabu ibsuun fedha. Akka miseensa gita-bittuu Toopphiyaa harraa kanaatti immoo, yaada kanaa olitti ibsameeniin isin dura dhaabaddha. Kan akkan isin dura dhaabaddhu na taasise jaalalaa fi kabajan uummata kamuufuu qabu malee, jibba namummaa keessanii wayii miti. Ni tura malee, ni bula malee, aduun birmadummaa, bilisummaa fi walabummaa uummata Oromoo fi tiruuwwan isaa uummatoota Tooppphiyaa Kibbaatii bawuun waan   hin oolle! Kana waxalli basaaftuu fi foolisii keessanii, heddumminni manneen hidhaa keessanii, baay’inni taankii keessanii, hurrifni roopphilaa waraana keessanii, summii fi gorraatiin loltuu keessanii, dhoowwuu fi dhaabuu gonkumaa hin dandayu!

Taammanaa Bitimaa

============== // ==============

Comments

comments

About the author

admin

Leave a Comment