Asoosama Featured

Asoosama Xalayaa Hayyuu Kutaa 4ffaa

-4-

Audio clip: Adobe Flash Player (version 9 or above) is required to play this audio clip. Download the latest version here. You also need to have JavaScript enabled in your browser.


Guyyama san Shaashamannetti saa’aan saafaya gara kudhaniiti. “Heloo” jette Ruufo silkii iyyite kaaftee. “Galaa jira dammee tiyya! Akkam mee ati? Hayyuun hoo?” jedhe Damboobaan Hadaamaa irraa. “Mucaan nagayumaa… Yoo bilbilu telefoona hin kaaftu. Anuu bilbilaa turee…” jetteen. “Neetorkii keessa hin turree… Baadiyaa turree ammuma gara saa’aa sagalii fi cinaatti gara magaalaa dacha’aa jirra. Maal nagayumaa?” jedheen. “Nagumaa… Dafiin wol argitanii?” “Dafii?” “Ee!” “Eessatti?” “Sii bilbilee jechuu kiyya?” “Lakki naa hin bilbillee… Akkuma siin jedhe ammoo guyyaa guutuu neetorkii keessa hin turre. Naa bilbilee na dhabeerallee ta’a”

“Amma eennuun woliin jirta?” “Kophama jiraa… maal?” “Dafiin ganama subii akkuma bariiteen dhufee… Kaleessa wol gahii woyiittu turee… wol gahii san irratti maqaa namootaa kaasanii dubbataa turan naan jedhe. Isaan keessaa tokko si’i. Kanuma itti himuuf barbaada naan jedhe” jetteen. Rifatee, waan jedhu wollaalee diqqoo eega cadhiseen booda “maal akka jedhan wonni sitti hime jiraa?” jedheen. “Maal jedhan? jedhee gaafannaan… waanuma qara jedhaa turan jedhanii, waan haarawa maal jedhanii miti uf haa eeguu naan jedhe” jette. Diqqoo eega cadhiseen booda “waan gootu…” jedheen. Jalaa qabde.

“Woraqaa woyiittu komadiinoo keessa kitaaba jala jira. Haga fuula shanii hin hanqatu. Steeppilariin wolitti dhayameera. Barruu akka wolaloo woyiiti. Ammuma karaa irraa qabi” jedheen. “Tolee…” jettee akkuma silkii gurratti qabattetti yoma san ol kaate. “Dafii ammoo yoo naa seente ammuma bilbileefii booda sii deebisaa na eegi. Neetorkiin kun ammoo hin rakkisaa… yoo deebisee yaalee si bira naa seenuu diddellee anuu hin galaa na eegi. Hin bulu. Ammuma saa’aa kudha tokkotti yaabbadha” jedheenii silkii cufe. Moonaan worra cidhaa, sirba hamoommotaatiin oo’eera.

Haga hamoommonni gara ka’imaa, “Dabaala keessan dhufnee taphachuu… Heeruma gaarii fuudhaa gammachuu… Baga wol fuutan isin lachuu…” jedhee, sirbitoota cidha guyyaa sanii akka bareechisan affeeraman woliin gurbaa fi idaayyittii marsee taphatu, haga namni gara jaarsaa, ka sirba baraa hin feene xarapheezzaa irratti tarree galee, bakka lamatti bahee, wol jalaa qabee “Hoohoo aabbaa aabba yaboon teetii ee… Hoohoo aabbaa aabba yaboon teetii ee.. Qaraa eebbifnee biifnee, Aabba yaboon teetii ee.. Hoohoo aabbaa aabba yaboon teetii ee… Wolitti haa hortuu fiixaan… Aabbaa yaboon teetii ee…” jedhee hamoommotu Damboobaan hundee dallaya sanii tokko irra dhaabatee silkii Dafii bira seenuufii didde naannessa. Jidduun yaalaa yaada. Waan wol gahii jedhame irratti jedhamee fi waan namni isa barbaadu Dafiin itti himuu barbaade beekuu dhabuudhatu isa rifachiise malee sodaachisaan isaaf haarawaa miti. Barsiisaa afaan Oromooti. Manniin barnootaa keessa ture kamiinuu keessatti kilabii Afaan Oromoo ijaaree, ijoolleen Oromoo afaan isaaniitiif gara-nyaattee akka godhatan godhaa ture.

Ciigoo yookiin Qaarteen waa dubbachuu fi barreessuun ammoo itti tola. Mammaakaan waan jechuu barbaade himee caldhisuu baay’isa. Barruu hololoo irra ka wolaloo dubbisutu isa hawata. Afoolli afaan tokkoo, mi’eessituu afaan sanii akka ta’e bareechisee beeka. Egaa, afoolli akka ciigoo yookiin qaartee, mammaakaa, oduu durii fi hibboo fa’a, mi’eessituu afaan tokkoo qofa uduu hin taane guddinna afaan sanii keessattillee gaheen isaan qaban hagoo uduu hin taane fagoo ta’uu ni hubata. Kanumaaf afoola afaan barsiisuu jaalata. Manniin barnootaa keessa ture kamiinuu keessatti kilabii afaan Oromoo ijaaree ijoolleen Oromoo afaan isaaniitiif gara nyaattee akka godhatan godhaa ture. Afoola barsiisuun ammoo waanuma ufirraa fuudhee barsiisu qofa uduu hin taane, waan seer-luga laalchisee woggaa lamaaf kolleejjii keessatti barate.

Bartoonni isaa ammoo waan biraa irra, yoo inni afoola barsiisu jaalatan. Jiruu fi jireenna, diinaggee, barnootaaa fi waan biraa qaarteen yookiin qaartee malee wolaleessuu fi akkuma wolii galaatti afoola afaan Oromoo barsiisuun isaa ammoo worra mootummaatiin hin jaalatamne. Jaalatamuu dhabuu qofattillee hin dhaabanne. Waan inni dubbatu yookiin barreessu mara jala deemanii, dubbii keessa barbaadanii akka isaanii galutti hiikkatan. “Farra mootummaa! Diina! Dabballee ABO!” jedhanii sodaachisaa turan. Kanumaaf jecha, waan dubbatuu fi barreessu irraa uf qusatuu hin oolle. Dabree dabree ammoo dhugaa na dubbadhu jettee dhiibattee isa rakkifte dubbachuu fi qalamaan woraqaa irra kaayuu hin dhhifne.

Wonna akka dubbii guddaatti isarratti fudhatame keessaa tokko, ciigoo gaaf tokko qorumsa irratti dhiheessee “irraa fi dirra yookiin sorgoo fi sookoo dubbii barbaadaa” jedhe tokkoo fi oduu durii kutaa keessatti bartootatti hime tokko ture. “Raammoon maqaa hin beenne, hundaa hundee deemee, Malkaa teenna keessa tamsa’ee, ciccimee, Nama sodaachisus, xixxiixee wol waamee, Ka’aa hin sodaatinaa, ufirraa daakaa mee” ka jedhu ture ciigoon. Oduun durii ammoo jireenna yayyii fi saree ka himu woyii ture. “Ijoolle! Dur dur jedhan… Bara wonni marti qaaqu” jedhee bartootatti himuu jalqabe, gaafa oduu durii san ijoolletti hime. Gammachuun gurra qeensan, bartoonni uduu woytii sadihii afurillee wolitti aansee barsiisee hin hifanne sun. “…gaaf tokko sareen quufee fi yayyiin beelaye woyii uduma karaa deeman wolitti dhufan jedhan.

Bada durbii kiyya! Yoo si laalu jireenni kee hammaataa natti fakkaata. Akka nyaata kee yeroo mara argattu maaliif na woliin galtee hin jiraanne?’ jedheen jedhan sareen. Argadhee didaa mitii… Jireenni akkasii garuu eessa jira?’ jedheen jedhan yayyiin beelayellee deebisee. ‘Kana anatu siif mijeessaa hin rakkatin. Mana gooftaa kiyyaa woliin jiraanna. Waan an hojjadhu hojjatta’ jedheen jedhan durbichi yayyii sareenillee deebisee. Wolii galanii uduama gara mana sareen jiraatuu deemaa jiran yayyiin morma saree ka haga takka rifeensi irraa luqqa’e argee ‘kun mormi maal si ta’e durboo?’ jedhee gaafate jedhan. ‘Rigama morma kiyyaa kana baantaa? Kun wohiiyyuu miti. Kana haada naan hidhantu akkanatti na rige. Kun ammoo jalqaba irrattii haga takka sitti dhagayama. Ammoo yoosuu baratta’ jedheen jedhan sareen.

Yoona yayyiin ‘an hidhamaa furdachuu irra beelayee nagaya kiyyaan du’uu naa woyyaa… nagayatti!’ jedhee biraa qajeeleeeee jedhan ” ka jedhu ture oduun durii ammoo. Kanumaa fi ka biraa irraa, manneen barnootaa achii as itti jijjiiratettillee “inni Afaan Oromoo uduu hin taane waan biraa barsiisa” jedhanii jala deemaa turanii, inumaa gaaf kaan “afaan Oromoo akka hin barsiifne” itti murteessanii kutaalee gad aanaa barnoota Ingiliffaa akka barsiisu Ramadan. Ingiliffa jedhan barsiisuu jalqabe; kutaalee lamaa fi sadi. Gaaf tokko, kutaa sadeessoo Ingiliffa barsiisa. “Nationality” jedha mata dureen barnoota barsiisuu. Jalatti gaafilee woyiittu jira. “Ijoolle ‘Naashinaalitii’ jechuun lammummaa yookiin biyya nama tokkoo jechuu dha” jedhee haga takka afaan Oromootiin eega ijoolletti himeen booda “mee biyyi teessan maal?” jedhee Afaanuma Oromootiin gaafate. “Itiyoophiyaa” jedhe mucaan irra jabaa ka harka baase woyii irraa fuunaan.

Sirrii ta’uu eega inni mirkaneesseefiin booda mucaan biraa, diqqaan woyii harka baase. “Maal?” jedhee barsiisaan Damboobaan harka irraa fuunaan “Oromiyaa yoo jenne hoo barsiisaa” jedhe mucaan. “Ajaa’ibuma!” jedhe garaa isaa keessatti. Kolfi isa qabullee hin kolfine. Innillee uduu akkas jedhee mucaa san caalaa fedhii qaba ture. Kitaaba “Ninteen-eighty-four” jedhu, ka nama Joorj Orweel jedhamuun, barreefame, hennaa Kolleejjii baratu, irra deddeebi’ee qolaa haga qolaatti dubbiseera. Akka wolii galaatti kitaaba san irraa wonni hubate, worra waan ati barbaaddu uduu hin taane waan isaan barbaadan akka jettu barbaadu biratti lamaa fi lama afur uduun hin taane, yeroo tokko tokko sadi, yeroo tokko tokko shan, yeroo biraallee akkuma haalaatiin ka biraa ta’a malee afur hin ta’u. Lamaa fi lama hennaa isaan barbaadan qofa; afur ta’uu ka danda’u. Haga isaan barbaadanitti lamaa fi lama afur jechuun hin danda’mu. Kanaafuu innillee lamaa fi lama afur jechuu irraa goruu qaba. Irraa gore. Mucaan sun garaa isa nyaatullee filannoo biraa hin hin arganne. Akka waan aaruu ta’ee, “caldhisaa Toophiyama jedhaa ijoolle” jedhee bira tare. Haga mana barnoota mootummaa gad dhiisellee, yoo jecha mucaa sanii yaadatu kophaa isaa kolfa.

Kilaasikaala…. Ruufo yaaddofteerti. Isii duraanuu yaada keessa jirtu Dafiin irraa itti eda’e. Mucaan waan isiin keessa jirtu quba hin qabu. Qalama barreessuufii dide, woraqaa mataa mataajjii dhooggetti rirriga. Damboobaan deebisee bilbila jedhe hin deebifne. Isiinillee, deddeebitee yaaltullee seenuufii dide. Uduu akkasumatti teettee yaaddu turtee “yoomuma sodaachisaa kana keessaa baana yaa rabbi!” jettee ka isiin ol ka’aartu silkiin Damboobaa seente. “Ruufoo tiyya! Silkiin gurbaa naaf seenuu diddee… tanteellee naannessaa turee naa seentee… Maraafuu yoo ka sii seentuu, mee atillee yaaliif. Yoo akii sii seente si barbaadee seenuufii diddee bilbiliif jedhii itti himi. Yoo karaa bahe silaa naa hin seentuu… ammoo haa ima yaaluu… ati yoo akii argite itti himi. Yoo rabbi jedhe anuu saa’aa lamaa asitti achi hin gahaa… Woraqaa siin jedhe ammoo hin dagatinii… jedhi faaya tiyya” jedhee silkii cufee Hadaamaa irraa gara Shaashamannee ka’uuf ka’e.

********** *********** **********

Comments

comments

About the author

admin

1 Comment

Leave a Comment