Asoosama Featured

Xalayaa Hayyuu – /Asoosama/

Asoosamni hujii Og barruu kalaqa ilmaan namaati. Asoosama jechuun dhara yookiin kijiba yookiin sobaa miti. Balaqqeettii jiruu-jireenna ilmoo namaati. Waan bakka takka yookiin bakka biraatti ta’uu danda’u qofa uduu hin taane waan ta’e tokko bifa sirnaawe qabsiisanii seenessuu dha. Nama beekkamaa tokkotu hennaa tokko, Asoosama beekkamaa woyii barreessee, gulaalchisee maxxansisiisuuf fidee bakka dhimmichi ilaallatutti kenna.

Asoosaamichi barreesse irraa fuudhamee eega geegeffameen maayii yoo laalan, barruun Asoosamichatti maxxanfameeru tokko “Asoosamni kiyya nama addunyaa tana irra jiru kamiinuu hin ilaallatu” ka jedhu ufirraa qaba. Asoosama bareedaa san namni dubbise hin turre. “Sababa barruu tanaatiin Asoosamni kee nu biratti maxxanfamuuf ulaagaa hin guutu” jedhamee abbichaaf deebifame.

Asoosamni waan dhugaa ta’e tokko” yoo jennu ammoo wonni Asoosama jedhamee barreeffame marti Asoosama jechuu miti. Asoosamni ulaagaa mataa isaa qaba. Kun ammoo waan yaada gabaabduu tanaan keessaa baanu waan hin taaneef bira tara.

Gocha saba Oromoo, keessattuu sabboontota Oromoo irratti raawwatamu bifa seenaatiin barreessuun hin dhiba qofa uduu hin taane hin rakkisa. Fakkeennaaf Asoosama gabaabaa tana dura barreesse ka “Lallaba hin dhagayamne” jedhu irratti hirmaatichi /the main character/ Tolchaa Magarsaa ti. Qabsoo Oromoo keessatti qabsaayaan maqaa “Tolchaa Magarsaa” jechuun, akka Asoosama san keessatti barreeffame sanitti dabre /kufe/ jiraachuu hin mala. An isa hin beeku. An ka beekuu fi barreesse garuu, sabboontota heddu bifa saniin dabran. Sabboontota lakkoofsa isaanii hin dhaqqabne, kanneen manneen hidhaa keessatti uduu gubatan, dabraniif maqaa Tolchaa Magarsaa jedhu kenne. Tolchaa Magarsaa Tolchaa Magarsaatii miti. Sabboontota Oromoo bilisummaa sabaatiif  lallaba hin dhagayamne uduu lallaban dabran kumii kitil malee. Gocha habashoota dhufanii lufaniin saba Oromoo irratti  raawwatame dhala dhufuuf dabarsinuun keessaa xurreen takka tana. Kanaaf jecha “Lallaba hin dhagayamne” abbaa dhagahuuf ka bifa Asoosamaatiin deebifnee lallabne. Kana ammallee itti fufna. Waan Oromoon bara keenna diinaan taate, karaa arganne kamiinuu abbaa dhagayutti ima lallabna. Filannee Oromoo hin taane; filamneeti malee. Akka eennu eennummaa isaa jibbee biraa gale uf biraa galla? Hin gallu. Bilisoomuu dhabne jenneellee abdii hin kutannu. Egaa Asoosama “XALAYAA HAYYUU”  jedhu kanallee mee dubbisaa. Kutaa tokkoffaati.

Barreessaan Amaan Hedatoo.

-1-

Audio clip: Adobe Flash Player (version 9 or above) is required to play this audio clip. Download the latest version here. You also need to have JavaScript enabled in your browser.

Guyyaan Sambata galgala. Saa’aan dhihee gara tokkoo fi cinaati. Lafti waan dimimmifteertuuf ijji ija hin agartu. Hoteela Cilaaloo alaa manni guutu dha. Wonni hoteela san jiru irra caalaan diraaftitti sirba. Garii ammoo diraaftitu irraa sirba. Sirba hoteelicha keessaa dhiichisu dabalatee, iyyansi namootaa Shaashamannee guutuu waan maraache fakkaata. Hoteela san keessatti, ka kutaalee baankonii fi siree malee ibsaan naannoo kaanii martinuu doomaa dha. Kanaafuu ka woliin taa’e wolitti wocu malee eennu eennuun akka ta’e ka wol hubatu hin jiru.

Jarri lamaan woyii ammoo, moonaa hoteelichaa keessa bakka woyii tataa’an. Eega dhufanii gara saa’aa tokkoo jala jiran. Lallaafaa ajajatanii, namoota wocan keessatti lamaanumaan gad qabatanii qaaqan. Maayii irra bilbila isa tokkoo jiddumaan iyyitetu, lafaa isaan yaase. Hoteeluma san, kutaa san dura qabatanii turan seenanii, balbala keessaan cufatanii wol dalga siree irra tataa’an.

“Heloo! Heloo!” jedhe ka dura silkiin itti iyyite.

“Maal taate? Qaata irraa si eegaa jirraa mitii?” jedhe Afaan Amaaraatiin.

“Dafi kaa!” jedhe, eega diqqoo caqasee.

Silkii cufee “Isapaa haadha nyaatu” jedhee, seeqataa, gara kaanii as gara gale.

“Haadha nyaattichi” inni baanu ammoo, hin turre. Uduma isaan afaan ufii, Tigriffaan, waan isaa qaaqan, dhufee balbala quqqu’e. Akkuma ol seenee, balbala gad cufee, nagaya wol gaafatanii, barcumaa itti akeekame irra taa’een, dhimma wolitti dhufaniifitti seenan.

“Amma yeroo hin qabnu …” jedhee haasaya jalqabe innummaan dura silkiin dubbise; Afaan Amaaraatiin.

“Inni duraa… haalli namoonni akka qorataman jedhame eessa akka gahe, inni lammataa ammoo, namni jenne sun saa’aa kanatti sarara tooyachuuf nuu salphatu irra jiraachuu adda baafachuu kee nuuf ibsita” jedhee, teessuma tottolfate. Goggogaa woyiiti. Qahinni qaamaa ammoo dheeraa fakkeesseera. Arrii wowworaanteertu malee rifeensi mataa guutuu dha. Umriin shantama ol hin ta’a. Funyaan isaa dheeraan yoo laalan, waan dubbii suufu fakkaata.

“Tolee… Miseensota kaabinee hagoo wolitti qabnee irratti mari’anneerra” jedhee jalqabe ka amma dhufellee. Yaadannoo woyii kiisii fudhatee, minjaala gabaabduu isaan dura jirtu irra kaayee itti fufe.

“…wonni haarawa arganne hin jiru. Martuu waanuma tana dura dhagayaa turree fi beeknu irra deeddeebi’e. Wonni wol gahii san irratti dubbatame ammoo martuu woraabeera” jedhee, rikkardara raadiyoo wookmaanii, kiisii ol baasee minjaala irra kaayee, inni itti fufuuf kaanaan “mee gabaabsiituma… odeeffannoo namoota kanniin irraa qabna jedhame nutti himi” jedheen, odeeffataan. Itti fufe; odeessaan.

“Akkuma isiniin jedhe wonni haarawa himame hin jiru. Namoota shakkiin itti jiru laalchisee wonni dubbatame, wol gahii hin dhufanii… ilaalcha mishaa mootummaadhaaf hin qabanii… miseensa dhaabaa ta’uu didanii… ka jedhuu yoo ta’u, nama amma jennu laalchisee ammoo mana barumsa mootummaa gad dhiisee ka dhuunfaa seene’ jechuudhaan waanuma wol jalaa dhagayan irra deddeebi’uu malee ‘wonni kun kana’ jedhee, waan qabatama qabu ka dubbate hin jiru. Caalaa ka itti xiyyeeffatame garuu, namuma amma jennu kana. Haata’uu malee sunillee waan qabatama qabu, ka ragaa ta’u waan hime hin qabu.  Fakkeennaaf; wol gahii irratti bulchaa aanaa gaafii hin taane gafachuu isaa…., yeroo tokko tokko wol gahii irratti aragamu irratti yaada kennu diduu fa’a… odeeffannoon inni tokko kenne” inni jennaan “kun odeeffannoo yeroo kamiiti?” jedhe ka isaan bira taa’u jiddumaan. Keeppii mataa qaba. Fuulli guutuun guututti mudhachuu baatullee bifaan magaala fakkaata. Qaamni ammoo hin yabbata. Hojjaan gabaabaa ta’uu ammoo bakkuma taa’ee beessisa. Haga ka dhufe odeessu ammoo hin dubbanne. Waanuma inni dubbatu gurraan guura.

“Kun waan ture… garuu wonni qabatamaan tokko, namtichi kun, ciigoodhaan bartoota mootummaa irratti kakaasuu isaati. Mana barumsaa amma jiruttillee ciigoo amma jedhamu kana barsiisaa jiraachuu anillee odeeffannoo gahaa qaba” jedhee inni itti fufnaan “amma ka barbaannu waan hojjataa turee miti. Bakka inni ammaan tana jiru” jedhee, dubbii ka odeessu afaanii fudhate qaldhichi.

“Manatti galeera” ka odeessu jennaan, lachuu mataa raasan.

“…Obboroo akka karaa deemu ammoo hubadheera” jedhe ammallee.

“Eessa deema?” jedheen qaldhichummaan.  Shaggar deemuu akka hin oolle itti hime.

“Saa’aa itti ka’u hoo adda baafattee?”

“Awutobusa yookiin taaksii ka yaabbatuu kaan hin beeku. Yoo taaksii ka yaabbatu ta’e, halkan saa’aa kudhanii fi kudha tokko jiddutti manaa bahuun isaa hin hafu. Namni taaksii yaabbatu yeroo baay’ee saa’aa kana jiddutti baha. Yoo ammoo Awutobusaan ka deemu ta’e haga kudha lamaallee eeguu danda’a”

“Adurriin tee ardha taa’aa buluu isaaniiti kaa!”

“Maaliif?”

“Odeeffannoo sobaa si okayanii yoo miliqe hoo?”

“Maal waan shakkitan qabdanii??”

“Lakkii… hujii odeeffannoo kamuu keessatti waa shakkaa deemuun waanuma jiruuf malee waan addaa waan qabnuufii miti”

“Tole kaa…!” jedhee inni mataa raafnaan “kana irratti mari’anna” jedhanii ka biraatti taran. Sanii  garuu guddaa woliin hin turre. Haasaya fixatanii,waan barbaadan wol irraa fudhatanii, ka barbaachisus wolii kennanii, rikkardarallee jarumatti dhiisee, bahee lixe; namni odeeffannoo sun. Umriin shantama jala gaheera. Dargii keessa kaadree ta’ee haga gabaabduu hojjate. Baras yoo qaaqatti ka’e hin hifatu ture. Hin hifachiisa malee. Waan sooshaalizmii yoo qaaqu, waan ufii isaatii uume fakkaata. Jannata sooshaalizmiin qabu fidee ummata afoo kaayuu malee homaa isa hin hafan ture. Garuu sooshaalizmii fi dargiillee eega isaan ka’uuf qubaan dhaabatanii dhaqqabe. Isaan ammoo hin turre. Raratanii uduu hin taane, raramanii karaa irraa goran. Inni ammoo faana hin lin’e. Biraa hafee, ka bunaan dhuganii fi karaan deeman ta’e. Ammoo hin turre. Daaraa itti kufe dhadhayatee, mataa dhiqatee gabbahe. Inni kaleessa, harka bitaa tomtoommachiisee, ‘ka guwaad Mangistuu Hayila maaram Abiyootaawii ammaraar gaar wodafiit!’ jechisiisaa ture, “nu kaleessa bar jiraachuuf jenneeti malee dargii deeggarree hin turree. ‘Ka guwaad Mangistuu gaar woda fiit’ jedhanii, bara harka darban san ‘nu suuta jennee, akka nu hin agarretti ‘woda huwaalaa’ jedhaa turre” jedhee, qaanii tokko malee, kijiba guddaa jaarraa 21ffaatiin ummata kolfisiisuu jalqabe. Ummanni haa kolfuu malee isaaf homaa hin turre. Inni haga dargiin jige, qadhatee surree keessatti daaqaa ture ardha, furdinna isaa barasiitti deebi’ee, ka kophee ufirratti laalaa saggaaru ta’e; kaadireen dargii kaleessaa, Kaabineen woyyaanee ardhaa, akkasumallee qajeelcha godina Arsii Lixaatti, itti aanaa waajjira poolisaa, Lammaa Bayyanaa.

Lamiin sun, Lammaan biraa baanaan wolitti gara galanii qaaquu jalqaban.

“Odeeffannoo gahaa harkaa hin qabuu agartee?” jedhe qaldhichi.

“Odeeffannoon argame gahaa ta’ee baatee, wonni barbaadamu qurxummii qofaa miti. Waan qurxummii fakkaate muldhatellee bishaan keessaa guuruu dha” kuun jennaan mataa wolitti raasan.

Lammaa ni amanan. Bakka itti dhalatee fi worra irraa dhalate akkasumallee amala isaa jara amma inni woliin ture caalaa ka qorate hin jiru. Bakka amma jiru tanatti, karama kamiinuu “faxxaan lotorii” ‘muummichi ministeraa jedhe ta’uu akka hin dandeenne ka mirkaneeffatan, ardhaa miti. Tureera. Afaan Oromoo itti uf bare; Lammaan. Aadaa Oromoo naannoo keessatti guddateetii mitii, ta keessa bahellee worra ‘faxxaan lotorii’ jedhaniin garii gadittii miti ka beeku. Odeeffannoon tana dura kennaa ture, ka bu’aa buusellee gatii amanamummaa dabaleefii jira. Bakka amma jiru magaalaa Shaashamanneetti ammoo, Oromoo Salaalee ta’uu himata yookiin himan. Maqaan isaa qajeelaa, Lammaa Gabra Xaaiq, Yehuwaalaayee, Gooshimee ta’uu ammoo ka beeku hin jiru.

Kutaa woraanaa “44nyaa kifla xoor” jedhamee waamamu, kaambiin isaa tokko magaalaa Shaashamannee wolakkatti argama. Kaambii kana gara halkanii dhiisii guyyaayyuu namni seenuu fi bahu yookiin seensifamuu fi baafamu eennu akka ta’e hin beekkamu. Worra beekuu qabu bira waan tare ka beeku waaqa qofa. Shaashamanneen silaa hin dubbattu. Ka isiin dubbattu ammoo ka dhagahu hin jiru. Isiin ima dubbatti.

“Dur irraa haga ardhaatti, waan Oromoon dachii isaa irratti ta’e lafa Oromiyaa tamtu dubbate? Yoom dubbatte Aanole? Yoom dubbatte Calanqo? Yoom dubbatte Asuule? Yoom dubbatte Ituun guutuun? Baale hin cadhifnee? Hin caldhifnee Tuulamni? Macca hoo yoom hafuursite? Yoom dubbatte Booranaa fi Gujiin guutuun? Yoom dubbatte Watar? Yoom dubbatte Sigmuu fi Gaattiraan? Yoom dubbatte Hammarreessaan? Hin caldhifnee Dalloo? Meeti Mooyyaleen ka dubbatte? Yoom dubbatte Ambo? Yoom dubbatte Dhedheessa? Yoom dubbatte Baatuun yookiin Zuwaay? Yoom dubbatte Huurso? Finfinneen garama isiitti baadhattee dubbachuu hin dinnee? Yoom dubbatte Dacheen Oromoyaa tuuwwan? An qofa maaf dubbadha! Akkamitti dubbadha! Afaan dachiin Oromiyaa kuuwwan hin qabne an qofa eessaa fida?” jetti ; Shaashamanneen.

Jarri humna tikaa, Lammaa uf biraa geegessan sun hoteela Cilaaloo hin turre. Isuma faana yaa’uu isaanii ammoo inni hin agarre. Ta achii yaa’an garuma kaambicha sanii qajeelan; gara 44nyaa kifla-xoor. Achitti waahiloota isaanii kanneen biraatiinillee wolgahanii, odeeffannoo argatan irratti hundaayanii, boru ganama irraa jalqanbanii qurxummiilee qofa uduu hin taane, waan qurxummiilee fakkaatellee akka bishaan keessaa itti guuran mari’ataa turuuf yookiin buluuf…

************************************************

Kutaa 2ffaa|Kutaa 3ffaa|Kutaa 4ffaa|Kutaa 5ffaa|Kutaa 6ffaa|Kutaa 7ffaa|Kutaa 8ffaa|Kutaa 9ffaa|Kutaa 10ffaa

Comments

comments

About the author

admin

4 Comments

  • Gurbaa! Namni hundi akka kee kana gahee ofii osoo bahee Oromiyaan gahee ufii hanga hadhaa bahuu hin dhabdu. asoosama xalayaa hayyuu jedhu kana keessaatti aadaan, jechoonnii fi jechamoonni, akkasumas haalli qabatamaan yeroo ammaa Oromoota Utaa fi Waayyuu keessatti argaman haala midhaagaa ta’ee fi loqoda naannoo Magaalaa Shaashamannee tti dubbatamu Oromoota hunda bifa hubachiisuun waan qindaayeef gaariidha jedha. Haa ta’uu wonti ati fooyyessuu qabdu 1. Yoomessi asoosama kanaa naannoo shaashamannee qofatti daangeffamuu hin qabu. Yeroo ammaa worri muukuun siyaasaa itti muramee fi warri gadaan sheltellee gandoota baadiyaa naannichaa irraa kaasee hanga bulchiinsa “white house” waan jiruuf yoomessi asoosamichaa waan dhiphate natti fakkaata. 2.jechoonni ati fayyadamte worra loqoda naannichaa beekuuf akkaan niyyaa namaa hata. Osoo jalee irratti (foot note) irratti jecha wal taaween hiikkaa kenniteefii silaa dhadhama bachotti nam’een beeki. Kan irraa hafeen Rabbiin Umrii dheertuu, hamilee geettuu, rizqii badhoo, siif haa kennu. Kasiif keene sii haa sifeessi. nagaatti!

  • Dhugatti asoosama gabaaba erga baldha dabarsudha. Amaan Hedatoo barreessa cimadhaa. Jabadhu jabadhu itti fufi kenna qabdun ummata kee barsisi. Hori buli.

  • Amaan Hedatoo, horii buli, ija irraa hafi. “Sangaan dhaabbatu garaa sangaa ciisuu beeka” jedha Oromoon yoo mammaaku. Waan keessa kee ciisaa barreeffama kana irraa hubachuun nama waan dhibuu miti. Ani keessi kiyya baay’isee na rifate. Sababiin isaas anis iddoo maqaa isaa ati asoosama keessatti dhoofte ykn kaaste kana haalaan beeka. Waan bakka sanitti geggeeffamuu fi ta’amu hunda isaanis wollaalus baay’ee quba qaba. Dubbii ati jette keessaa qal’achuun gurbichaa, tokko gabaabaan yabbaan ati baantus dubbii dhoksaa jiruu miti. Garuu, ana garaa gayeera. Dhuma asoosamichaaf osoo si waliin dubbisee irratti yaada goolabaa kennee gammachuu kana hin jenne qaba. Kennuu baadhus dubbiin garaa na geetteerti. Baga jiraatte atummaan. Ammas jiraadhu. Umrii dheeraa rabbiin si haa badhaasu. Barreessuu irraa dubatti hin deebi’in. Ammas wantootni kanaa fi kana fakkaatan hedduun kan bifa asoosamaatiin bayan hedduutu jiraa mee rabbiin si haa gargaaruu jabaadhuu irratti hojjadhu!!!!

Leave a Comment