Asoosama Featured

Asoosama Xalayaa Hayyuu Kutaa 7ffaa

-7-

Audio clip: Adobe Flash Player (version 9 or above) is required to play this audio clip. Download the latest version here. You also need to have JavaScript enabled in your browser.

Wonni keessa jiru boolla haata’uu mana, adda hin hubanne. Waan dubbataa dhiisii wonni shokossaallee hin dhagayamu. Kutaa san keessa malumaan yoo deemu dhiphaa dha. Tontoommatte dhadhayee laale. Siidaa rukkuttaa tomtoommuu isaa dhiisii rukuttaa biraatuu liqimsee hambisu. Hundee kutaa mara irra deemee laaluuf uduma naannayu balbala bira gahe. Cufantaa sibiilaa ti. Sibiilli baxxeen waa irra kaayuuf tolu woyii, wolakkaa cufantaa sanii irra jira. Harkaan qabee laalee bira taree naannayee ammallee mare itti deebi’ee, caldhiseetuma uf duuba luka mirgaa fuudhee, ta bitaatiin uduu itti deebi’aaru waa dhiite. Wonni sun ol fuunaan itti ajaaye.

Jarikaanii afaan muraa ka finfaaniif irra taa’an ta’uu beekee gara balbalaa gad siissee kaayee deebi’ee taa’e. Dukkana itti isa darbanii lixan san keessa hagam akka ture hin beeku. Garuu saa’aa kudha lamaa gad akka hin taane bikka. Saa’aa dheeraa kana booda sagalee woyii dhagaye. Miila nama deemuu yookiin socho’uu ta’uu hin wollaalle. Namni socho’u sun waa ibsataa gara balbalaa as dhufe. Balbala kutaa inni jiruu gahee, cufantaa sibiilaa wolakkaa irratti qaawwa diqqoo woyii banee, uduu homaa hin dubbatin, qaawwa san keessaan, sibiila baxxee san irra waa kaayee, gad deebisee cufee yoo lixu hin dhagaya. Akkuma namni sun lixeen dhaqee laale. Nyaata laastikii woraqaa irra kaayameeru woyiiti. Waan saanii san irra jiru qubaan yoo qabu akka buddeenaa woyiillee itti fakkaata.

Fuudhee ulate. Hin onta. Beelayullee lubbuun fuudhuufii didde. Achumatti deebisee dhiise. Ammallee haguma qara turan turanii deebi’an. Namni dhufe akkuma yoo duraa qaawwa san banee uduma hiixxatee nyaata biraa achi kaayaaru, ka inni san dura achitti deebise qaarisee, ka biraa kaayee lixe. Yoona akka yeroo duraatii miti. Beelayeera. Dadhabeeralle. Nyaata achi kaayame san, bakkuma san dhaabatee, irraa kukkutatee malumaan jarikaanii san keessatti darbee as deebi’ee taa’e. Dukkana keessatti ijji hin barbaadamtu. Sammuun namaa waan ijji yoo ifaa keessa jirtu mudhiftu caalaa guddisee namatti agarsiisa. Maal fa’a yaada? Maal fa’a hin yaanne. Akkaataan qabama isaa, waa’een maatii isaa, sababa isa qabaniif, waa’een Oromoo, waa’een barumsa isaa ka eebbifamuuf deemuu, Hiriyyoota isaa, bartoota isaa, waan keessa tare mara. Maruma irra ammoo ka gurratti isa qillisu waa’ee daa’ima isaati. Yoo isa woliin taphatu, gaafii fi qaaqa isaa…

Hin turre. Waan shokossu dhagayee yaada keessaa deebi’e.

Qoonqaa fi kottee namaati. Rifatee ol jedhee gurra qeense. Nama tokkoo ol. Qoonqa malee wonni qaaqan hin dhagayamu. Ni deeman. Ni dhufaaran. Ni dhihaatan. Ni cadhisan. Kotteen tokkoo dhufee balbala gahe. Banee baatirii kutaa keessa ol ibse. Ol seene. Baatiricha kutaa san keessa hundaa haga hundaa eega ibseen booda dubbate; qoonqi nama sodaachisu yookiin nama sodaachisuu barbaadu. “Heey! Onaguu” jedhe, baatirii itti qabee. Damboobaa Kinniisoo hin dubbanne. Ammoo ifaa baatirii san jalaan yookiin irraan achi laaluu yaale. Fuula dhiisii miila nama saniituu arguu hin dandeenne. “Ka’i” jedheen qoonqi sun akkuma baatirii fuula isaatti qabetti. Ol ka’e. Bira dhaqee uffata isaa qabee harkisee gara balbalaatiin qajeele. Namticha irreenillee akkuma qoonqa isaati. Bakka jiru san keessaa yoo gadiin bahanillee lafti dukkanuma.

Bakki sun ammallee, ala akka hin taane hin beessisa. Lafti ammallee guyyaa taatee halkan adda hin beenne. Namtichi akkuma uffata isaa qabetti harkisaa qajeeleen. Kooridara woyii jidduu hagatuu deemanii kutaa woyii seenan. Kutaan baldhaa miti. Dhiphaa badaallee miti. Ibsaan kutaa keessa jiru hanga’e ifa. Namni uffata loltuutiin jiru, ka gullateeru, ka fuulaan balbala laalee barcumaa afaan balbalaa jiru irra taa’u woyii isaan ol seennaan qajeelee taa’e. Fuulli guutuun guututti hin muldhatu. Barcumaaleen lamaan woyii ammoo nama san afoo jiran. Minjaala gabaabaa woyii irraa wonni muldhatu gongaa silkii gurraacha woyii qofa. Isa duubaa barcumaa tokkicha woyiittu jira. Namni fidee, kutaa san isa seensise, “taa’i” jedhee xarapheezaa san duuba taree taa’e. Isallee mataan haguuggu. Uffata loltuutiin jira. Damboobaan nama sanitti fuulaan gara galee taa’e. Daarayee shookalleera. Uffata qofaan jira. Lutti qulla.

Gaafa kutaa sanitti isa darban waan ufirraa qabu keessaa wonni irratti hambisan yoo jiraate uffata qofa. Kophee, qabattoo fi sa’aatii yeroon laallatanii mitii, qubeen qubaallee irratti hin hafne. Taa’ee kutaa keessa waan isa afoo jiru laala. Namtichi isa afoo taa’u eega inni seenee jalaa fuudhee haga gubbaa akka isa laalaaru argaa jira. “ABO akkamii agarte laata? Midhaassii laali qofa” jedhaa waan kutaa san keessatti isatti muldhatu laala. Xarraa fi baaxiin kutichaa siidaa dha. Qulqullinna hin qabu. Hin daarayeera. Akkuma isaa. Daaraa uffate san keessaan caldhisee nama isa keessa jiru laala. Hin dubbatu. “Meeqatu uduu inni cadhisee akkasitti laalu maal ta’e laata?” jedhe ammallee garaa isaa keessatti.

Uduu hin turin ammallee namni biraa seene.Kun akka kaawwanii gullatee hin jiru. Uffatallee ka siiviliitiin jira. Mataa ammoo keeppii qaba. Qaamaan qadhinnatti daba. Ka xarapheezaa gabaabaa duuba taree taa’e amma, nama ol seene san jalaa ka’ee barcumaa Damboobaa dalga jiru irra dhufee taa’e. Eega gad taa’ee ijaan Damboobatti goge. Ijji haga woyii gegeetti. “Ye oonag falaasfaa!” jedhe Afaan Amaaraatiin. Jalaa hin dubbanne Damboobaan.

“Hin dubbattuu!” jedheen. Ammallee hin caldhise.

“Siin jedhaa bar! hin boonaartaa?” jedhee ciniinnate.

“Lakki an wonni boonuuf hin jiru” jedhe Damboobaan.

“Ticharii keenna jennee faaruu woliin si haa waamnuu barbaaddee ree?” jedheen.

“An akkas hin jennee…”.

“Amma dubbii haa gabaabsinuu… Waan atis taatee fi waahiloonni kee itti jiran rifeensa mataa irraa haga qeensa miilaatti harkaa qabna. Wanni nu jalaa dhokate hin jiru. Hin dhossa jettus hin dandeettu. Ati eennu ka jedhuu miti ka barbaannu? ABO seeraan ala ta’e, ka mootummaan labsetti maaliif miseensa taatee kaayyoo isaa deemsiftee dha? Maan’ee ABO meeqa akka ijaarte, horii meeqa akka guurtee akka galchite ka akka himtu sirraa barbaannu. Egaa kana adda baasii lafa kaayi” jedhee ija fufurdaa san babaase. Kuuwwan lamaan homaa hin dubbatan.

“Wonni amma naan jettan kun tokkollee kiyyaa miti. An waan ABOtti miseensomee hojjadhe hin qabu” jedhe namni isa amanu akka hin jirre beekullee.

“ABO beettaa?” jedhe namtichi inni kana jennaan.

“Haga namni kamuu beeku!”

“Amma nu sobda moo uf sobda?”jedhe.

“Ufillee… isinillee waan sobuuf hin qabu” jedhe barsiisichi.

“Namni akka keetitti ciigoo barreessee barattoota mootummaa irratti kakaasu miseensa isaa hin taane… isaaf hin hojjanne yoo jedhu namni isa amanu akka hin jirre wollaaluun isaa nama gadisiisa”jedhe.

“An dhugaa jiru dubbadhe malee akka na amantaniifii miti” jedhe. Naasuu fi aariinillee itti hin jirtu. Abdii kutachutu irraa mudhata. Harka maratee taa’a.

“Mana barnootaa keessatti maal bartoota barsiisaa turte?” jedhe namtichi ammallee.

“Waan barsiisaan tokko barsiisu”

“Maal fa’a jettee?”

“Waan barsiisaan kamuu jechuu qabu jedhee”.

“Tolee mee isa waa’ee ABO itti deebinaa… Ciigoo fi sheekkoo fakkeessee bartoota kakaasaa ka ture eennu? Saree fi yayyii jettee ka bartoota ittiin kakaasaa turte sareen eennu? yayyiin eennu? Gooftaa ka jettuun hoo? Ammas qottoo fi muka qottoo jettee ka barsiifte hoo? Qottoon eennu? Mukni hoo? Raammoon galaana keessa deemee isin sodaachise hoo kami? Ati namni waan afaan Oromoo barsiisu fakkeessee bartoota akka ABO ta’an qaru, dabballeen ABO ABOf hin hojjanne yoo jette ka si amanu hin jiru. Nuti diimaa gurraacha kee hin beennu. Hujii kee kana fakkaatuun si beenna, si dhageennas. Ka biraallee heddu siif dabaluu dandeenna. Ammoo hujii kee ‘hin beekan’ jettee sobuu akka hin yaalleef kana mara keessa deemne.

“…Ammoo! nuttillee hujii hin baay’isin. Ufittillee garaa hin jabaatinii waan dalagaa turte tokko tokkon lafa kaayi” jedhaa nyaara guuree, quba itti mirmirse. Hin yaade; Damboobaan. Maal namicha sanitti deebisa.

‘Damboobaa kiyya! anaan kana jechuu dandeetta. Worra waan an jedhe qofatu sirriidha jedhuun ammoo kana jechuu hin dandeettu” ka Ruufoo jetteen gurra isaatti qillise. Waan biraa ka jara saniin jedhu ammoo hin agarre. Waanuma gaafa san Ruufoon jedhe deebisee namticha sanitti dubbate.

“An wonni isinitti himu yoo jiraate Afaan Oromoo barsiiseera. Sanii achi waan hojjadhe hin qabu” inni jennaan, ka isa afoo taa’u lafaa ol utaalee, dhabanaasaa bitaa mirgaa “gamba gamba” itti godhe. Bakkuma taa’etti lafti marteenii barcumaa irra taa’u irraa daaqe. Hin turre. Namtichi gaafii isa gaafataa ture funyaan itti bunnaan, jarri uffata loltuutiin jiran sun bitaa-mirga qabanii bahaniin.

**************************

Comments

comments

About the author

admin

Leave a Comment