Jawar Mohammed

Dandeettii Ijoolleen Oromiyaa Waa Dubbisuuf Qabdu

  Jawaar Siraaj Muhammad / Hagayya, 2011

Barnoonni, hawaasa kamiifuu bu’ura guddinaati. Hireen barnootaatis mirga namoomaa kan bu’uraa waan taateef namayyuu hiree tana argachuu qaba.

Ija tanaan haala gara barnootaatiin kurneelee lameen dabran kana Oromiyaa keessatti mul’ate haa mil’annu. Baay’inni manbarnoottaniitiifi barattootaa dabalaati dhufe. Kanaafuu, haalli kun akkanaan yoo itti fufe dhaloonni ammaa hiree arkate tanatti fayyadamee ofiis biyya suniis hiyyummaa jalaa baasuun ni mala jedhameeti abdatama.

{saudioplayer autostart}http://opride.com/music/Dandeeyttii Jollee Oromiyaa.mp3{/saudioplayer}

Baay’inni manbarnoottaniitiifi barattootaa hammamii humna nama baratee biyyiti takka oomishattu waan mul’isuuf hawwii akkasii nama keessatti uumuun ni mala. Hawwiin gara abdiitti jijjiiramtee dhugoomuuf ammoo, lakkoofsi guddaan kuni dandeettii isaan maltu waliin walgituudha qaba. Yookaan waan abdatame sun argamsiisuu hin dandayu.

Haala kana ilaalchisee hayyoonni dhimma barnootaa qoratan babal’inni kuni dandeettii waliin walgitee deemaa akka hin jirre ganamumaani akeekkachiisuu eegalan. Mootummaan biyyattii sun taligaa jirtu garuu, daballii lakkoofsaatiin waan mirqaanteef qoma dhawachaa dhiichisuu malee, yaadaafi qeeqmaya imaammataafi tarsiimoo barnootaatirratti dhihaataa turaniifi dhihaachaa jiraniif gurraas ijaas waan qabdu hin fakkaattu.

kaluu tana Waldayni Gargaarsaa kan mootummaa Amerikaa (USAID), ministeera barnoootaa kan mootummaa Itoophiyaa waliin qorannoo takka geggeessee mudannoolee sirni barnootaa qabu keessaa, hanga tokko, saaxileeti jira. [i]  Qorannoon tuni dandeettii ijoolleen kutaa lamaatiifi sadihii waa dubbisuuf qabdu madaaaluuf geggeefamte. Tahuus, odeeffannoo  gabaasa san keesssatti dhihaaterraa waan hedduudha hubachuu dandeenya.  Barruu tiyya tana keessatti gabaasaa USAID kana keessaa waan Oromiyaafi Afaan Oromoo ilaalaa funaaneetin hubannoof akka mijaa’utti isiniif dhiheesse.

Hubannoo Waliigalaa

Qorannoon USAID tuni naannoowwan biyyattii saddeet  keessatti, afaanota jahai fuulleffattee, manbarnoottan 338 fi barattoota 13,079 irratti godhamte. Kanneen keessaa manbarnoottan 63 fi barattoonni 2491 Oromiyaa keessaa filataman. Nannoo Tigrayirraa  ammoo manneen barnootaa 39 fi barattoota 1551 tu filatame. Aanaalee Oromiyaa 198[ii] keessaa 16 (%8.08) kan filaman yoo tahu, aanaalee Tigray 35 keessaa ammoo 11  (%31.4tu) filame. Haalli kun waan biraa dhiisii qorannoomaafillee golistummaan ykn loogiin akka godhamaa jirtu ragaa baya.


Joollee Afaan Ababbiitiin (Afaan Dhalootaatiin) Barattu

Injifannoolee  gurguddoo  qabsoon saboota cunqurfamoo argamsiifte keessaa, tokko, mirga afaan ofiitiin barachuuti. Qorannoon tuni akka ragaa baatutti, yeroo ammaa daa’imman biyyattii keessaa dhibbeentaa 85 kan ta’an afaan ababbiitiin barachaa jiran. Kan Oromiyaa hogguu laalle, %87.8 afaan ababbiitiin (Afaan Oromoo) baratan. Joolleen Tigraay % 96.7, tan Amaaraa % 93.7 afaan ofiitin baratti. Lakkofsi kun hammamii ykn baay’ina namoota alagaa naannolee tanneen  keessa jiraatan waan mul’isu fakkaata.


Wanni ajaa’iba natti ta’e naannoo Benishangul-Gumuz keessattii daa’immaan 71.5% taatuutu afaan  warri isaanii manatti haasawuun mana barnootaatti akka baratan gabaasan. Kana jechuun joollee isaanii keessaa  %28.5 afaan alagaatiin baratan; naannawa kanatti afaan barnootaa Afaan Amaaraati. Maarree ummata naannawa sanii keessaa kan % 71.5 ta’u afaan kamiin ababe?   Afaan Amaaraatiin ababee laata? Moo tarii alagaan biraa hedduminaan achi qubatuun afaannan saboota haadhoo lafa sunii  guututti akka liqimfamu godhe? Gaafa nannoleen hedduun afaan ofiitin barachuu filatan, naannoon Benishangul-Gumuz afaanuma Amaaraatin itti fuufuu filachuun haala amma mul’atu kanaaf sababa ta’innaa laata?

Haala kana kan godinaa Sidaamaatin walbira qabnee yoo laalle, daa’immaan % 97.8 taatu afaan manatti ittiin haasawaniifi kan ittiin barataniis Afaanuma Sidaamaa ta’uu agarra. Ummata naanno Benishangul-Gumuz qubatu keeessa sabni alagaa %35 yoo ta’u, kan Sidamaa keessaa garuu % 11.4 qofa. Garaagarummaan baa’y’ina namoota alagaa naannolee lameen qubatanii haala afaanii kanaaaf hanga tokko sababa ta’uun ni mala. Haa ta’u ammoo murtiin sirna barnootaa afaan ofiitiin geggeessuuf murteeffame, afaan qe’etti warri hasawurrattillee dhiibbaa waan fidaa jiru fakkaata. Kunis, waggota digdamman dabran kana, ummanni Beenishaangul-Gumuuz hedduun Afaan Amaaraa madaqfachaa kan ofii ofirraa dhiisaa akka deeme, kan Sidaamaa garuu afaan ofii manaafi alattis jabeeffachaa deemuun isaa warri alagaa kanneen achi jiraatus afaan lafa sanii akka baratu taasisuu hin oolle.

Dandeettii Daa’imman waa dubbisuuf qaban

Qorannoon tuni saf godhanii waa dubbisuufi (Connected text oral reading fluency) dandeettii barruu takka dubbisanii hubachuu (Comprehension in connected text) madaale. Akka gulantaa addunyaatitti ijoolleen kutaa lamaa daqiiqaa takka keeessatti yoo xiqqaate jechoota 60 dubbisuu dandayuudha qaban. Daa’imman Itoophiyaa kanneen kutaa lamaa  keessaa dhibbeentaan saddeetam (%80) gulantaa tana gayuu hin dhaqqabne. Inumaatuu daa’immaan biyyattii keessaa dhibbeentaan 33.9 jechuma tokkollee sirnaan dubbisuu hin dandeenye.

Kan Oromiyaa yoo lallee Ijooollee idilee keessaa % 91.8 gulantaa addunyaa kan kutaa suniif lafa kaayame hin qabdu.  Kana jechuun joollee Oromiyaa keessaa dhibbentaa  8.2 qofatu daqiiqaa tokko keessatti jechoota 60 dubbisuu dandaya jechuudha. Inumaatuu ijoollee hunda keessaa %41.2 daqiiqa takka keessatti jechuma tokkollee sirnaan dubbisuu hin dandeenye. Barnnoota waggaa tokkoo boodas dandeettiin joollee tanaa dilas akka hin wayyaawin agarra. Joollee Oromiyaa tan kutaa sadi barattu keessaa %20.7 jechuma tokko qofallee hin dubbistu. Wanni kanarrraa hubannu ijoollee waggoota sadihiif manbarnoota keessa turte keessaa, hedduun, wahuu akka hinbaratin akkuma gaafa dhalattee sun jiraachuu isiiti.


Dandeettii Waa Dubbisanii Hubachuu

Warri qorannoo tana geggeesse, dandeettii daa’imman waan tokko dubbisanii ergaa isaa hubachuuf qaban madaaluuf, barruu gabaabaa tokko erga dhiheesniifi booda, gaafilee 4 yookaan 5 dhiheessaniif. Akkaataa madaallii kanaatiin, daa’imman Itoophiyaa kutaa lama  barattu  keessaa, %47.7, kanneen kutaa sadi baratan keessaa % 30.2 gaafii takkalleehuu sirritti deebisuu hin dandeenye. Haaluma walfakkaatuun, joollee Oromiyaa tan kutaa lammaffaa keessaa %47, kan kutaa sadihii keessaa ammoo  %24.7 waa dubbisanii wahuu hubachuu hin dandeenye.

Wanni hedduu nama rifachiisu,  naannolee magaalaa akka Haririifi Finfinnee waan hin tahin kanneen biraa maratti daa’imman %90  olitti shalagaman gulantaa waa dubbisanii  hubachuu dhabuu isaaniiti. Kan biroo haa hafuu naannoo Tigraay,  kan sirni biyyattii taligu leeccalloo garayyuu saamee itti fidu keessattuu daa’imman kutaa lamaa keessaa, dhibbeentaa 2.4 qofatu jechoota 60 daqiiqaa takka keessatti dubbisa. Mootummaan Itoophiyaa qeeqmaya garanaan itti dhiyaatuuf deebiin kennitu: “immammanni isaa huuba takkallee akka hin qabneefi rakkooleen mul’ataniis akkaataa imaammata san hojiirra itti oolchirraahi” kan jedhu taha. Naannolee biyyattiidhaa hundatti rakkoon akka walii (rakkoon gostokko) jiraachuun maddi rakkoo tanaa tokko tahuu, kuniis imaammata barnootaatiifi tarsiimoo mootummaan ittiin masakamtu tahuudha hubanna.

Garaagarummaa Baadiyyaafi Magaalaa jiddutti Mul’attu

Gabaasa qorannoo tanaatti warra afaan Amaaraatiin baratuuf, magaaalaatti yookiin  baadiyyaatti barachuun garaagarummaa guddaadha qaba. Fakkeenyaaf, ijoollee magaalaalee Finfinneetiifi Harar kanneen naannawa Amaaraatifi Benushangul-Gumuz waliin walmaddii qabnee yoo laalle qubee adda baafatanii beekurratti warri magaalaa kan baadiyyaarra harka dachaa saffee tahuudha agarra.


Gargaagarummaan baadiyyaafi magaalaa jiddutti mul’attu tun garuu, ijoollee Afaan Oromootin barattu jiddutti hangas bal’oo miti. Qorannoon tun daa’immaan Afaan Oromootiin naanolee Harariitifi Oromiyaa keessatti barattu walbira qabdeeti dhiheessite. Akka kanaan barruu takka dubbisanii hubachuurratti daa’immaan naannawa Hararititti barattu tan Oromiyaatti baratturra xiqqo wayyaa tahuu, ijoolleen Oromiyaatti barattu ammoo waa caqaftee hubachutti caalmaya qabaachuudha agarra. Sababni ijoolleen magaalaa tan baadiyyaatirra ittiin caaltees garaagarummaa haala jireenyaatin kan walqabate tahuun akka malu qorannoon tuni eerteeti jirti.

Afaan Amaaratirratti ijoolleen magaalaa tan baadiyyaa caaluun, garaagarummaan akkasii ammoo Afaan Oromootirratti mul’achuu dhabuun sabani maali?  gaafii jettuutu mataa keesa nu dhufa. Gaafii tanaaf deebii argachuun qorannoo biraa barbaadduus,  sababni tokko, garaagarummaa gara baay’ina kitaabbaniifi barruuleetiin afaan lameen jidduu jirtu tahuun ni mala jedheen yaada. Kunis, Afaan Amaaraa barruulee hedduu qabaachuun, barruuleen kuniis bal’inaan baadiyyaarra magaalaatti argamuun warra magaalaatiif carraa gaarii waan uumuuf garee lameen jiddutti walcaalmayni akka uumamu taasisa. Gara birootiin, Afaan Oromoo barruulee muraasa qofa qabaachuun isaa joolleen magaalaa hamma fedhees maallaqa qabaattu, joollee baadiyyaa daran kitaaba Afaan Oromoo argachuu hin dandeessu jedhuudha.

Garaagarummaa  gara kornayaatiin mul’atu  

Dandeettiin waa dubbisuutiifi caqasanii waa hubachuu tuni gara kornayaatiin (dhiiraafi dubara jiddutti) garaagarummaan ni mul’attii? Qorannoon tuni waan garanaan irra geesse ni qabdi. Walumaagalatti ulaagaalee gara waa dubbisani qayyabachutiin joolleen dhiiraa dubararra akka wayyyaa  taate yoo mul’isu, ulaagaa gara dhaggeeffatanii waa hubachuutiin ammoo garaagarummaa bal’oon hin argamne.

Magaalaafi baadiyyaa yoo walbiraqabne ammoo, baadiyyaattii joolleen dhiiraa dubararra wayyaadha; magaalatti garuu dubaraatu dhiirarra jabaatee argame. Kana malees dubarri magaalaadhaa  dubara baadiyyaatirra caalmaya qabaachuudha garra. Baay’inni hojii tan dubara baadiyyaatirratti fe’amte, yeroo silaa qu’annoodhaaf qaban waan jalaa saammattuuf obboleeyyan isaanii kan dhiraatiin boodatti akka harkifatan isaan godheeti jira.

Waa Dubbisuurratti Gosti Qubee Garaagarummaa ni fiddii?

Afaannan itoophiyaa keessatti ittin barataman qubeelee Saabaatiifi kan Laatinitin fayyadaman. Qorannoon tun garaagarummaan qubeedhaa dandeettii daa’imman waa dubbisuuf qabdurratti dhiibbaa qabaachuufi garaagarrummaas fiduu isaa adda baafachuuf yaalteeti jirti.

Daa’immaan qubee Laatinitin baratan gosoota qubee addaan baasurratti warra qubee Sabaatin baratanirra wayyaa ta’uu agarra. Akkuma kanaan ijoollee  Afaan Oromootiin barattu keessaa %82.6 gosoota qubee addaan baasanii yoo beekan, kan Afaan Tigreetiin barattu keessaa %73, kan Afaan Amaaraatiin barattu keessaa  ammoo %61 qofa tahuudha argina.


Garaagarummaan tuniis tan baay’ina qubee Saabaatirraa kan madde fakkaata. Haa ta’uu malee, joolleen Afaan Oromootin barattu, qubee akka gaaritti addaan baafattuus, jechoota qubeelee sun walitti diruudhaan uumaman dubbisuun kan dhibu fakkaata. Ijoolleen qubee Saabaatin barattu, hammam qubee adda baafatanii baratanuu haa rakkatan malee, takka adda baafannaan jechoota dubbisuufi ijaaruun isaan hin dhibu. Ijoollee qubee Laatinin barattu ammoo erga qubee addan baafatan booda jechoota dubbisuufi ijaaruuf rakkina qabu. Rakkinni kuni maalirraa madde?  Hanqina qophiifi dandeettii barsiisaati moo darrina mala ykn tooftaa qubee ittiin barsiifamaa jirtu?   Sababni kamuu tahu rakkoo tanaaf furmaata argachuun dirqama taha. Hanquu garayyuun jirtu duuchanii hubannoo ijoollee teenyaa gulantaa irraa eeggamurra gayuu qaba.

Goolabbii
Wanni guddaan qorannoo tanarraa hubannu baay’inni ijoollee hiree bornootaa argattee manbarnootaatti yaa’aa jirtu dabalaa jiraatuus, isaan keessaa, wayyabni ykn irra jireeyyiin homaa barachaa jiraachuu dhabuu isaaniiti. Qe’ee takkarraa joolleen 10 manbarnootaa seentee  saglan isaanii gulantaa waa dubbisuutiifi waan dubbisan san hubachuu  guuttatanii argamuu dadhabuun qe’een sun hoongooyte (kasaarte), hemelaalitti hafte jechuudha.

Rakkooleen tuni ijoolleerraa haa mul’attu malee, rakkoo biyyattiiti. Rakkoo tana furuuf imaammataafi tarsiimoo barnootaa fooyyeessuu barbaachisaa. Waan silaa sadarkaa tarsiimotitti fooyya’uu qabu keessaa barnoota afaanii bakka sadihitti qoodanii (jechuuniis:  dubbisuu, barreessuufi seerlugaa) kopha kophatti barsiisuu feesisa.  Fooyya’ina akkasii fiduuf ammoo abbaa taligaa tahuu, aangoo siyaasaa dhuunfachuu gaafata. Oromoon aangoo tana ammatti harkaa hin qabdu. Kanaafuu  jijjirama akkasii fiduu hin dandeessu.

Haa ta’uu ammoo jijjiramaa imaammataatifi tarsiimoo fiduu hin dandeenyu jennee abdii kutannee, harka marannee tattaa’uu hin qabnu. Waan yeroo ammaattii godhuu dandeenyu godhuu qabnu keessaa, tokko, kitaabbaniifi barruulee afaan Oromootiin katabuu, maxxansiisuufi ijoollee teenyaan gayuudha. Qorannoon tun akka agarsiisutti, wanneen dandeettii waa dubbisuu jajjabeessan keessaa tokko, kitaaba barnootaa (textbook) biratti kitaabbaniifi barruulee biroo qabaachuudha.

Akka qoronnaa tanaatti, joollee Oromiyaa 6 keessa tokko qofaatu kitaaba dabalataa argatee beeka. Barruuleen (gaazexaa, kitaaba…) afaan Oromoo hedduu akka hin jirre beekamaadha. Rakkoo tana furuuuf, akka matayyaatis akka murnaattis bifa gurmaaween tattaaffachuu feesisa; ni dandayamaas. Waa katabanii maxxansiisuun gatii guddaa gaafata. Gufuu tanarra aanuufis bahii qooddatuun gamtaan sossoohuu feesisa. Yeroon ammaa yeroo tajaajilli  internet itti babal’achaa jiru waan taheef hiree tanatti fayyadamanii waan barreeffame bifa saffeefi gatii xiqqaadhaan ummataan gahuun ni danda’ama.

Kitaabbaniifi barruulee baay’isuu hoggaa jennu kanneen seeraafi sirna eeggatanii gulantaa ogbarruurraa eeggamu qabaatanii umriifi hubannoo dubbistootaa fuulleeffatanii barreeffaman jechuudha. Kitaabbaniifi barruuleen garii, waan gararreetti ibsame kana mara waan hinqabneef faaydaa isaanirra badiitu irra guddata. Hanqina kitaabaati hir’ifna jennee, barruulee seerlugaa afaan Oromootifi heera  ogbarruu diigan joolletti raabsuun,  daa’imman san daran afaanfajjeessuun mala. Gumaanni keenya “cittoratti fanxoo” akka nujalaa hin taane, rakkoo gama kanaan jirtus qomatti fudhannee, fala itti barbaaduu qabna.

Gama birootiin  hayyoonni  waan akka seerlugaa afaan Oromootiifi mala barsiisuu ( pedagogy) qoratan, tooftaalee  Afaan Oromoo dubbisuu, barreessuufi hubachuu laaftutti ittiin barsiisuu nama dandeessisan qopheessanii suduudaan barsiiftotaaf dhiheessuuf bobbaa garanaan godhamtu jalqabuudha qaban.

Kaayoon barnootaa beekkumsa horachuudha. Bu’aan beekkoomsaa maal akka tahe isiniifin dhiisa.  Beekkumsi bifa lamaan argama: suduuddeefi faalsuduuddeedha (direct and indirect). Beekkoomsa heluuf waa dubbisuufi waan dubbisan suniis hubatanii qomatti galfachuu feesisa. Ijoolleen kutaalee lamaafi sadihitti dandeettii waa dubbisuu hin qajeelfatin kutaalee ol’aanootti akaakuu barnootaa kanneen garaagaraa dubbisanii hubachuudhaan ogummaa boru hoggaa hojiitti bobbahan isaan barbaachisu horachuu hin dandayan.  Muka osoo qacalee jallatte tokko guyyaa keessa diriirsuun nama dhiba; daa’imman ganamaan barnoonni duraa jallatees booda keessa qajeelchuun nama dhiba. Kanaafuu, ammumaan waan dandeenye haa goonuun jedha.

Qorannoon  tuni Oromoon daa’imman ofii afaan ofiitiin barsiisuu erga eegalee as, Oromiyaa keessatti barnoonni maal akka fakkaatu, hamma taheefuu, nu hubachiifti. Hamman beekutti, qorannoon dhimma kanarratti godhamte  hedduu miti. Haala barnoonni biyyaa teenyaa keessa jiru akka gaaritti hubachuuf, caalatti qorachuu nu barbaachisa. Dadhabnu ammoo  qorannoolee garanaan godhaman yoo jiraatan ifitti fudhannee ittin hojjachu. Hundumaafuu waan dandeenyu hunda godhu qabna.

Dhaamsi kiyyas kanuma.

*Warri barruu tanaafi waan birootifis na dubbisuu feetan gara jawarm@gmail.com na qunnamaa.



[i] Ethiopia Early Grade Reading Assessment , Data Analytic Report: Language and Early Learning  (October 31, 2010)

[ii] Oromia Regional State Perspective Plan for Universal Primary Education http://pdf.usaid.gov/pdf_docs/PNADW593.pdf

Comments

comments

About the author

admin

Leave a Comment