Diaspora

OLF unites, calls on members to redouble their efforts

Statement of the Unification Committee of the Oromo Liberation Front (OLF)

Based on the reunification agreement signed on September 27, 2010, the OLF Unification Committee held its meeting from March 8-12, 2011.  The Committee has successfully completed the steps necessary to resolve the internal differences that have sapped the energy and resources of our people over the last three years.  Accordingly, we are happy to announce that the basis for the reconciliation of OLF is finalized. We take this opportunity to thank the founders of OLF for their exemplary effort in making this a reality.

 

The success of this effort is a great victory to OLF and the Oromo people. It not only symbolizes the ability of our beloved organization to respond to the wishes and aspirations of the Oromo people for unity but also demonstrates the fact that OLF is an embodiment of the Oromo people’s rich heritage of tolerance, dialogue, compromise, reconciliation, and mutual accommodation.

 

We also call upon our members and supporters to unreservedly embrace the unity of OLF by burying the hatchet of mistrust, overcoming bickering, leaving the division of the recent past to history and rather redoubling their efforts to strengthen the organization and mobilize our society for victory. We want to remind our compatriots that conflict is an inevitable part of life. We also may not have the capacity to erase at once all the harms caused by this regrettable conflict. All we can do is to work to redress feelings hurt and to draw valuable lessons from it and chart a better future. Furthermore, we need to realize that the win-win peace which is concluded is of paramount importance to rejuvenate the legitimate struggle of our aggrieved population, not to mention the demand of the time.

 

Having achieved its internal organizational consolidation, the OLF is ready to work in tandem with organizations, movements and forces struggling for freedom and democracy in Ethiopia to speedily remove the minority dictatorial regime. We therefore take this opportunity to call on the Oromo and all peoples of Ethiopia to take advantage of the current wind of revolutionary change in the region and prepare to rise up in unison to boldly usher in a new era of peace, stability, justice, freedom, and democracy.

 

Victory to the Oromo people!

Unification Committee OLF

March 12, 2011


Ibsa Koree Tokkummaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Bitootessa 12, 2011

 

Waliigaltee Fulbaana 27, 2010 mallatteeffame irratti hundaa’uun Koreen Tokkummaa Adda Bilisummaa Oromoo Bitootessa 8-12, 2011 tti teessuma godhatee waltahiinsa godhame hundeen jabeessuun  milkiin xumuratuu gammachuun beeksisa.

 

Koreen Tokkummaa ABO dirqama itti kenname tan Walgahiin Araaraa fi Tokkummaa ABO qopheessuu irratti marihatee walgahin yeroo gabaabaa keessatti akka geggeeffamuuf  wannen barbaachisan xumurachuun sagantaa raawwii baafatee jira. Akkanumas walgahii seena-qabeessaa kana irratti hooggantoota, miseensota, manguddoota, hawaasaa fi waldaalee Oromootaa adda addaa irraa namooti irratti argamuun araaraa fi tokkummaan ABO hundaan hawwamu akka dhugoomu murteessee jira.

 

Walgahiin Araaraa fi Tokkummaa ABO akka milkaa’uuf ammarraa kaasee haala aanjessuuf sababa waldhabbii kanaan hariiroo miseensota, hawaasaa fi hooggantoota keenya giddutti boora’e wayyeessuuf wanneen hojjatamuu qabanis karoorfatee jira. Isaan keessaa garii walgahiilee gamtaan qindeeffachuu, hawaasi wal irraa fagaatee ture akka walitti dhihaatuuf mala adda addaa dhawu, namtokkeenis walitti dhufuun  wal gidduutti araaraa fi hubannoota buusuun akka hojjatamu dabalata.  Haga walgahiin araaraa fi tokkummaa gaggeeffamee caasaaleen dhaabaa walitti dacha’anitti qunnamtiin caasaalee gidduu bifa koree qunnamtiin  (liaisson committee) jalqabama.

 

Waldhabbiin hawaasa kamuu keessatti yoomuu kan argamuu dha.  Keenyas kanarraa adda tahuu hin danda’u.  Jabinni kan argamu waldhabbii fi miidhaa mudate bakka itti godhanii, hujii ulfaataa qabsoo ummata keenya salphinaa fi gadadoo keessaa baasutti fulleffachuun gaaffii ummata Oromoo fi dirqama yeroo kan guutamuu qabudha. Waan darbe alaan aluu fi diina dhiisanii wal irratti bobba’uu irra, dhibdee nu mudate irraa barmoota barbaachisan qayyabachuun hegeree ABO fi ummata Oromoo daandii milkii irra kaa’uutu filatamaadha.

 

Waliigaltee kanaan kan moo’e garee kana ykn kaan osoo hin taane ummata Oromoo fi ABO dha.  Waldhabbii walxaxaa fi hammeenyi guddaan irraa madde kan akka kanaa yeroo falan ulaagaan furmaatni argame ittiin madaalamuun ABO fi Oromoo moosisuu kan jedhu dha. Kan yoomuu yaadatamuu qabu, araaraa fi tokkummaan ABO gaaffii filmaata hin qabnee fi dirqama ta’uu isaa ti.

Kanaaf, miseensoota fi hoogganni ABO marti, akkanumas ummata Oromoo fi deeggartootaa fi firoonni qabsichaa, ololaa fi hamii farra akeeka eebbifamaa araaraa fi tokkoomuu ABO tif gufuu ta’an mara akka dura dhaabbatan fi akka ABO humna murteessaa taasisuuf qabsoo Oromoo finiinsuuf wareegama feesisu cufa gumaachutti fuula deebiftan waamicha dabarsina.

 

Injifannoo Ummata Oromoof!

Koree Tokkummaa ABO

Bitootessa 12, 2011

Comments

comments

About the author

admin

Leave a Comment