Asoosama Featured

Xalayaa Hayyuu – Asoosama Kutaa 3ffaa

-3-

Audio clip: Adobe Flash Player (version 9 or above) is required to play this audio clip. Download the latest version here. You also need to have JavaScript enabled in your browser.

Naannoon Wondo irraa haga Bulee Horaa, Kofale irraa haga Arsii Nageellee, Shaashamannee irraa haga Hajjee Awwaaraa fi Siraaroo jiru koofamaa buleera. Eda, halkan saa’aa saddeet irraa jalqabee. Jara kaleessa galgala, Ilma gabra xaadiq, Lammaa irraa odeeffannoo argatee, ardha obboroo namoota bobbaase dabalatee, worri ijaa fi gurra mootummaa ta’ee fuula kana jiru ka biraa, Shaashamannee fi Hawaasaa jiddutti ka argamu kaampii Togaatti Oromoota wolitti guuraa bulan irra mara.

Eennu nama akkamii akka ta’e odeeffannoo argataa ture wol hubachiisa. Eennuun irraa odeeffannoo bilchaataa argachuu akka danda’u woliin mari’ata. Namoonni tikaa lamaan woyii ammoo moonaa woraanaa san keessa bakka woyii dhadhaabatanii qaaqan. Namoota haga yeroo sanii gara biraatii qabamanii hin dhufin woyii eegan. Saa’aan saafaya cinaa galgalaati. Kudhan irra tareera. Uduma kanatti jiran, konkolaataan Nisaaniin duudaan obboroo hujii kanaaf bobbaate takka, moonaa san seentee namoota sanniin bira geettee dhaabatte. Worra hujiif bobba’an sadiin malee namni haarofni keessaa bu’e hin jiru.

“Maal taatan? Mee akkam?” jedhe namoota dhaabataa turan sanniin keessaa tokko, eega jara saniin nagaya wol gaafatanii. Afaan worra mootummaan amanuu qaaqan.

“Hin milkoofne” jedhe tokko akka waan kolfuu ta’ee. Balbala konkolaataa keessaa bu’anii akkuma banamtetti qabee dhaabata. Loltuu woyiiti.

“Maal? Maal taatan?” jedhe ka gaafatu deebisee.

“Kana qabanne” jedhee, jaakkeettii woyii hiixxatee konkolaataa keessaa fuudhee itti mudhifnaan jarri isa woliin konkolaataa keessaa bu’anillee seseeqatan. Maal akka namni sun jedhu ka gaafatuu fi ka woliin dhaabatu hin hubanne. Jaakkeettiin diimaan yoo laalan haarawa fakkaatu u’urameera. Rirrifateerall’e. Waan ibiddi dhaye fakkaata.

“Namtichi diraamaa nutti dalage“ jedhe amma worra konkolaataa san keessaa bu’an keessaa ka biraa. Ammallee ima seeqata. Ni odeeffate worri dubbii haarawa dhagayaaru.

“Ganda san ka geenne eega lafti bariite. Hennaa dhan’u manuma jira ture. Akka inni itti nu arge ammallee hin beenne. Akkuma balbalatti dhihaanneen nama manaa bahee deemu agarre. Nama woliin jirru gaafannaan isa ta’uu nutti hime. Itti lallabnee ‘dhaabadhu!’ jenne. Hin fiige. Faana fifiinnee dhukaafne. Hin dhaabate!” inni jennaan jarri isa woliin ture lamaan kolfe. Worri caqasu ammoo kolfa jaraa waanii hin beenne. Ka qaaqu, kolfaa waan himu itti fufe. “Akkuma beekkamu, naannoon sun bosona. Eega haga takka fiffinnee itti dhihaannee “harka ol qabi jenneen. Nu jalaa hin dubbanne. Meeshaa qabaachuu shakkinee…” jedhee uduu inni itti fufaaru “harka ol qabee ree?” jedhe worra caqasu lamaan keessaa tokko.

“…sitti himaa hin jiruu…” kuun jennaan, mataa raasee caqasutti deebi’e, ka gaafate.

“Egaa meeshaa qabaachuu isaa shakkinee… suutumaan marsinee ‘marfamteertaa harka ol qabi’ jedhaa itti jilbiiffannee dhukaafne. Homaa hin sochoone ammallee. Maayii irra yoo shunquun’ee bira geennu ka argine jaakkeettii kana qofa. Ajjireen isa nu afoo kaayee miila fageeffateera” inni jennaan martuu kolfan.

“Maal irra kaayee lixe?” jedhe, jara caqasaa turan lamaan keessaa tokko. Kuuwwanillee ni kolfa.

”Mukarratti fannisee biraa lixe” jedhe ka himullee kolfaa.

Dhumni maal akka ta’e gaafate, worri dubbiin itti odeeffame, eega kolfa geeffatee.

“Maayiirratti nama biraa qabnee dhufne”

“Meeti ree?”

“Shaashamannee jira” jedhe.

Haga takka, waanuma nama woraantoo seerri hin beenne itti baasanii, naannoo gaara Abaarootii qabuuf dhaqanii jalaa bahe, ka abbaa isaa qabanii “ilma kee shiftaa dhiheessi” jedhaniinii haasayaa turan.

———————————————

Konkolaataan laand kruuzarri duudaan buleen woyii, Magaalaa Hadaamaa ganda duwwaa kudha tokko, naannoo balbala mana cidhaa tokko yeroo akkamii akka dhufte, namni qalbise hin jiru. Haga saa’aa kudhanii fi cinaa ammoo achuma dhaabatti. Nama fuullee ijaa gurraattii godhateeru, ka keeppii hamara mataa qabu, ka konkolaataa san keessa taa’ullee ka arge hin jiru.

Naannoma sanitti, yeroma san. Hoteela moofaa umrii qofa uduu hin taane daaraallee quufeeru woyiitu muldhata. Nama bira gahetti yookiin seenetti, yeroo irra jiru, keessattuu gara guyyaa hin qabbanaaya. Namni itti hin baay’atu. Viinoo, bishaan Amboo, daadhii awaash ka goomoo dhugaatii irraa mudhatu, akkasumas biiraa sanduuqa afur yookiin shan hin caalle, ka baankonii dalaga jirutti dabalee, wonni mana san Hoteela jechisiise yoo jiraate, maqaa balbala san irraa mudhatu, ka “Abbabach HOTEEL” jedhuu fi  baay’inna siree yoo balbala boorootiin duubatti bahan bitaa-mirgatti tarree galee ijaajju. Dubartiin woyii weeddisaa baankonii keessatti waa hojjatti. Umrii isii himuun nama dhiba. Ammoo wolakkaa Shantamaa gahuu yoo baatte, afurtamaa gad hin jirtu. Isii malee nama lamatu hoteela san keessaa mudhata. Tokko hunda dukkanaayu tokkorratti waa xuxxuuxa. Jaarsa haa ta’uu ka’ima hin beessisu.

Bifa isaa dhiisii wonnummaan uffateeruu adda bahee hin muldhatu. Maal akka dhugaarullee nama hujii kiyya jedhetu arga yookiin beeka. Namni keeppii bulee fuula irra gaddeeffateeru woyii ammoo hunda biraa, ka yoo seenan mirgarra jiru irra taa’ee silkii harkaa tuttuqa. Uffata sonaa ufirraa hin qabu. Shamizii kolleettaa, harka gabaabduu woyiitiin jira. Surree jiinsii gurraattii ufirraa qaba. Kopheen godhateerullee sniikarii daaraan dadhabe woyiiti. Qaruuraa biiraa Harar lama uf afoo qaba. Takka duwweessee taanillee wolakkeeseera. Jiddumaan silkii tuttuqaa ture, gurratti qabatee, “Heloo! Heloo! akkam? nagumaa…Mee akkasumatti na eegi” jedhaa, ol ka’ee balbala booroo laale. Akka jiru yoo laalan, wonni inni uffate, ka isatti hanqatuu miti. Bifti diima. Bushaayaa ta’uu baatus hin bareedu. Qaldhaa gabaabaa dha. Gad bahee kutaa siree tokko seenee, ibsaa ibsee, siree irra eega taa’ee, “haasayi” jedhe nama itti bilbileen. Afaan Amaaraatiin haasaya.

“Mee eessa geettan?” jedhe namni bilbile deebisee.

“Bakki oole bakka cidhaa woyiiti. Waan addaa ka isa qunname hin agarre. Bakki biraa ka dhaqellee hin jiru. Bakka dhaqellee faanuma oolle”

“Akkasii?”  “Ee!”

“Lootuuwwan mudhatan kanneen biraa hin jiranii?”

“Ee… qadhabaan kaayame achuma oole. Adurriinillee jaluma oolte. Lootuun irra dhufte garuu hin jirtu. Adurriin hennaa san faana yaatee qadhabaa keette, haga ammaatuu bakkaa hin kaafne”

“Ka siin jedhu… eee! adurrin lootuu beettu tana malee, ta biraa, ka haarawa itti fakkaate woyii waan xiinxallite qabdii?”

“Wonni ammatti siin jechuu danda’u, adurriin lootuu mara hin beettu. Ta hin beenne heddu agartullee yeroof ta balbala adurreewwanii dhadhoofte yookiin dhadhayuu barbaadde ta faana jirtu malee, ta biraa adda hin baafanne. San ammoo gaafa balbala dhadhayuu isii argite yookiin shakkite itti deebitee hordofuu qabdi natti fakkaata” jedhee akka waan seeqatuu ta’e namni sun.

“Eegasuu ka faana jirtan ganama ardhaa bira taruu hin malle!” jedhe ka garasii as qaaqu.

“Lakki… kana durallee irratti mari’anneerra. Waan isa faana jiru yookiin inni faana jirtu hordofuuf malee durayyuu harkuma keenna jirtii mitii… Kana godhuun ammoo waa tolcha malee waan balleessu hin qabu” jedhe ka asii achi qaaqu.

“Tolee gara ejjannoo itti aanuu cehaa kaa!”

“Karaa irra jirra!” jedhee silkiin cufame.

**********    **********    **********

Comments

comments

About the author

admin

Leave a Comment