Asoosama Featured

Asoosama Xalayaa Hayyuu Kutaa 6ffaa

-6-

Audio clip: Adobe Flash Player (version 9 or above) is required to play this audio clip. Download the latest version here. You also need to have JavaScript enabled in your browser.

Bara tokko kophaa isaa jiraata ture; Damboobaan. Hennaa san hin fuune. Kolleejjii Barsiisotaa Hadaamaatii eebbifamee, mana barnoota jiddu galaa, ka magaalaa baadiyaa tokkotti ramadamee Afaan Oromoo kutaa torbaa fi saddeet barsiisa. Woggaa tokko booda gaaf tokko. Subii balbalti mana isaa quqqu’ama.

Lafti waan bari’aartuuf balbala bane. Gabbahuu fi namoonni meeshaa itti qiyyaafatan balbala bitaa mirga irraa, Afaan Amaaraatiin “harka kee ol qabi” jechuun takka. Pijaamaa fi gaabiin ture. Waanii beekuu baatullee rifatee harka akka jedhaniin godhe. Yoo midhatu, namoota meeshaa isatti qaban duuballee namota biraattu jira.

“Maal nagayaa?” jedhe, Afaanuma jarri sun dubbateen, bitaa mirga midhat’aa, akkuma harka ol qabetti. Jarri sun isa sodaachisuu malee jalaa hin dubbanne. Gara raasaa yoo achi laalu ammoo konkolaataan woyii hin dhaabatti.

“Qajeeli” jedhee uf afoo darbe tokko ammallee afaanuma itti dubbatan saniin. Uf afoo gatantaree dhaabate. Amma bitaa mirga qabanii harkisaa lixaniin. Yoona dubartiin ollaa, ta obboroon manaa baate woyii namni daddarban sun isa ta’uu hubattee iyyite. Naannoon mandara wolitti tuuchatu woyiiti. Namni iyyansa obboroo saniin gad dhooyee konkolaataa namoonni uffata loltuutiin jiran shanii fi Damboobaan bira jiran marse. Marsuu qofaa miti. Barsiisaa jaalatamaa san akka woraabessi sun jalaa hin lin’een, karaa konkolaataan sun deemu dura goree ijaajje. Nama yaa’e keessaa jaarsonni biyyaa jara sanitti yoo hiiqan namni Afaan Oromoo dubbatu tokkollee keessa hin jiru. Nama afaan jarri sun dubbatu ufuma keessaa filatanii gara jara sanii hiiqanii rakkinna gaafatan. Jarri afaan Amaaraa dubbatan sun, Damboobaa akka barbaadan jaarsotatti himan.

 

Barsiisaan sun nama ummanni jaalatu ta’uu, barsiisota manni barumsaa sun qabu keessaa ijoo ta’uu, eega barsiisaan sun mana barumsaa san dhufe ijoolleen isaanii ija godhachuu fa’a malee rakkinna woyiituu akka hin qabne jaarsonni sun itti himnaan “kun mala ABOn ummata keessa seenuuf itti fayyadamu! Mala inni namoota mimmishaa fakkeessee ummata keessattiin bobbaasu! Kun tooftaa ABOti! Isin hin beettan” jedhan jarri sun deebisanii jaarsotaan.

“Ilmi kun keenna! Badoomaa fi mishooma isaallee hin beenna. Nama waan ummataaf hin taane hojjatuu miti. Ka amma dalagaaru dhiisii ka duriituu hin beenna. Mucaa duubbee badaa qabuu miti. Nutu guddise. Ilma biyyaaf yaadu. Yoo ammoo rakkinnallee qabaate nutti kennaa hin gorsinaa…” jedhan jaarsonni. Maayii irratti ummata ija sodaatanii, jaarsota san maraa maqaa qabatanii, “naannoo kanatti rakkinni tokko kaanaan ka itti gaafatamu isin!” jedhanii sodaachisaa, “deemi ima si argannaa!” jedhanii Damboobatti dhaadatanii lixan. Eegasii woggaan torba. Kana ammoo hin dagatu. Bara san irraa “alaa manatti dheessan! Manaa ammoo garam dheessan?” jedhee, uduma yaaduu fi yaaddawu ardha gahe.

 

********************

Namoonni laand kruuzara duudaa san keessa jiran isa malee afur. Lama afoo, lama ammoo barcumaa duubaa irra Damboobaa bitaa mirga. Haga qabamee konkolaataa kana seensifame guddaa hin deemne. Magaaluma Hadaamaa keessa jiran. Tilmaamaan deemsa daqiiqaa kudhanii eega deemaniin booda moonaa woyii seenanii dhaabatan. Bakki sun ammoo eessa akka ta’e hin beeku. Waajjira poolisaa ta’uu mallattoon himu hin jiru.

 

Mana hidhaallee hin fakkaatu. Kotteen namaa ammoo itti hin baay’atu. Akkuma bakka amma jiran kana gahaniin shufeertichaa fi ka isa dalga jiru konkolaataa keessaa bu’anii diqqoo turanii, namoota lama woliin afaan Tigree qaaqaa dacha’an. Haga dacha’anillee hin teenne. Konkolaataa seenaa bahan. Bahaa seenan. Jarri isa bira bitaa mirga jiran, hennaa isa qaban afaan Oromoo itti dubbataa turan. Amma ammoo woliin yookiin jara kaan woliin afaan Tigree inni hin dhageenne qaaqan. Inni yeroo muraasa dura waan Ruufo itti himte yaadaa ture amma waan biraa keessa jira. Haga konkolaataa amma keessa jiru seensifame mobaayila malee homaa irraa hin fuudhamne. Shaanxaa diqqoo ganama fannifatee baheen sarbaa irraa kaayatee konkolaataa san keessa taa’ee yaada.

 

“Si arganna” ka baroota dura jedhaniin ka yaadate, akkuma qabanii konkolaataa sanitti darbaniin. Eegasiillee ima yaada. Bakka heddu gahe. Ka haga mucaa isaa yaadaan isa dhukkubse ammoo hin jiru. Abbaan isaa mana lama qaban ture. Inni mana hangafaati. Hennaa dargaggeessa ture gaaf tokko, obboleessa isaa ka mana kaanii, ka woggaa torba jiru tokko tumnaan haati mucaa, “Damboobaa! Waan biraa siin hin jedhuu… argadhuu argi” jedhaniin. Baras jechi sun homaa itti hin fakkaanne. Hennaa mucaa isaa kana hin argatin dura hiikkaan jaalala finnaa isaa hin galu ture. Haga argate ammoo haga namni finna ufii woliin ta’u caalaa woliin ka ta’u uf argee, rakkoo abbaa fi haadha finnaa hubatee, “argadhuu argi” jechuun abaarsa abaarsa caale” jechuu jalqabe. Akka qabameen qalbiin isaa waan biraa mara dura, mucaa isaa Hayyuu bira dhaxxe. Imimmaan ija keessa mare.

 

Konkolaataan sun isaa fi jara arfan san qabattee, gara deemuu barbaadu ka kaate eega lafti jim jette. Uduu magaalaa keessaa hin bahin bakka heddutti waan caafatteef kallattii isiin itti deemtu beekuu hin dandeenne. Yoo beekellee wonni godhu waan hin jirreef itti hin yaanne. Jarri lamaan isa dalga jiranii fi shufeertichi ammallee afaanuma ufiitiin woliin qaaqan. Namtichi shufeerticha dalga taa’u ammoo, silkii akkuma qabaniin isa irraa fuudhe sorfa. Maqaa namoota silkii Damboobaa irra jiranii fi lakkoofsota san dura harkaa qabuu woraqaa woyii irraa wolitti laalaa turee ufirra as gara galee “obboo! haga ammaa maandhee ABO meeqa ijaartee horii hagam wolitti qabde?” jedhe. Amaariffi qaaqu gara afaan Tigree jalaa mucucaata.

 

Damboobaan hin dubbanne. Ima deeman. Silkiin Damboobaa ta harka namtichaa jirtu ka iyyite diqqoo jetteeti. Laakkofsa malee maqaan nama bilbilee hin muldhatu. Amma qoonqa telefoonaa ol banee, ufirra gara galee, isa jala qabee, “namni afaan Oromoo beeku hin jiru jettee hin gowwoomin! waan namni sun siin haasaye qajeelchii woliin dubbadhu. Nuti waan namni sun jedhus dhagayuu namoota danda’u…” jedhe. Amma ka mirga Damboobaa taa’eeru jalaa fuudhee afaan Oromootiin “afaan Oromoo ni dhageenya. Afaan hin beekan jettee waan biraa hin haasayin” uduma jedhaaru silkiin citte. Damboobaan akka nama kamiituu hawwii siyaasa ka mataa isaa qabaatus hariiroo namoota siyaasaa hin qabu.

 

Bara tana dura qabamee tumsa ummataatiin gadhiifamellee siyaasa biraa hojjatee hin turre. Afaanuma Oromoo barsiisuu isaatiin shakkameeti. Jarri ardhaa kunillee waan qabaniif itti himuu baatanillee waan isaa hin gallee miti. Ka amma jedhaniin ammoo waan jedhu hin beenne. Maal godhuu qaba ree? Hin yaade. Wontoota akka dhufaatii isaaniitiin keessummeessuu malee homaa itti hin mudhanne. Bilbila “dubbisi” jedhaaraniin ammoo abbaa bilbile hin beenne. Ammoo abbaa fedheyyuu ta’u eessa jira jedhee itti hima? Waan deebisu hin beenne. Bilbilli sun diqqoo jedhee deebi’ee bilbilame. Ammallee uf eeggannoo woliin itti kenname. Gurratti qabatee dubbise. Ni caqasan.

 

“Heloo” jedhe qoonqi nama dhiiraa woyii. Nama san yoosuu beeke. Dafii isa barbaadaa ture. Maqaa isaa hin dhoofne. “Amma waan gootu obboleessa kiyya” jedhe dafee. “Amma bakka woyii jira. Waan ati itti himte Ruufo natti himteerti. Mee gabaabsii waan kaleessa wol gahii irratti ta’e natti himi” jedheen.

“Eessa jirta?” jedhe Dafiin deebisee.

“Bakka jiru maal gootaa mitii ka siin jedhu natti himi” jedhe Damboobaan.

“Tolee… kanumaaf si barbaacha ardha obboroo mana dhufe!” inni jennaan ammallee “naaf gale! Irra hin deebi’in! waanuma wol gahii san irratti jedhame natti himi” jedheen. “Beettaa Lammaan kaleessa jecha Daaddaa guddaa ‘faxxaan lotorii’ jedhu fudhatee arrabaan surree nurraa hiikaa oole. Garaan keessan ABO, arrabni keessan OPDO jedhee nutti sirbaa oole” jedhee itti fufe Dafiin. Shufeerticha fireenitti ijjate malee kuuwwan hin shokossu. Gurra qeenseera.

“Na dhagayaartaa?” jedhe jidduun.

“Dhagayaara” jedhe Damboobaan.

“Obboleessa kiyya! ima nurra kaayate kaa daaddaan guddaan” jedhee ka’ee ammallee jiddumaan “Daaddaa guddaa beettaa?” jedhe akka waan kolfuu ta’ee. Balduullee barbaada.

“Hin beeku”

“OPDOn Mallasiin hin jaalanne eennu jetti seeta? Daadddaa guddaa! Guddinni isaa haa baduu!” inni jennaan jara Damboobaa bitaa mirga jiran keessaa tokko gad qabatee kolfe. Tokko ammoo seeqateetuma caldhise. Jarri lamaan afoo jiran ammoo kolfa waanii wollaalanii, ufirra mildhataniituma caldhisan.

“Abbaa Duulaatiin ammoo barattoonni tee waan jettu beettaa?” jedhe ammallee Dafiin. Akka waan seeqatuu ta’e Damboobaan. “Nookiyaa 3310 yookiin ammoo gootaraa mootummaa” inni jennaan ka isa bira taa’u, ka dura seeqateetuma cadhisellee kolfe.

“Abboo hin baldini” Damboobaan jennaan “obboleessa kiyya namoota shakkan mara hin hambifne. Ka maqaa tarreessu Lamma. Ka irratti wol qorqu nu’u. Egaa akkasitti oollee maayiirratti, sillee dabalatee ‘namoonni haga ta’anii dhihaatanii akka qorataman’ jedhamee, murtiin dabre. Ka si barbaadeefillee kanuma” jedhee uduu inni ammallee itti fufaaru afaanitti qabee “waan gootu… An amma bakka odeeffannoo keetitti fayyadamu hin jiru. Qaraa na qaban. Harka jaraa jira. Wonni sitti dhaamadhu! Yoo jiraadhe jiraadhe! Yookaan daa’ima kiyya naa guddisi jedhii Ruufotti naa himi. Nagayatti” jedhee uduma Dafiin “heloo! Heloo!” jedhu Silkii kute. Yoona worra isa bitaa mirga jiru keessaa tokko ija itti babaasaa, silkii harkaa butee, deebisee bilbilee, “hoo’uu dubbis” jedheen. Qoonqi silkii ammallee akka martuu dhagayutti ol banameera.

Irraa fuudhee “heloo” jedhe Damboobaan, silkiin bilbilame jalaa kaanaan.

“Heloo! Maan libal” jedhe qoonqi dubartii woyii, Afaan Amaaraatiin.

“Heloo! Ana Damboobaa dha” jedhe innillee.

“Min? maannaw?” jedhe qoonqi sun ammallee.

“Heloo! Ana Damboobaa dhaa akkam?” jedhe.

 

“Geetaayee tasaastawaal! yihee suuq naw” jedhe qoonqi dubartii sun. Silkiin hin citte. Jarri lamaan afoo tataa’an, ka afaan Oromoo hin beenne sun, waan dubartiin silkii keessaan achii as dubbatte malee homaa hin dhageenne. Wonni Damboobaan dubbate jara isa dalga jiraniin itti himame. Shufeertichi waan itti himame dhagaheetuma cadhise. Kuun ammoo aaree koqe. Dhabanaasuuf ufirra gara gale. Bakki taa’e hin tolleef. “Siyaasessaa keenna! Siyaasa hojjataarta jechuu dha! Harree!” jechuudhaan dhabanaasaa aanjuufii dhabde arrabatti jijjiiratee, ka hafe bakka deemuuf kaayate. Lafti dukkana. Laand kruuzarri sun ammoo Damboobaa cadhisee taa’uu fi jara arfan woliin qaaqu qabattee, goodda kaan baatee, kaan buutee, haga jirtuun, gara barsiisichi sun hin beenne arreedde.

*************************

Comments

comments

About the author

admin

Leave a Comment