Asoosama Featured

Xalayaa Hayyuu- Asoosama Kutaa 2ffaa

-2-

Audio clip: Adobe Flash Player (version 9 or above) is required to play this audio clip. Download the latest version here. You also need to have JavaScript enabled in your browser.

Galgaluma san. Shaashamannee, Malkaa Odaatti saa’aan gara lamaati. Akka Abboostoo wony’i guddaa hin jiru. Caldheensa galgalaa san keessa taa’anii, woca simbiraa dhagahuun namatti tola. Samiin buleen duumessa haqatee gara gurraachaatti dabu, urjiilee laakkayanii hin dhaqqabnee fi baatii elelloo ta saddeeta tokkoo ol ammatee, waan lafa tanarratti uumame waan gad daaw’atu fakkaata.

Damboobaan ala balbala mana isaa, mucaa isaa ammatee taa’ee, uumama samii kana daaw’ata. Uduma inni kanatti jiru “aabbaa” jedhe mucaan. Innillee samii daaw’ataa ture.

“Baatiin elelloo hagam fagaatti?” jedhe abbaan jalaa awwaannaan.

“Fag’o Hayyuu!” jedhe akka waan kolfuu ta’ee.

“Fagoon meeqa?” jedhe mucaan deebisee.

“Fagoo fagoo fagoo fagoo fagoo… Fagoo!” jedheen abbaanillee deebisee.

“Meetira meeqa?” jedheen mucaan deebisee ammallee. Ganna shanii fi cinaa yoo ta’u kutaa tokko barata. Waa’ee meeshalee safartuu, ka akka meetiraa fa’a, ka mana barumsaatti barsiisan caalaa isatu manatti barsiiseen.

“Fagoo! Fagoo! Fagoo! Fagoo! Fagoo! miliyoona” jedheen kolfaa.

“Na sobaartaa mii… ka dhugaa natti himi!” jedheen mucaan.

“Si sobaa hin jiru Hayyuu kiyya! Dhugama siin jedha” jedhe ammallee kolfaa.

“Maaliif kolfita ree?”jedhe mucaan. Yoo takka gaafiin qabe, gad hin dhiisu. Yeroo tokko tokko, yoo waan gaafate inni itti himuu dhabu hin booyall’e.

“Dhugama sitti himaara Hayyicha kiyya! Si sobaa hin jiru” jedhee dagachiisuuf ufitti qabee dhungatee, waan biraa itti qaaquu yaale. Mucaan garuu ammallee achuma jira. Garuma samii baatii elelloo laala. Ka abbaan itti qaaqe waan dhagahe hin fakkaatu.

“Amma maali irra dhaabatteerti aabbaa?” jedhe, amma ammoo.

“Maaliin?” jedhe abbaan amma qasha’aa.

“Baatiin elelloo” jedhe mucaan amma qubaan itti akeekaa, uduma inni kolfu.

“Waan siin jedhu Hayyuu… Ardha xalayaa naa barreessitee?” jedhe uduma kolfu.  Ammallee dagachiisuu barbaadeeti. San keessa Afaan Oromoo akka sirritti qabatu godhuudhaaf akkaataa xalayaa itti barreessanillee qabachiiseeraan.

“Hin barreessine” jedheen mucaan.

“Maaliif?”

“Ayyitetu dabtara ciccirtee fixxe jedhee qalamaa fi dabtara na harkaa fuudhe” jedhe mummu’amaa. Gara manaa ol lallabee “si Ruufo! Maaliif Hayyuu xalayaa naa barreessuu dhooggite? Eeggadhu! Eeggadhu!” jedhaa akkuma ammatetti oliin ka’ee moonaa san keessa olii gadiin deddeeme.

“Natti himi kaa aabbaa!” jedhe mucaan ammallee waanuma baatii elelloo san bira qalbiin jirtu. Wonni baatiin elelloo sun irra dhaabatteertu ammallee isaa hin galle.

“An hin beekuu cadhisi mucaa!” jedhe amma akka waan hifatuu ta’ee.

“Adaa ati homaa hin beettu!” jedhe mucaan.

“Dhugaa keeti bada mucaa…” jedhee kolfaan qasha’aa, akkuma baadhatetti manaan seene.

Maaliif akka kolfu jaartiin isaa, Ruufo gaafannaan itti himee, isiinillee kolfite.

“Gurbaa kana lammata qabadhee mananaa hin bahuun” jedhe ammallee uduma kolfan.

“Maaliif?” jette Ruufo.

“Kaleessa hennaa asii baane waan na godhe dhageettee?” jedhe. Jalaa qabde.

“Isa ammadhee, gaarii yaabbannee uduu kaambii bira taraarru…. maaltu as keessa gala? naan jedhe gara kaambii akeekaa”

“Kaabiin kam?” jette.

“Ka woraanaa kana kaa!” jedhe, bakkuma taa’eeruu, gara kallattii kaambiin jiru areedaan akeekaa.

“Hayyee!” jette isiinillee. Kolfuuf taati.

“Loltootatu as gala’ jennaan maal jedhe seeta?’ Woyyaanetu as galaa? naan jedhe. Namtichi gaarii oofu ufirra nu midhatee seeqatee cadhise” inni jennaan qashaate.

“Dhugaa siin jedha namtichi sun uduu jarallee ta’ee hin beeku” jedhe innillee kolfaa.

Inni kana jennaan, amma kolfa irraa deebitee, qoonqa yaaddayeen “si qaraa si jaalatanii… rabbummaan si haa tissu! Atillee adabattee akka jiraattu hin taatu” jettee, gara irbaata tolchuuf mana keessa asii achi taffisaa turte isiin garagallaan, “maaluma godhe mee anummmaan Ruufoo tiyya! Mee maal balleese?” jedheen. Amma as garagaltee “bartoota kakaasa jedhanii, si jala deemanii waan ati jette mara akka guuran hin beettaamii? Akka waan, waan barsiiftu dhabdee ‘ciigoo ciigoo’ jedhaa qaaqa nagadda atillee. Dhiiftee hoo?” jetteen.

“Afaan Oromoo barsiisuun bartoota kakaasuu yoo ta’e afaanuma Oromoo akka hin barsiifamne godhuu malan. Ciigoollee ta’ee afoola afaan Oromoo an hin barsiise malee hin uumne…” jedhee uduu inni hin fixin “isaan hin barbaadanii hoo Damboobaa kiyya! An mataan kiyya ‘tuqaa didaa!…’ jedhe barsiisaan Damboobaan jettee ijoollee haasoftu heddu argeera” jette, akka waan isatti aartee taatee. Umriin wolakkaa diddammanii yoo geette hin guddata. Diimtuu cinaa magaalaati. Bareeda fuulaa “uuu…” jedhaniif qabaachuu baattullee bushooftuu miti. Ammoo ta dhaabni isii qalbii namaa balleessu tibbooftuu intalaati.

“Maal jechu tuqaa didaa jechuun?” jedhe Damboobaan seeqataa. Umriin soddoma qadaadeera. Hojjaan jiddu jireessa. Rifeensi mataa moluufii miti, faaxuufillee ka tole jedhuu miti. Bifti, gurraacha buna uf keessa bareedu. Irra jireessa ammoo qaaqa isaattu nama hawata.

“Waan barsiifte situ beekaa… an maal beeka?”jetteen.

“Tuqaan fayyaaf namaa hin toluu… hin nyaatinaa… ufirraa dhiisaa jechuun anuma. Ka biraa kam?” jedhe ammallee. Ima seeqata.

“Kana anuu dabtara kee keessatti argee dubbiseera… mee akka jettee barsiifte san maruma isaa himi” jetteen. Isiinillee hin seeqatti.

“Maal agarte dabtara kiyya keessatti?” jedheen.

“Waanuma ati barreessite kaa!” jettee, as deebitee, komadiinoo inni kitaabbilee itti guuratu bira dhaxxe. Dabtara jettu barbaaddee ol fuutee, eega gaggaragalchiteen booda “kun maal jedha?” jetteen barruu woyii itti akeekaa.

“Kum?” jedheen dabtatra isiin jala qabde laalaa.

“Mee eega waanuma ufii keetii barreessite wollaalte, sii dubbisaa eegi” jettee, dubbisuuf ol jette. Barruu san, san dura irra deddeebitee dubbifteerti. Amma dubbisuuf isii hin dhibne.

“Haalli ilma namaa, waan hin tolle sadaa,

Woligguuree nyaataa, mishaadhaa fi babbadaa,

Isiniif hin toluu, jireenyaaf asiidaa,

Wonna maraa nyaadhaa, joolle tuqaa didaa isiin jennaan

“kun maal uf keessaa qaba ree?” jedhe.

“Na hin tuqinaa jedhaa!… Hin tuqaminaa!… yoo isin tuqan ka’aa lolaa…’ jechuu hin ta’uu?” jetteen.

“Ni danda’a”

“Maarre?”

“Maaliin?”

“Ijoolle mootummaa irratti ka’aa!  na hin tuqinaa jedhaa’ jettee barsiifte yoo siin jedhan hoo?”

“An afaan Oromoo barsiise malee kana hin jenne jedhaan” jedheen. Ima seeqata.

“Damboobaa kiyya! Waan garii uduma beettu maaliif uf sobda? Akka amma jettu kana anaan jechuu hin dandeetta. Worra waanuma an jedhetu sirrii dha jedhuun ammoo kana jechuu dandeettaa?” isiin jennaan mataa raasee, “Ruufoo tiyya! ka rabbi jedhe malee hin ta’u! Afaanuma Oromoo barsiisuu yoo dhiise malee qaan’i akka na hin dhiifne hin beekaa dhiisi” jedheen uf keessa gaddaa.

“San woyya Damboobaa kiyya! San woyya! Afaanuma Oromoo barsiisuun yoo sitti hafe hoo?” jetteen. Mataa irbee jalaa caldhise.  Mana barnoota mootummaa dhiisee eega ka dhuunfaa seenee woggaa lama jira. Afaan Oromoo barsiisu irratti ammoo qaan’i haga mana barnoota dhuunfaa seenellee biraa hafuu dhabe. Sambattan lamaan Yunivarsitii Hawaasaatti Ingiliffa barata. Kanaanis digrii isaa fudhachuuf ka isa hafu baatii tokko. Kanaaf ammoo qophii irra jira.

“Uffata boruu naa qopheessiteertaa?” jedhe eega irbaata nyaataniin booda, Ruufoo mana keessa asii achi jettuun.

“Hin bultaa?” jette eega akka qopheessiteef itti himteen booda.

“Hin beeku. Yoo mirqaanne bulee gala. Yoo bule garuu iftaan obboroo as jira” jedheenii, waan heddu woliin haasayaa eega turaniin booda “mucaa kana uffata irra dhayi” jedhe, Hayyuu siree irratti, uffata ufirraa mulqee huursu laalaa. Hin jaalataan; akka malee. Yoo laalu abbaa isaa ka lubbuun hin jirre itti fakkaata. “Abbaan kiyya mucaa kiyya keessaan natti mudhataa bar” jedha yoo abbaa isaa yaadatu kamuu.

Itti gad jettee eega dhungattee, uffatata itti uffiftee kaatee “dabtarri tokkochillee hin jiru. Aabbaa xalayaa barreessa jedhaa ciccira” jette.

“Silaallee ka jaraa kanuma! Dabtara akkasitti cicciree waa itti baratu bituufii qaba. Ijoolleen akkasitti malee waa hin barattu” jedhe innillee, mucaa bakka ciisutti achi laalaa.

“Ganama silaa akkuma ka’een si gaafata” isiin jennaan “waan maraa bitee sii gala jedheera jedhiin. Haga an galutti xalayaa barreessitee akka na eeddu siin jedheera jedhii sossobi” jedheen. Akka san dura kitaabbilee dubbisuuf turu hin turre. Imala waan deemuuf yowaan ka’uuf yowaan gad ciise. Halkan saa’aa sagalitti ka’e. Homaallee hin nyaanne. “Waa afaaniin qabi! Ruufo jennaan “lubbuun naa hin nyaattu Ruufa tiyya” jedheen. “Waanuma diqqoo afaaniin qabi” jettee humnumaan, waan halkaniin kaatee goote afaaniin qabsiiftee ka’uuf qophaaye. Hayyuun isaanii hirriba oo’aa keessa jira. Bakkuma inni rafutti itti jedhee, ufitti qabee dhungatee, fuula irraa waa hahhaxaayee, ija gara nyaattootiin ufirra laalaa, “Ruufoo tiyya! Waan inni barbaadu maruma irraa hin dhooggin! Keessattuu yoo inni waa barreessa jedhu. Maal godhuu danda’a! Na jalaa hin boochisiniin! Yoo ati waan inni barbaadu irraa dhoorgitu na yaadatee na jalaa yaaddaya!” jedhe. “Dhiisii beena! Ati silaa haadhuma ambaa na gootee… Damboobaa! Ati bar na caalaa isa jaalatta!” jettee baldite. “Ati qofa isa caalaa na jaalattaa?” jedheen. “Maal woy dura isa argee?” jettee seeqatte.

“Damma tiyya! amma baldaaf yeroo hin qabnuu… kana wolitti gallee qaan’aa…” jedhee saa’aa laalaa “ati akkuma na jalaa hin boonne naa godhi! Nagayatti naa ooli” jedhee ufitti qabee dhungate. Isiinillee dhungattee “karaa nagayaa beena kaa! Rabbi si bira haa jiraatu!” jettee balbala moonaa mana isaanii baaftee, shaanxaa fannifatee, uduma laaltu dukkana halkanii san keessa bahee lixe.

************************

Comments

comments

About the author

admin

6 Comments

Leave a Comment