Diaspora

Gimboot 20 = Meskerem 2

Boruu Barraaqaa Irraa*

Sirni Mallas Zeenaawii waggaa 20ffaa aangoo siyaasaa itti qabate kabajachuuf kan yoomiiyyuu caalaa barana yoo xixxiixu dhagahame. Waggoota amma duraa keessatti Tigraayitti yoo tahe malee Finfinnee fi magaalaalee biyyattii biro keessatti ayyaana Gimboot 20n kabajadha jedhee yoo xixxiixu hin dhagahamne. Maaliif yoo jedhame Tigraayiin alatti ummata irraa deeggarsa akka hin qabne of beeka waan taheef sagalee dhokfatee masaraa isaa keessatti kabajachuu filataa yoona gahe.

Kan baranaa maal tu adda taasise ree kan jedhu gaaffii dha. Eeyyee, kan baranaa wanni adda taasise beekamaa dha. Bara baranaa tu baroota amma dura dabran mara irraa adda tahe. Bubbee warraaqsa farra abbaa irrummaa Tuuniisiyaa irraa jalqabe tu gara Itoophiyaattis afarsaa jira. Keessumattuu karaa maloota walqunnamtii hawaasaa walaba tahaniin guyyaa Wayyaaneen Gimboot 20 jedhee kabajatutti fincila farra sirnichaa geggeessuuf waamicha taasifamaa ture tu Wayyaanee yaaddesse. Jaarmayaaleen dargaggoota Oromoo akka Qeerroo fi humnootni mormituu biyyattii biroon sochii diddaa siyaasaa sirnicha irratti jalqaban tu Wayyaanee irriba dhorkate.

Kanaafuu sirnichi muddama kana keessatti sagalee gadi qabatee akka amma duraatti guyyaa kana irra dabruu mannaa hanga humna isaa of dhaadee ummatoota biyyattii fi hawaasa addunyaa gowwoomsuu barbaade. Gowwoomsaanis tahu dirqiidhaan namoota miseensa dhaaba isaa godhate guyyaa kanatti hiriira waamee ammanan gahaa na argaa, warri na mormitan abdii kutadhaa jechuu barbaade. Akka eenyuyyuu beekutti barattoonni yuniversiitiilee fi kooleejota biyyattii keessaa baratan hundi dirqamatti unkaa miseensummaa wayyaanee guutaa bahan.

Kan jibba sirnichaa qaban hundi barnoota isaanii xumuranii hojii dhabilee tahuu sodaaf jecha osoo hin jaalanne waraaqaa miseensummaa sirnichaa fudhachuuf dirqaman. Kanneen hojiilee sadarkaa xixiqqaa irratti bobba’anis jaarmaya afaan siyaasaa wayyaaneetiin Maaykroo fi Xixiqqaa jedhaman jalatti gurmaawanii miseensummaa dhaaba wayyaanee fudhachuun dirqama isaanii tahuun beekamaa dha. Yoo didan waraqaa heyyama hojii hin argatan.

Abbootiin qabeenyaa baadiyaa fi magaalaa keessaa tattaaffii mataa isaaniitiin gara miliyeenerummaatti guddachaa jiranis osoo hin jaalanne dirqamatti miseensa IHADEG akka tahan dirqisiifaman. Yoo miseensummaa kana didan hojiidhaan ala taasifamu, qabeenyaan isaaniis sababoota adda addaatiin jalaa saamama. Miseensummaa ABO fa’an sobaan yakkamanii hidhamuu fi ajjeefamuunis ni jiraata. Kanaafuu namuu nagaadhaan bulee maatii isaa jiraachifachuuf jecha waraqaa miseensummaa sirnichaa akka fudhatuuf dhiibame.

Wayyaanee IHADEG bifa kanaan qaamota misooma biyyaa kana dirqiitti harkatti galfatee ittiin nagadaa jira. Kanneen hiyyeeyyii turan kana tu sirna kiyya jalatti gara miliyoonerummaatti guddatan jechuun itti baaca. Akka waan ofii nagadeefii yookiis ofii isaaf qoteefii qabeenyaa jara kanaa ol guddisetti ‘Firii Gimboot 20’ ittiin jedhee siyaasaa isaa dulloome halluu dibuuf wacabbara. Jara akka meeshaa siyaasaatti itti dhimma bahu kanaanis ‘Gootota Misoomaa’ ykn Yelimaat Jegnooch ittiin jechuun qorqorroo tumee akka meedaalaatti mormatti fannisuudhaan gowwoomsaan.

Yaaliin Wayyaanee kun hundi biyya misoomsuuf miti. Ummatoota beela bara baraatiin adabamaa yoona gahan beelaa baasuufis miti. Akka afaaniin lallabu iyyummaa seenaa taasisiifis hin imaammanne. Kaayyoon isaa guddaan akka hattuutti waliin dhawee bara bittaa sirna isaa dheereffachuu dha. Miseensota miliyoona 5in qaba jedhee of tuuluu, kanaanis qorqalbii lammiilee biyyattii bilisummaa fi dimokraasii haqaa dheebotan miidhuufi.

Wayyaanee TPLF, golgaa maqaa biyyoolessaa EPRDF jedhuun of haa waamu malee, mootummaa biyyoolessaa kan ummatoota biyyattii mara bakka bu’us miti. Sirni kun murna dhiphoo saba bicuu kaabaa keessaa dhalate, kan Itoophiyaa bulchuuf hamilee homaatuu itti hin qabnee dha. Guyyaan itti sirni kun masaraa Shaggar qabate ummatoota Itoophiyaa biratti guyyaa gaddaa ti. Guyyaan Gimboot 20 Wayyaanee kun guyyaa Meskerem 2 Dargii irraa addummaa hin qabu.

Dargiin bakka sirna Hayle Sillaasee gaafa bu’u ummatootaaf waadaa hin seenin hin qabu. Waadaa san laaluudhaan ummatoonni biyyattii sirni abbaa lafaa nurraa kufe, kana booda walqixxummaan keenya ifatti baha jedhanii guyyaa Meskere 2 Dargiif marartee horatanii turan. Waggoota lama sadi booda garuu Dargiin waadaa ummataaf seenaa ture faallessee abbaa irree hiriyaa hin qabne tahe as bahe.

Ilmaan biyyaa qaroo tahan barbaadee rashanuu dalagaa taasifate. Jagnoota sirna fuudaalaa irratti murannoon qabsaawaa turan kan akka Janaraal Taaddasaa Birruu fi Koloneel Hayiluu Raggaasaa fa’a badii tokkoon maleetti rashane. Kan biraa hafnaan kanneen maalummaa siyaasaa afaan isa barsiisaniif illee garaa hin laafne. Warra barumsaan qaraman sodaata waan taheef aangoo narkaa fudhachuu barbaadu jechuun ilmaan Oromoo qaalii akka Hayilee Fidaa fa’a galaafate.

 Wayyaaneenis Gimboota 20 bara 1991 gaafa barcuma Dargii dhaalu waadaa ummatootaaf hin seenin hin qabu ture. Kana booda barri bara demokraasii fi bilisummaa ti, ummatoonni Itoophiyaa kana booda guyyaatti al sadi maaddiitti dhihaatu, qawwee maarashaatti, taankii tiraakteeratti jijjiirra jedhee dhaadate. Kana dubbatee waggaa tokko illee osoo hin guutin humna akka masaanuutti laalu ABO mootummaa cehumsaa keessaa dhiibee kophaa isaa aangoo dhuunfate. ABO sirna karaa nagaa keessaa baasee hin dhiifne. Lola irratti bane.

Wayyaaneen akkuma Dargiitti qaroowwan biyyaa diina godhatee kan itti duuluu jalqabe akkuma aangoo qabateeni. Aangoo irraa na kaasuu malu jedhee sodaatee gara jabinaan lafa irraa haxaawe, warra lubbuun hafes biyyaa baqachiise. Mirga demokraasii afaaniin waadaa seene dalagaadhaan itti ejjetee mulquudhaan keessumattuu deeggartoota ABO karaa nagaadhaan yaada isaanii ibsatan aduu saafaatiin rashane. Lammiileen Oromoo kumoota heddutti lakkaawaman hanga aduu har’aa kanatti manneen hidhaa sirnichaa keessatti tortorfamaa jiran. Kanneen ukkaamsamanii gara dabarfamanis lakkoofsa hin qaban. Kanneen murteen du’aa fi hidhaa umrii guutuu itti murteeffames manni haa lakkaawu. Kun hundi ololaaf kan dubbatamu osoo hin taane dhugaa hawaasni addunyaa fi dhaabileen mirga namoomaa idil addunyaa sirriitti quba qabanii dha.

 Maskaram 2 Dargii fi Gimboot 20 Wayyaanee wanni wal fakkeessu kan biraas ni jira. Dargiin warraaqsa wareegama barattootaan bilchaatee dhoowe saammatee tu aangootti of baase. Firii warraaqsa ummataa butee ti ofiif liqimse. Qabsoo barattoonni fi beektonni biyyaa geggeessan itti seenee afaan qawweetiin harkatti galfate. Wayyaaneenis qabsoo sabaa fi sablammoonni biyyattii sirna Dargii irraa bilisa of baasuuf geggeessaa turan maqaa IHADG jedhuun butatee kortoo aangoo masaraa Araat Kiilootti ittiin bahan godhate.

Keessumattuu Oromiyaa keessatti qabsoo diddaa sirna Nafxenyaa waggoota kurnootaaf hogganummaa ABOtiin deemaa ture haalee firii qabsoo Oromoo butatee liqimse. Milishaa waraana Dargii keessaa booji’aman irraa dhaaba bixxillee Afaan Oromoo dubbattu Tigiraay keessatti tolfatee ‘isaan kana tu qabsaawota Oromoo ti, isaan kana tu Oromoo bakka bu’ee na waliin Dargii kuffise’ jechuun tuffii ummata Oromoof qabu dirree baase. Qabsoo ummata Oromoo kan gaafa jaarama Waldaa Maccaa fi Tuulamaa fi Fincila Oromoo Baalee irraa qabee hanga kufaatii Dargiitti deemaa ture qaanii tokko malee gatii dhowwachuu yaale.

Wareegama qabsoon Oromoo bara nugusichaa irraa qabee guutuu bara Dargiif kafalaa ture dunuunfatee haaluudhaan, dhaaba bixxillee milishaa Dargii booji’amte irraa dantaa mataa isaaf bixxillateen jijjiire. Wayyaaneen kana gochuudhaan ABO xiqqeessuu haa akeekkatu malee ummata Oromoo bal’aaf tuffii qabu mirkaneesse.

 Eyyee! Sirna kana fakkaatu tu Gimbot 20 jechuudhaan ummata Oromoo fi ummatoota madaa wal fakkaataa qaban biro irratti lafa dhiitaa jira. Sirna hattuu siyaasaa fi hattuu dinagdee tahe kana tu demokraasii fi mishooman isinii fide jechuun nyaara haaddatee ummatoota gowwoomsaa jira. Sirna bilisummaa ummata Tigraay qofaaf jecha manaa bahe tu ummatoota Itoophiyaa mara cunqursaa jalaa baasuuf jedheen wareegama waggoota 17 kafale jechuun biyya kijibaa jira.

Sirna qaroo ilmaan biyyaa akka bosonuutti adamsee qalaa jiru, hidhee tortorsaa jiru, ukkaamsee gara dabarsaa jiru tu heera mootummaa walqixxummaa keessan mirkaneessun tume jechuun ummatootatti baacaa jira. Sina bittaa waggoota digdamaa guutuu keessatti maqaa Itoophiyaa beelaan addunyaa irratti beekamu jijjiiruu hin danda’in tu ‘bara keenyatti kunoo qotataan miliyoonera tahe’ jechuun ummatatti qoosaa jira.

Kanaafuu Gimboot 20 baanamus guyyaa itti dabballoonni TPLF fi garaaf bultoonni sabaa hagoon cittoo isaanii ummatatti urgufatanii qabeenya ummataatiin garaacha baasuu jalqaban malee guyyaa bilisummaa ummatootaa miti. Guyyichi guyyaa itti sirni cunqursaa fi ukkaamsaa tooftaa jijjiirratee daranuu hidda isaa ummatoota irratti diriirfate malee guyyaa walqixxummaa fi demokraasiin itti mirkanaawee miti. Gimboot 20n Wayyaanee guyyaa itti Dargiin qiciicaan Dargii moluudhaan bakka bu’e dha.

Lamaanuu dargii wal faraqan waan tahaniif ummatoonni biyyattii har’ayyuu cunqursaa bara baraa jalaa hin baane. Dargiilee mataa ummatootaa irratti wal jijjiiran kana yeroo maayyiif ofirraa figgimsanii sirna haqni, walqixxummaan, bilisummaa fi demokraasiin dhugaan itti diriire fiduuf qabsoon jabaatee itti fufa!

*Boruu Barraaqaa is the author of Fixeensa. He has also recently collaborated with others to translate Gene Sharp’s book, From Dictatorship to Democracy, into Afaan Oromoo.

Comments

comments

About the author

admin

Leave a Comment