Asoosama Featured

Asoosama Xalayaa Hayyuu Kutaa 9ffaa

-9-

Audio clip: Adobe Flash Player (version 9 or above) is required to play this audio clip. Download the latest version here. You also need to have JavaScript enabled in your browser.

Jireenna keessatti jaarsa yookiin jaartii qabaachuun waan diqqaa miti. Jaarsa yookiin jaartii wolii galteen jiraatan ta’uun ammoo waan guddaa dha. Worri wolii galteen jiraatu, yoo dirqamaan fooyamu ammoo nama marara. Lafti ganama. Ruufo balbala irra caamtuu ganamaa keessa teettee boqoo qabattee yaaddi. Hagam ture jaarsi isii ka bahee dhabame? Sambanni ardha baatii lama. Jireenni isaanii baldhoo bira tarte ta’uu baattus ballaa akka ardhaa hin turre. Jireenni ballaan hin hokkolti. Ta Ruufo keessa jirtu ammoo, ballattee hin hokkolle. Harkaa jaamte.

“Rabbiin kun ilmoo namaa tana maalumaaf bineensa wolitti godhe?… Badii wolii keessa gammachuu barbaaddii?… Haga wol miitutti jiraachuu hin dandeettuu?… Haga mana wolii diiddutti ka ufii ijaarachuu hin dandeettuu? Worri isa qabee dhabamsiise hagam gammadeera laata?… Waan deebii hin qabne heddu uf gaafatee booyaa turtee, bakkuma teette sanitti mogolee isii ta shookalliteertu gan’aan gad haxoofnaan taan caalaa daarofte.

“Nama jaalataniin adda bahuu caalaa wonni nama miidhu maaluma?” jette ammallee, eega gan’atti tuttufattee mogolee daarofte haxaayatteen maayii. Nama karra moonaa dhadhayetu yaada keessa jirtu jidduu bahe.

“Anaa dhufu adaado!” jettee nama seene reebbattee, dhungatte. “An haa badu! Karaa haa taru an! Bahee haa dhabamu an Damboobaa kiyya!” jedhan jaartiin, moonaa seenan eega irra deebi’anii dhungatanii ka’anii booyaa. Ruufollee imimmaan jissite. Wolumatti booyaa, “koottu adaadoo tiyya” jettee, gara manaa jalaa qajeelte Ruufo. Waan feestaaliin harkaa qaban woyii lafa kaayatanii, “mee alanuma teennaa?” jedhanii, bakkuma isiin taa’aa turte jaartiin gaf jennaan “mana seeni adaadoo tiyya!” jetteen imimmaan haqataa. Jaartiin hin seenne.

“Yoom dhufte adaadoo tiyya?” jette isiinillee dhuftee isii bira gaf jettee.

“Kaleessuma galgala” jedhan jaartiinillee, imimmaan haqataa.

“Maaliif na bira hin bulin ree?”

“Ruufa tiyya kutubii dhufne. Nama na fidullee hin argine… Ati ufii nagayumaa? Coraan si fayyaa?”

“Nagawuma…? teessan nagayaa?” jette Ruufollee deebiftee.

“Guutuu afina! Galanni isa haa gayuu”

“Qe’ee teenna quba qabdanii?” jette eega nagaya wol gafatanii ka’anii.

“Miila kana quba hin qabnu. Ammoo gurroon nagayumaa… daa’imni kee hoo?”

“Hin rafaara”

“Atta jira bada mucattii?” jedhan guftaa jalaa furate, shaashiin duubatti hidhataa. Rifeensi mataa bule; wol makaa adii fi gurraachaa.

“Mee bada mucattii hafuuruma Damboobaa?” jedhan, jaartiin qoonqa gaqqabatanii. Siyaasa biraa beekuu baatanillee, barri bara sodaataa dubbatan ta’uu sirritti beekan fakkaata. Kana ka godhu ammoo jaartii san qofaa miti. Ka siyaasa beekullee kanuma. Namni Ruufoon dubbisu martuu, eega Damboobaan dhabamee akkanumatti kanuma jedhaan. Gara jirutu wollaalame malee, manaa bahee karaa manatti deebi’uun wollaalee akka hin badin ammoo maraa garaan hin beeka. Wonni jechuu danda’u sanuma qofa waan ta’eef martuu kana isiin jedha.

“Homaa hin jiran adaadoo tiyya. Anillee isinuma!” jette.

“Waarituun eessa jira?”  “Shaggar jira?” “Maal achii godha?”

“Hin barata”   “Dhagayee inni?”

“Dhagayee maal godha adaadoo tiyya? Kun waan dhagayanii waa godhanii miti” jette Ruufo.

San dabarsanii waan gaafatan wollaalanii, shaarbii uffataniin afaan qabatanii, “ee dhabami falfala! Ee karaa tari falfala! Aanne’e! An haa badu! Aann’e! aann’e!…” jedhanii ammallee mararfatan. Bakkuma san taa’anii, uduu waan gara garaa qaaqan, Ruufo qoonqa woyii dhageettee lafaa utaalte. Yoo gara manaa ol seentu Hayyutu banee, raadiyoo afaan Amaaraa qaaqu bira dhaabata. Shamizii malee kofoo ufirraa hin qabu.

“Maal godhaarta mucaa?” jetteen.

“Reediyoo caqasaara”jedheen.

“Deem asii! maal ambaa beettaa caqafta!” jette kolfaa dhaxxee reediyoo cufte.

“Caqasu malee” jedhee uduu inni booyu, “beena surree sii godhaa” jettee harkifte.

“An haa badu kurfaa kiyya! mee natti koottu!” jedhaa ufitti waaman jaartiin isii faana ol seenan.

“Kuunno akkotti dhaqi!” jettee gara jaartii akeette Ruufo. Mucaan tole hin jenne. Jaartiin bira dhaqanii, haadhuma jalatti, uduma inni didu, ufitti qabanii booyaa dhungatan. Tana dura akkanatti laalanii hin beekan. Eega dhungatanii ufirraa achi qabanii laalan. Waan tana duraa caalaa obboleessa isaanii maan’aa, ka woliin guddatan, ka jaalatan, ka ardhallee yoo yaadatan booyan abbaa Damboobaa fakkaata.

“An haa badu! laalaa mee Kinniisoo! Muraa albuu isuma!” jedhan.

Ruufo mucaa uffata itti uffiftee, fuula dhixxee daabboo woyii aananiin eega nyaachifteen booda “taphadhu” jettee, gara mana aaraa gabbaate. Mucaanillee bahee gara mana oollaa lixe. Yoo haga ture turee mucaan deebi’u isaan buna dhugan. Mucaan mana keessa eega takkaa fiffiigee ammallee gara raadiyoo qajeele. “Dhiisi!” jetteen haati. Dhiisuu dide. Hin kadhatte. Hin dide. “Lakkii dhiisi Hayyuu!” jettee quba itti mirmirsite. Ammallee hin dhiifne. Fuula itti baddee “lakki ardha gurbaannana” isiin jennaan “yoo akkasitti nama laaltu, ila akka ati jirtu” jedhee, uduu  jarri lachuu kolfan gara alaa gabbahe. Ammallee hin turre. Haati gara mana aaraa gabbaanaan yoosuu deebi’ee raadiyoo san uduma tuttuqu, komadiinoo gubbaa lafaa dhaye. Yoona haati aartee harka isaa keessa dhoofnaan booye. Jaartiin ufitti waamanii sossobuu yaalan. Caldhisuu dide. Amma haati itti tartee sossobuuf ufitti harkifnaan “sin fedhu! sin jaaladhu! Sin jaaladhu! Abbaa kiyya jaaladha!” jedheen booyaa. Ufitti qabdee sossobdullee cadhisuu dide.

“Ana haa dhayu! Lammata si hin dhayu gooftaa kiyya!” jettee shelatte.

“Ee! gaaf tokkollee na dhooftee… sin dhayu naan jette! Ati anuma sobda! Haa galuu abbaan kiyya! Haa galuu itti himadha!” inni jennaan, worri isa sossobaa ture, Ruufoo fi jaartiinillee faana booyan.

*******************************************

Comments

comments

About the author

admin

Leave a Comment