Asoosama Featured

Asoosama Xalayaa Hayyuu Kutaa 5ffaa

-5-

Audio clip: Adobe Flash Player (version 9 or above) is required to play this audio clip. Download the latest version here. You also need to have JavaScript enabled in your browser.

Barattuu turte; Ruufo. Woggaa jaha dura, wonni isiin hin beenne woyii kutaa sagal keessaa qolee mana Damboobaa isii seensise. Mucaa baadhattee, woraqaa Damboobaan jedheen fuutee uduu gadiin bahaartu jiddumaan yoo laaltu, barreeffamni qalamaa, kama jaarsa isii; ka Damboobaati.

“Harraagessi boddichi” jedha wonni akka mata dureetti mataa barruu, fuula  duraa irra jiru. Gad hiixxee yoo laaltu akkuma Damboobaan jedhe wolaloo woyiiti. Barruun sun maal akka jedhu hin beettu. Beekuu ammoo barbaadde. Gara kaayuuf deemtutti dubbisuu hin dandeettu. Ammuma waan inni jedhu yoo laalte hoo? Hin yaadde. Yoo uduu dubbiftu namni itti dhufe hoo? Damboobaanillee “dafii manaa baasi” hin jenneenii? Hanfalaa hidhatte gubbaan gaabii uffattee, woraqaa san garaa keessa gad kaayattee, mana aaraa seentee, ibidda itti keette. Gara manaa ol deebitee dabtaraa fi qalama woyii fuute. Gad deebitee, mana aaraa seentee, kursii woyii kaayattee, woraqaa san fuutee bante. Mucaan ammoo manuma guddatti xalayaa abbaa isaatii barreessu woliin jira. Ibiddi itti keette, diqqoma tunnisee, mallisuu jalqabe. Namni shakkitullee yoo ka dhufu ta’e dura karra moonaa isaanii ta cufaa jirtu dhadhayuu qaba. Dubbisuu jalqabde.


Dubbiftee kaate. Wonni wolaloon sun jedhu hin galleef. Irra deebitee dubbifte. Diqqoo ifeef. Itti tole. Irra deebite.

“Harraagessi boddichi, inni waan nyaatu dhabee

Lafee qorqaa waakkisu, tararee laga labee,

Gaaf tokko, ni beelayee,Dhaabatee mala dhayee,

Gaqqajeele waakkisaa,Yaafatee awaannisa.

Moggaa lafa ormaa gahee, karaa dhabee rakkaanaan,

Falfaltuu barbaadatee, Jeedaloo bade argatee,

Jeedaloon ta beelofte, duraanuu waa soqattu,

Ta wolii wollaalchifte, isiin hoolaa fakkaatu,

Moggaa lafa ormaatti,Worra liqimsaa malee,

duubbee hin laalle waamattee,Harraagoon wolitti fidde.

Harraagessi boddichi,

Jeedaloo afaan beettutti, irkatee manaa bahe,

Dhaddee, saree, karkarroo,booyyee, amaa, woraaboo

fi rumichaan marii gahee,

Teessisee itti haasaye.

“Weenniin baay’ee bareeddii, achi laalaa jarana,

Bifa isiintiis boontii, nutis maliif fokkanna?

Kuunno raasaa gadiitti, bosona san keessatti,

Kinniifni damma nyaattii,hoolaanis marga dheeddii,

Raasaan marti hanqaaquu, badheen marti midhaanii,

Raasaan marti dinnichaa, badheen cufti saawwanii,

Wonni hin jirre hin jiruu, raasaan marti waan maraa,

Uduu kun marti jiru, nuti maaliif beelofnaa?

Nuti maaf beelaan dhumnaa???

Inni akka keessanii durumaanuu hin dhabamnee,

Leencumaa fi qeerransaa, guchiidhaa fi kinniisaa,

Ka ufirraa dadhabnee,

Taa’anii du’uu mannaa deemaatiin du’uu woyyaa,

Jenneetiin manaa baanee,

Nutis isin gargaarraa, nutti mudhisaa karaa,

Nu gargaaraa jarana.

Itti adeemnee gaafannaa, jiruu nuun gahaa jennaa,

Yoo didanis ni saamnaa, nyaannee ittiin bareennaa,

Guurannee ol kaawannaa, mana keennas gabbifnaa,

Worra kana didetti awaannisa bobbaafna.

Awaannisa beelaye, ka eennuufuun tilille,

Ka eennuunillee hin fillee, ka eennuufilleen tolle,

Ka eennuunillee hin hille,

Lammacha ilkee dachaa’

Jedhee itti dubbatee, achiin karaa argatee,

Martinuu abbaa garaa,

Ta’ee harraagoon fira,

Kunoo haga ardhaa jira.

Qe’ee keessa shushula, badi bada yaa amaa,

Luuxee kinniisa fixee, saameetiin nyaata damma,

Sareedhaa fi rumichi raqumarratti wol fixuu

Hambama funaannatuu,

Booyyeedhaa fi karkarroon, gayyaatee midhaan fixxee,

Oorruu qullatti hambiftee,

Dhaddeen dinnichaa dabdee,

Woraabo horii fixee, guuttatee garaa isaa,

Qe’ee keessaa yuyyuusaa,

Hantuunnis mana keessaa, cicciree fixe teemsaa.

Jeedaloon hoolaa fixxee, afaan dhiiga dibattee,

Iyyuu dhiiftee bookkiftee,

Harraagessi boddichi, akka malee itti tolee,

Bobbaasee awaannisa, akka malee waakkisa.

Harraagoo fi awaannifni, silaa karaa hin qabanii,

Worra liqimsaa malee,

hin yaannetti irkatanii,

Mana namaa seenanii…

Wonna nyaatan nyaatanii, golgaa ufii guuttatanii,

Ka barbaadan fe’anii, kanaan furmuu dhabanii,

Bosonatti duulanii, isallee haphisanii,

Bosona keenna kana, hin barbaadanii jiraachuu,

Awaannifni beelaye, lafarraa fixe kixchuu.

Bosonni keenna kun,bar muka tokkoo mitii,

Heddusaattu wol keessaa,Inni tokko odaa dhaa,

Inni tokko ejersaa, waaccuu dhaa fi woddeessaa,

Saatoodhaa fi harooressaa,Bulchaanaa fi gatamee,

Heexoo dhaa fi birbirsaa,

Qilxuudhaa fi garambaa,

Kombolchaa fi xaaxessaa,

Sukkeedhaa fi maraaroo,

Dhaddachaa fi daannisaa,

Tuullaa dhaa fi woleenuu,

Hadaamii fi agamsaa,

Ajoo dhaa fi hancuurraa,

Hiddiidhaa fi bakkanniisaa,

Bifaa fi uumamaani,

heddusaaniittu jira,

Lakkoofneen baanu keessaa.

Isaan maruma keessaa, inni tokko ni ciraa,

Inni tokko ni gubaa, inni kuun ni ciincessaa,

Irra caalaan isaanii, yoo aaranii gubatan,

Kan jirre bar hindheessaa.

Mukni qottoodhaa yaa’ee,

Dhagaarratti wol gahee,

Bosona gorsuuf taa’ee…

Akka ufii dabetti,dabaan qajeelaa gorsuun,

Baraa maalalaan qabuu, ka akka ufiin dhabu,

Dabaan lafa guutullee, Ka qajeelee uumame,

bosonni garuun dabu.

Yaa bada sanyii mukaa,yaa daddabaa daboolaa,

Uduu fira kee beettee, qottoodhaaf hin hin taatuu,

Fira kan kee jibbitee, diina keen wol qabattee,

Sanyii kan kee hin nyaattuu, ufumaan uf hin nyaattu.

Diina afaan hin beenne, qottoodhaan wol qabatee

Ciraan bosona hubee,

Dubbiin muka qottoodhaa,

guddoo bosona dhibe.

Dhiiroo maaf cadhiftani,

biqiltuun bar dhumattee,

Ciramteetiin lafarraa,

Jedheetiin bar dubbataa,

bosonni takkuun usnee,

Quuqameetiin dur irraa,

Dabaa keennaani malee,

qottoon yoom humna argatte?

Yoom ufitti jabbaatte?

Jedhee wol hubachiisee,

qoratee wol gaafatee,

Bosonni wolitti haasayee,

ka’ee malasaa dhaye.

Himaan dabaan qajeelchuu,

dibaan dhgaan laaffisuu,

Dubbannee irraa dhabnee,

kadhannee ijibbaannee,

Amma murtiirra haa geennuu,

daddabaa maraan dhiifnuu,

Bulchaanaa fa’a haa cirruu,

mee itti wolii gallee,

Isaan kaa ka daboolee,

qottoodhaan wolii galee.) 2x” ka jedhu irratti dhumata wolaloon sun.

 

Waan  jaarsi isii dalagu worra isatti ciniinnatu dhiisii isiinuu adaa hin beettu. Damboobaan dhihoo jira fakkaatu adaa fagoo isii irraa jira. Kana isii dhossuu isaatti aartullee barruun sunii fi innillee garaa nyaataniin. Hin yaadde. Kana akii uduu namni shakkitu itti dhufee gubuuf deemtii? Fuutee baateen. Hin turre. Yoosuu deebite. Damboobaan “hin bulu! dhihee saa’aa lamaa asitti anuu hin gala”  jedhe haga halkan saa’aa shaniittillee maaliif akka galuu dhabe hin beenne. Yoo bilbiltu ammoo silkiin jalaa hin ka’u.

*********  ***********   *********

Comments

comments

About the author

admin

Leave a Comment