News

Baxter daadhiin jala haa yaatu

PTW_Baxter
Written by Mohammed A

Gammadii Badhaasoo irraa

Torbaan darbe du’a Dr. P.T.W. Baxter ykn Abbaa Aadam (akka ummanni Kofaleewaamutti) marsaa Gadaa.com gubattiyoo dubbisuu odoma arguu dhugaa ta’uu isaa mame.

Haga diqqoo yaadaan silim jedhee yoosuu haadha manaa isaa Pat bira bilbile. “Jimaata darbe guyyaa Guraandhala 28, 2014 addunyaa kana irraa darbee” nan jettee. Akkuma ta waaqa irraa dhufte lafti hin dadhabdu jedhamutti, gadda guddaa natti dhagayame ibsee isiif maatii isii hunda akka waaqni obsa kennuuf eebbise.

Alagaa jaalatama fira Oromoo kana akkamitti akka baradheefi dubbii garaa nama nyaatu ka inni natti hime ummata kiyyaan gaya jedhee yaada kana dabarsuuf abbale.

Wodhakkeessa bara torbaattammanii hujiif aanaa Kofalee deeme. Hujiin sun gara guddaa qotee bulaa wojjiin waan tureef baa’innan ummata baadiyaatiin wolnaqunnamsiisa. Akka hiree ta’ee manni akka waajjiraa itti fayyadamnu bara 1968/69tti Baxter itti fayyadama mana ture. Ummannis waa’ee isaa yoo haasayu jaalala irraa qaban irraa waan muldhataa tureef anillee waa’ee isaa beekuuf fedhii godhadhe. Ummanni naannoo kana waa’ee Baxter yoo haasayu,“Beeinni Faranjii. Garuu akkuma nama keennaati. Numa wojjiin nyaate dhuga. Bifattii san malee,  afaanuma keenna dubbata. Seera keenna sirritti gaafatee barreeffataa,’’ jedhan. Ummanni Kofalee ilaalcha jaalalaa isaaf qabu irraa ka’ee ilma isaa Aadam itti moggaase. Isas abbaa Aadam jedhanii waaman.

Akka naa himanittii waa’ee Aadaa ka inni qoratukeessi isaa bal’dhaa. Fuudhaa heeruma, Ateetee, Amantii, Seera Gadaa, Waata…wontumaan inni keessa hin bayiin hin jiru. Anillee nama ummata biratti akkanatti jaalatame kana barachuu fi barreeffamoota inni aadaa keenna irratti barreesse kana argadhee dubbisuuf fedhii godhadhe. Nama baargamaa dhiisii namnummaan biyya teennaatuu magaalaa yoo gale achii deeb’ee ummata baadiyyaa waliin qunnamtii bareedduu godhatuunuu waan hin jirreef ta Abbaan Aadam tun maalala natti taate. Daddafoo Godaanaa nama jedhamu ka Abbaa Aadam hiikkaa afaaniitiin gargaaraa ture irraa teessoo fudhee barreessuufi jalqabe.

Deebii isa irratti “dura atuu eenuu?” naan jedhe. Mootummaan Dargii bara sani akka biyya hin seenne waan dhorgaa tureef, waa lamaaf wolbarumsa kiyyaa kana irraa uf qusachoo filatee. Ka duraa mootummaan ija shakkiitin waan isa ilaaluuf anuu bulchiinsa mootumma keessaa harka qabadhinna ka jedhu yoo ta’u ka lammaffaa anafuu sodaate natti fakkaate. Yeroo sadi erga barreesseefii booda haga tokko yaada kiyya amanuu jalqabe. “Obbolessa kiyyaa, anuu akka nama yakkamaatitti fudhatamee, maqaa kiyyaan akka rakkoon sirra hin genne, odoo qunnamtii kee dhaabdee sii woyyinnaa?” jedhee naa deebise.

Maayii irratti hiriyyaan kiyya tokko barumsaaf London waan jiruuf isaaf haala kana barreesseefi. Akkasumatti hiriyyichi kiyyas Abbaa Aadam qunname. Saniin booda barreeffama isaa tokko yeroo duraatiif naa ergee. Bareeffamni kuni waa’ee kurree bitachuu ture (barter trade, petty transaction and small transformation in an Arsi market). Achiin boodaa hiriyyaa xalayaa taanee yeroo yeroon barreeffama adda addaa naaf ergaa ture.

Barreeffamni kun ilaalcha kiyya jijjiiree aadaa keessaa baye kana akka jaaladhu na godhe. Hiree argadheen waa’ee aadaa irratti xiyyeeffannoo godhe barachuu jalqabe. Waan hin beenne worra kiyyas ta’e maanguddoota biroo gaafachuu jalqabe. Osoma akkasitti wal qunnamnu walgeettii qorannoo Toophiyaatiif Finfinnee akka dhufuuf yaada qabu naaf barreesse. Anillee nama seena qabeessa kana ijaan arguuf hiree akka argadhe bikkee gammachuun guyyaa laakkayuu jalqabe.

Achiin booda odoma qalbiin bilbila isaa eegu gaafa tokko Asallaa Ras Hotel balbala irratti barruu walgeettii qorannoo Toophiyaa akeektu takka arge. Ani Finfinnee deeme isa arguuf yaada ture. Asittu argadhee jedhee, hiriyyaa kiyya tokko qabadhee gara sa’aa galgalaa itti qajellee. Yoo nu achi geennu keessummoonnillee baadiyyaa ilaalaa oolanii yoo galan balbalumaratti walitti dhufne. Isaan keessaa namuma afotti nutti dhufe nagaya gaafannee achii akka Dr.Baxter dhufeef hin dhufin gaafanne. Namni gaafanne sun gara hoogganaa gareetti gara Dr. Tadese Tamiratitti nu dabarse. Innillee akkuma maqaa Baxter dhofneen gaafii nutti roobse. Maaf barbaaddan? Eessatti beektan? Kanaan dura qaamaan wol argitanii beektuu? Anis fayyalummaa tiyya dhugaa itti hime. “Baxter hin dhufne. Amma achis biyya kana hin seenu. Gara hujii keesanii deemaa,” nun jedhe. Hin dhufneenuu hin gayuu maal ka qorannoo akka poolisii nu qoratu jedhaa maalalaa yoo uf irra garagallu hiriyyaa kiyya kana ka beeku keessummoota keessaa dhalotaan nama gara kibbaa ka ta’e nu waamee itti dachaane.

“Namoonni kun kessummota kiyyaanu wojjiin turuu dandaa’u,” jedhee keessumoota kaawanitti makamne. Namni Alessandro Triulzi jedhamu Oromo dubbisuuf fedhii waan qabuuf wal barannee waliin haasofne. Innis waa’ee Baxter gaafannaan, “Baxter visa waan dhorgatameef dhufu hin dandenne” nuun jedhe. Akka yakka kana Dr. Tamirat illee harka keessa qabus nuuf ibse. Torbaan itti aanu Abbaan Aadamillee xalayaa naa ergerratti kanuma naaf mirkaaneesse. Ka nama gaddiisiisu keessa qophii san irratti namni waa’ee ummata Oromo irratti qopheesse Triulzi qofa ture.

Humna kiyyaafuu garuu biyya alaa kana dhaquu waan hindandenneef qaamaan akka isa hin argine sarbii tiyya rare. Hireen tun bakka nama fidduu silaa hin beekani, haga turullee turu odoma itti hin yaadin biyyaa alaa kana bara 2000 baye. Akkuma ala bayeen “Abbaa Aadamiin ima argamii?” jedhee uf gaafadhe. Hawwiin tiyya naa guuttamtee Fulbaana 2003 keessa torbaan tokkoof woliin ture.

Innis malkatumaan, anis suuraa kitaaba isaa ka ‘A River of Blessings’ jedhu irraa kopii waan qabuuf walitti yoo dhufnu wal beekuun nu hin rakkifne. Wal qabannee gara mana isaa yoo deemnu haguma mana seennee waa natti mudhisuuf muddamsuu irratti argaa ture.

“Being first is good…wonti duraa mishaa,” naan jedhaa mana seenne. Kitaabnii ENCYCLOPAEDIA ETHIOPICA Volume 1 A-C jedhu torbaanuma san bayee koppiin tokko ergameef waan tureef isa keessatti ammo jechi Abbaa fi Aadaa jedhu ka Baxter gumaache fuula duraa jalqabumaratti waan bayeef kanuma gammachuun natti muldhise. Keessattuu kitaaba sadarkaa addunyaatitti baye kana keessatti jalqabni isaa waan Oromootiin ta’uu isaattu heddu gammachiise.

Guyyaa lamuu mana isaa yoo natti mudhisu, “mannii kee bosona kitaabatiif woraaqaati” jedhee itti qoose. Garuu dhugama. Mana hirribaa ka isaa hin seenneefuu hin argine. Golli kuuwwan martuu kitabaan guuttameera. Mana hirribaa ka keessummaa, bakka dhiyana itti bilcheeffatan, mana dubbisaa martuu kitaabaaf barruu adda addaattu keessa ciisa. Gara guddaa waa’eema Oromoo irratti ka hojjatamee. Nuu laali jedhanii ka barressitoonni keennaa itti ergatan, ka biyyaa erganiif, ka ala kanaa erganiif hundaa bakka itti godheera. Kaasettiin dur yeroo Oromiyaa dhaqe (1968/69) worabbates natti agarsiise. Kam ilaalanii kam dhiisan ree? Yoo maqaa beekanii iyyafatan hundu guutera. Namuma bishaan baaharaa keessa seene ta’ee hafe.

Akka hubannaa kiyyaatti Abbaan Aadam ogummaa woraqaa isaatiif qofa odoo hin ta’in, jaalala lafee ta Oromoo uf keessaa akka qabu natti muldhate. Dhugaa irratti hundayee yoo alagaan nama jaalatee ka keessaa dhalate caalaa na jechisisee. Yeroo achi ture waan hedduu na gorsee nataphachiise. Waan hedduu irraallee baradhe. Mee garii gaggabaabsee ibsuuf yaalaa.

Abbaan Aadam biyyoota Afrikaa hedduu argu naaf himee garuu ka akka Oromoo kolonii hamaa jala ture akka hin turre naaf ibse. Afaan isaaniitiin ‘ruthless colonialism’ jedha. Oromoota dhiisii inninuu waanuma waa’ee Oromoo qorateef akka dhiibbaa itti godhan naaf hime. Henna Kofaleen qorannaaf taa’u baadiyyaa keessatti dukkaanaa dhaabatee jiraachuuf gaafannaan dhoorgan.

Afaan Oromoo barattee, ka worra ‘salaxxanee’ akkamitti hin baratiin? Maaf Afaan amaaraa hin dubbannee? Jechaa namoonni aanaa irra jirani ka akka poolisii fa’a gaafiin na hacuucaa turan. Yoo afaan amaaraatiin na dubbisani ani hin beeku yoo jedhuun na hin amanan jedhe.

Ka isallee maalalchiisu ammo namoota aanaa irra jiran caalaa namoota akka Professor Mesfin Woldemariam jiran. “Namni Itiyoophiyaa baadiyaas ta’ee magaala ka afaan Amaaraa hin dubbannee hin jiru” jedhee wolgettii Paris tokko kessatti na mormaa ture. Ani ka ija tiyyaan argee miila kiyaan kessa deeme hoo maal haa jedhu? Moo ummata bal’dhaa Oromoo afaan isaa dhossuuf? Jedhee maalala Abbaan Aadam.

Bara mootummaa nugusichaa wontumaan dhossaa gayee hujii kiyyaa na dhoorguu gayee maaf? Wontii dhorgamuu tokko daran nama cimsaa bee! Gaaf tokko Dr. Feqede Gadamu wojjiin nugusa harka fuudhuu dhiyanne. Garuu ana harka fuudhee “ati deemi” jedheeni Feqede harka fuudhuu dide! Akka nama waa moruuti!. Wollala daangaa hinqabnee. Hayyoonni Gadaa Booranaa Maal jetti laata odoo itti himee? Kanniintu Oromoo Saba guddaa gabromfate!!

Bara dargiillee wonti jijjiramee hin jiru. Ammas Oromoo lafuma isaa sii kenninee jedhanii sobaniin. Odoo sun ta’uu baatee ammoo silaa haa bubbulu malee waan dhalataniif arguuf turee beettaa? Naan jedhe.

Waan dubbatame hundaa barreffamaa kanatti xumuruun nama dhiba. Anis waan garaa na nyaate garii akka gaafii itti kaasaa ture.

Gaafii: Qabsoon Oromoo hagam waan yaadne kanatti dhiyataa jira Abbaa Adam jedheen?

Abbaa Aadam: Bara nugusichaallee ilmaan gara alaa kana ergamtee baratte Ilmaanuma Abashaati. Sun dammaqiinsa hawaasatiif bu’aa guddaa qaba. Bara Dargii Ijolleen EPRP taatee biyyaa ari’amne jechaa hadhaa naanoo akka Washington D.C. marchadisii gangalchan Abashootuma. Ummata guddaa kana miidhaa bifaa heddutu irra ture. Kanaf yeroo fudhachoon ni mala. Hireen barumsaa yoo diqqaa ta’ee miidhaa hawaasaa irran gayuu atuu mee bikki jedhe.

Gaafii: Akkumaa Abashoonii bulchinsaaf Ummata keenna kutaan gar gar qodan, yaanni nama keenaas yeroof sobaminna? Bal’inna nu qabnus inuu argitamii jedheen.

Abbaa Aadam: Ani kana irratti rakkoo tokkolee hin argu. Ummanii kun bakka fedhellee haa jiratuu seeraa Gadaa irraa as marge. Naannoo kamituu haa gurmaawuu, maraafuu abbaan Oromoo. Fkn, dorgomii kubbaa miilaa ka adunyaa yoo Ingliziin taphattoota ergadhaa jedhan kilabii Manchester, Liverpool, Newcastel…(ka biros) kessaa filamanii ergaman. Garuu wolii galatti England-iif taphatu.Kun na hin sodachisu.

Gaafii: Sila Itiyoophiyaa dhaquun wolgeetimaaf moo ammas waan qorattu qabda?

Abbaa Aadam: Ani yoomuu Booranaaf horii isaanii takkattima odoo jiru deebi’ee laaluu fedha. Ummata guddaa ufiin boonu, ka nagayaa jaalatu nagaya dhorgani beettaa? Kanafuu jabadhaa barrii ka qarummaatii saba kessan gargaara naan jedhee.

Gaafii: Hacuuccaa durii silaa ijaa keetiin argitee, amma wonti dhageettee fooya’e jettee itti gammadde jira?

Abbaa Aadam: Ee! Afaan Oromoo Qubee Laatiniitiin barreffamaa jiraa naan jennaan, baayisee gammadee. Hiriyaa kiyaa Professor B.W. Andrzejewski (“Goosh”) qaabadhee. Amma garuu hin jiru maal godhaa ree ka beekutu beekaa. Professor Andrzejewski waa’e afaan baha Afrika gara garaa irratti dalage. Akkasumas Afaan Oromo irrattis dalage. Jijjiirama kana odoo hin argin adduunyaa irraa deeme.

Yaa ummata kiyyaa, nama akkanatti dhiigaaf lafee nu jaalatu torbaan darbe adunyaa tana irra dhabne. Bada Uumaa!! Haadha mana isaa Pat, akaakayoota, abaabayyoota isaa waandhii obsa nuu haa kennuuf. Aadamiif ilmaan isaa lamaanis haa jabeessu. Hiriyyoota isaa, hiriyyootaa Oromoo ka inni horateefis akkasuma.

Biyyeen isaa haa salphattu, daadhiin isa jala haa yaatu.

Comments

comments

About the author

Mohammed A

Leave a Comment