Asoosama Featured

Asoosama Xalayaa Hayyuu Kutaa 8ffaa

-8-

Audio clip: Adobe Flash Player (version 9 or above) is required to play this audio clip. Download the latest version here. You also need to have JavaScript enabled in your browser.

“Na hin darbinaa! Na hin darbinaa! Rabbi sodaadhaa! Hin du’aa! as irraa kufee hin hafuu! Hin hafuu…” jedhee uduma inni worwaatu gamoo dheeraa woyii irraa darbinaan ol utaalee “ufffff… yaa rabbi” jedhee bitaa mirga midhate. Dukkanuma keessa ture, ka homaa itti hin mudhanne san keessa jira. Amma harka mirgaa ka miidhame, ceekuu bitaa irra kaayatee, ganaa harka bitaatiin ciqilee qabatee akkuma rafaa turetti ol jedhee taa’e. Torban dura gaafa “an afaan Oromoo barsiisuu malee waan hojjadhe hin qabu” jedhee, qabanii bahaniin san, namoota uffata poolisaatiin jiran sanniin keessaa tokkoo fi ka gaafii isa gaafataa ture, kutaa meeshaleen toorchii gara garaa jiru woyii seensisanii, shabbeenaa goommaa qabatanii qorqalbii sodaachisuu jalqaban.

“Uduu agartu gamoo irraa si darbina! Yoo barbaachisaa ta’e ammoo lubbuu teetitti taphanna! uduu lubbuun jirtu, qonnee boolla si keenna! Yookiinis tumnee si hin ajjeefnu! Akka hin duune, akka hin jiraanne si goona. HIV hin beettaamii? Dhiiga isaatiin si woraannee akka ati daftee hin duunee fi nagayaan hin jiraanne si taasifna… Garuu uduu kun marti hin taane murteeffadhu!” jedhaniin. Haga kanaa fi ka biraa jedhaniin hin dubbanne. Maal dubbata? San duras waan hojjate dubbatullee ka isa dhagahe hin turre. “Akka na dhagayan waan hin hojjanne hojjadhe jedhaa? Waan hin hojjatin, hojjadhe jedhee, eennuun woliin hojjatte yoo naan jedhan eennuun hima?  Kun ammoo waan hin hafne? Waa himnaan wonni biraa faana dhufuun hin hafu. Wonni an himu kun soba ta’uu yoo hubatan ammoo dhugaallee dubbannaan na hin amanan” ka jedhu ammoo san dura yaadaa ture.

“Hin dubbattuu?” jedheen worra bitaa mirga isaa dhaabatan keessaa tokko.

“An dhugaa jiru isinitti himaa jira. Barsiisuun alatti waan dalage takkallee hin qabu” inni jennaan harka isaa lamaan duubatti hidhanii “eennu woliin hariiroo akka qabdu himta moo hin himtu!?” jedhanii shabbeenuu jalqaban. Ima ciniinnate. Maayiirratti tumaan harkatti laafnaan “hin hafa! Si hin ajjeefnu. Akkanumatti sitti taphanna!” jedhaa, kutaa keessaa baasanitti darbanii biraa lixan. Bakkuma taa’e sanitti waanuma eebjuu keessaa utaalee yaadaa ture. Eebjuu biraa ta eebjotetti tare. Eebjuu san yaadatee aare. Deebi’ee seeqate. Deebi’ee aare ammallee. Barsiisaa wol hin feeneen, ka mana barumsaa tokko woliin turan, ka seenaa barsiisu, ka kutaa keessa dhaabatee uduu barsiisu dhuufuu buux godhe, barsiisaa Xilaayee eessaa fidee akka eebjuun arge hin beenne. Barsiisaan sun, uf tuulaa ol aantummaa Amaaraa ka duriitiif booyu qofa uduu hin taane, gowwaa qubeen afaan Oromoo akka faaydaa hin qabne ijoollee Oromootti himu woyii ture.

Yoo akka inni himuu, afaan Amaaraa dhiisanii afaan ufiitiin barachuun dhiphummaa qofa uduu hin taane wollaalumma. Afaan Oromoo “afaan Oromoo” jedhee hin waamu. “Laatiininyaa” jedha. Jibbaan inni barsiisota afaan kana barsiisaniif qabu irraa mudhata. Kanumaaf jecha Oromoon isa fedhu hin jiru. Damboobaanillee akka namiituu ilaalcha mishaa hin qabuuf. Kanumarraa ka ka’e, gaaf tokko bartoonni barsiisaa kana “akka nu hin barsiifne” jedhanii iyyatan. Waan isaan dhagayaa dhabnaan gaaf kaan, uduma inni barsiisu, riichitiin uchumaan qabsiisanii jala buusan dhooyuu fi barsiisichi sun nahee dhuufuu buux godhuun takka. Barsiisaa santu asitti dhufee “gatii kee argatte! dhiphaa” ka jedhuun eebjuun arge. “Habashaan eebjuunillee nu biraa hafuun heddu!? Gaafa duunellee qabrii nu falmuuf dhuftii laata?” jedhee aaraa turee yaada biraatti tare.

Mana isaatti tokko-tokkoo gaditti, tokkoo ammoo olitti jiraataa ture. Siree mishaa jedhamu ta’uu baatullee ka mana isaatti irra rafaa bahe badaa miti. Uffata badee hin beeku. Hiyyummaa nyaata dhabaatiinillee nama guddatee miti. Haga fuudhellee jireenna barsiisaan tokko jiraatu jiraataa ture. Dukkana san keessa yeroo irra jiru ima taa’a. Yeroo tokko tokko ammoo dhagama ligidaayu san irra huursee rafa. Kokkeen namaa waa hin diddu. Nyaatuma akii sareenuu miilaan baqattu, ka jala buusan san nyaata. Uffatuma irra jiru saniin lafa halkanii guyyaa adda hin beenne san keessa ture.  Ilmi namaa laafatti akka hin duune ka hubate eega tumaa gaafas uf wollaaleen san keessaa deebi’ee as. Dhagaa irra ciisaa ture qofa uduu hin taane, kutaan sunillee ka itti qabbanaaye eega eebjuu san keessaa dammaqee taa’ee as.

“Mana kiyyatti uduu haala akkanaa keessa jiraadhee hagana bulaa laata?” ufiin jedhe.

San dura, haala akkasii keessa ilmi namaa jiraachuu akka danda’u kitaabaan dubbise. Ufii isaatii haga arge ammoo reef torbaan lama jira. Jijjiiramni hin turre. Kutama san keessatti torbaanota dabalate.

Achii asillee harka lamaa sadi, kutama san seensisanii tumaniiran. Tumaan maayii garuu akka gaaf duraa laafaa hin turre. Qaama irratti hadoochanii, gurra duuchaniiran. Funuunsaniiranii laamshessaniiran. Ol ka’ee dhaabachuu hin danda’u. Lafti marteenii gubbaa gara galuu yoo uf hubate gattaa’a. Gogaa qofaasisuu ka jalqabe ammoo baatii tokko booda. Yeroo tokko tokko ammoo wonni qofa’ee tufu dhadhamni isaa dhiiga dhiiga itti dhaya. Akkasumatti baatii lama jala gahe. Haga kana mara ta’e guyyaa tokkollee waan mucaa isaa uduu hin yaanne oolee hin beeku. Waanuma mucaa isaa woliin ta’aa ture andisa. Mucaa isaa tolaan dhiisii lolaanillee injifatee hin beeku. Gaaf tokko isa manaa bahaaruun “si woliin deema” mucaan jennaan “taa’i… na faana hin deeminii” jedheen. Mucaan tole hin jenne. Hin loleen. Biraa hafuu dide. Shaxxee fudhatee itti ka’e. “Na dhahi” jedhee itti deeme mucaan. Dhayuu hin dandeenne. Sossobachutti deebi’e.  “Hayyuu kiyya! Adaa na hin jaalattuu!” jedheen. “Si jaaaladha” jedheen mucaan deebisee.

“Na sobaa jirta! Maaliif waan an siin jedhu hin dhageenne ree?” jedheen abbaan.

“Atuu na hin jaalattu” jedhe mucaanillee deebisee.

“Maaliif?” jedheen abbaan.

“Maaliif waan an siin jedhu didda ree?” jedheen. Bakka amma jirutti yoo taa’uu mitii yoo silim jedhullee isa afoo dhufa. Wonni inni jedhuun gurra isaa irratti qillisa.

“Adaa na hin jaalattu aabbaa kiyya!” jedhaan. Yeroo mucaa isaa yaadatu kamuu garaa jabaachuu dadhabe. Akkuma keessa jiru sanitti akki mucaan isaa itti jiru isa yaachisa. yaadaan faana hiixxata. Dhaqqabuu yoo dhabu ammoo akka daa’imaatti fiqqifatee booya. Yoo yaada mucaa isaa irraa as gara galu ammoo ufiin qaaqa. “Akka garaan dhalaa si godhe hin ta’in kaa! Akka dhiiraa ta’i kaa gurbaa! Duuti akkana fa’atti dhuftii jajjabaadhu! Akka an itti jiru saba kiyya dhiisii worri irraa dhaladhee arguu dhabe jettee garaa uf raaftee maqaa dhiiraa hin balleessin kaa bada gurbaa!” ufiin jedha.

*********************************

Comments

comments

About the author

admin

Leave a Comment