Afaan Oromoo

Ibiddi Qilinxoo, barbadaa of keessatti ukkaamse deebisee natti bobeesse: Dhaamsa kiyya maatii hidhamtootaaf

14247859_10108175398822160_841915491_o
Written by Edao Dawano

Bariisaa Fulbaana 3, 2016, mana hidhaa Qilinxoo, kan dangaa Finfinneetti argamuu, keessatti dhukaasni jiraachuu ijaan-daawwattoonni gabaasan. Kanaan boddee, manni hidhaa guddaan kunuu gubachaa jiraachuun itti aane. Ibbiddi kunis goblaa mana hidhaa kana kan tika hundarra ol’aanaa ta’een tikamu, kan hiddhamtoonni siyaasaa haga murtii eeggatanitti itti tursiifaman, guututti barbaadeesse.

Aanga’oonni biyyattii namni 23 galaafatamuu hogguu karaa dubbi-himaa isaaniin yeroo ibsan maddeen biroo ammoo lakkoofsi kuni 60 akka ga’u gabaasan. Manni hidhaa Qilinxoo hidhamtoota hamma 3,000 ga’an keessummeessa, kan hooggantoonni mormitootaa bebbeekkamoon akka Baqqalaa Garbaa fi jaallan isaa faati keessatti argaman.
Lubbuun namaa haala sukanneessaa akkanaatin du’a hin oolle mudachuun qalbii nama cabsa. Akkaataan mootummaan waan mudate kana itti qabaa jiru ammo caalattuu kan aariin nama haqqisiisu. Erga balaan kuni galee torbaan tokkoon booddes, eenyu akka lubbuun ibiddarraa baraaramtee fi kan hin dandamatin haala maaliin akka du’an wanni beekkame gonkuma hin jiru. Haadhotiin hidhamtootaa aantota isaanii barbaacha manneen hidhaa federaalaa tokkorraa kanatti irra erga marmaaranii/cehanii hoonga’aniin booda dadhabnaan, Roobii kan battalumatti, akka malee dhiphachuu irraa, gadda isaanii hiriiratti jijjiiruun: Reeffa firoota keenna kan du’anii nuuf laadhaa, ykn ammoo akka qunnamnee ijaan isaan agarru nu hayyamaa jechuun gaafatan. Qonyayyaa madaa irratti akka sooqidda dibuutti, deebiin isaan argatan isaanima keessaayyuu gariin hidhatti darbamuudha.

Hidhamtoonni Qilinxotti karri itti cufame hedduun sababa diddaa ummata Oromoo kan ji’oota kurnan lakkoofsiseen walqabate. Shakkii hin qabu, akka hidhamtoonni kunniin yeroo hedduu hidhaa kanarraa bilisa ba’uu fi maatii isaanitti deebi’anii makamuu dheebochaa turan. Shakkii hin qabu, akka roorroon gateettii ummata isaanii irratti fe’ame irraa hiikkamu abjoochaa turan. Garuu, hidhamtoota garii isaaniif, abdii fi abjuun isaanii sun ibidda haala shakkisiisaa ta’een qabate kanaan mana hidhaa dukkanaa, bakka isaan humna isaaniitiin humaa ofiif ta’uu hin dandeenyee fi ofis dandamuu hin dandeenyetti daaraa fi cilee ta’ee hafe.

Imala mile kumoota hedduu Qilinxoo irraa fagaadhee bakka jirutti, oduu gaddaa kana fudhachuu fi maatin hidhamtoota kanaa du’aa-jireenya foon isaanii beekuu dhabuun dukkana keessatti hafuu isaanii kun maal akka fakkaatu tilmaamuuf carraaqe. Bontuu Baqqalaa Garbaa dargaggeettii (shamarra) jagnaa fi onnattuudha. Yeroo maaybaasiilee oduutti dhiyaattu, gadda guddaa osoo baadhattuu of-jajjabeessitee onnee guutuun jabinaan, afaan guuttee dubbatti. Kanaaf Boontutti nan hinaafa ture. Yoo xiqqaate isiin carraa mana hidhaa dhaqxee ija isiitiin abbaa isii arguu fi itti dubbachuu waan qabduuf. Hireen isii kan itti hinaafanii miti; garuu haalli isiin torbaan kana keessa qaxxaamurte kan ani keessa jiraadhuun hidhata qaba.

Abbaan kiyya Baqqalaa Dawaanoo ti—nama mirga Oromoof jecha cinniinnatee qabsaa’u, kan maqaan isaa tarree qabsaa’ota bilisummaa Oromoo keessatti galmaa’e, waggaa 25 dura anaa daa’imaa achi-buuteen isaa dhabamte. Umrii kiyya guutuu abbaan akkaan jaaladhu lubbuun jiraachuu fi du’uu isaa osoo addaan hin baafatin guddadhe. Oduun achi-buuteen hidhamtoota Qilinxoo dhabamuu fi mootummaan maatiilee waan firoota isaanii mudate itti himuu diduun diilalluu guddaa keessatti na hambisee gadadoo daangaa hin qabneen na guute. Madaa fi aarii baroota hedduu of-keessatti ukkaamsee irra taa’uu natti malaase akka dhaamsa akka du’aatti irraa baqachaa ture tana akka barreessu na taasise.

Baroota hedduuf, namonni namni jaalatan irraa hidhamee bakka isaan itti hidhaman beekan heddu eebbifamoo fi carra-qabeeyyiidha jedhee yaadaa ture—yoo xiqqaate mana hidhaa dhaqanii daawwachuu waan danda’aniif. Firootaa fi maatiin firri irraa ajjeefamaniiyyu, taaziyaa taa’anii gadda ba’uu ykn xumura bifa wayii argatanii akka jedhanitti jireenya isaanitti deebi’uu dandaan. Ani ammo waan abbaa kiyyaa kan walakkeessa walakkaa jaarraa tokkoon boodas hiree fi achi-buuteen isaa wallaalame kanatti xumura itti argachuu waan dadhabeef, anaaf kuni madaa fayya hin qabnee fi kan keessaan nama dhoru wayii natti ta’aa jiraadha.
Abbaan kiyya Qilinxoo jiraachuu osoo beekee, anis akkuma maatiilee hidhamtootaa kan hireen isaanii osoo hin beekkamin hafe, waan inni keessa jiruu fi waan irra ga’e hubachuuf gara sanitti kaadha ture. Anis akkuma namoota garii reeffa abbaa kiyyaa naaf kennaa ykn jiraachuu isaa ragaa qabatamaan naaf dhiheessaa jechuun gaafadha ture. Garuu carraa san hin qabu.

Anis akkuma Boontuu fi maatiilee hidhamtoota hafanii naasuu dhaga’uu oduu gaddaa (mardoo) eeggachuu kan isaan keessa lufaa jiran san qoodadha. Hiree fi nagummaa nama heddu jaalatanii tokkoo beekuu dhabuun nama ajjeessa—kutaa fi kukkutaan. Baroota hedduuf, hubama qalbii kan waan biraa kamuu kan jireenya keessatti nama mudatu, heddutu anas mudate, irraayyuu ulfaataa ta’uu jaboo arge. Fageenni lafaa, miidhamni sun natti dhaga’amuu irraa na hin ittisu—abbaan kiyya yeroo ani hedduu isa barbaadutti narraa hatamuu isaa of keessatti dhukkubsisaa waan guddadheef.

Dukkanaa fi barbaacha waggaa 25 kanaan boodas, abdii qal’oo tan abbaan kiyya manoota hidhaa Itoophiyaa heddu kan lakkaa’amanii hin dhumne tokko keessatti argaminnaa laata jettu ammallee of keessatti kunuunsa. Kanaaf yeroo manni hidhaa gubatu, gidduu kana heddutu gubachaa jira, abdiin kiyyas waliin xooliga (kunturraawa). Akka waan abbaan kiyyaa fi hidhamtoonni isa wajjiin jiran bakka namni isaan quba hin qabnetti ibiddaan waddamaa jirantti natti dhagayama. Aara ibiddaa kan mana hidhaa gubatee, gara samitti ol kaatu yoon argu anis akka waan aaraan ukkaamfamee natti dhagayamee hargana. Mootummaan Itoophiyaa akkuma abbaa kiyya najalaa butee dhabamsiise fi ijoollummaa kiyya narraa dukkaneessee/balleesse, lubbuu isas dhaabataan ibiddaan waxalee ajjeessinnaa jechaa sodaadha; yaadda’as. Kanuma wajjiinis, gaafatamummaa safuu kan aanga’oota mootummaa madaala akkasumas gara-jabina wardiyoota mana hidhaa kan hidhamtoota ibidda qabate dhaamsuuf carraaqan rasaasaan akaa’an herrega sammuu keessa naannessuun ajaa’ibfadha. Kanas godhee, galaana yaadaa ka keessaa-baha hin qabne keessatti of-arga; humna kana oolchu dhabuun natti dhagayamee, yaaddoon na injifata.

Halkan waari’ee jira, kophaa kiyya siree keessa gangaladha, gaggalgala, garas dabaa garana deebi’a. Imimmaan narraa roobu goggoysuuf waldhaansoo wajjiin qabaa, abbaan kiyya yoo Qilinxoo jiraate hoo jedhee yaadaan of gaafadha. Jiraatus dhabus beekuu hin danda’u. Kanneen rasaasaan ajjeefaman ykn dhaabatatti osoo harka duwwaa ibidda itti qabate dhaamsuuf wixxifatanii isaan waxalamanii du’an keessaa innis tokko ta’uu dandaya. Nan yaada, erga dhabamee waggaan 25 waan dabreef, osoo Qilinxotti ibiddaan gubatee ykn akka dhawwaataan du’a isaatiin walitti dhufuuf achitti gatameeyyuu, akkamitti eennummaa isaa beekuun danda’ama jechuun of gaaf’a. Yaada kana hunda sammuu keessa tamsaasee, akka nama hirribaa ka’uu ta’a—akka nama musuussuu wayii keesaa baaragee akka bayyanatuu ta’ee anis maalif nama carraa gaarii qabu ta’ee reeffa isaa argadhee gaddaa fi miidhama waggaa 25 waliin awaaluu akka ta’u hawwa. Abdii faallaa abdii ta’e kana hiccittiin jireennaa kan ba’aa gadadoo fi yaaddoo kana narraa salphisee akka baadhadhee waliin jiraadhu na dandeessise.

Akka kophaa hin jirre nan beeka. Maatiilee heddutu jira kan dukkana fakkaataa akkanaa keessatti waggootaaf dallawni itti ijaaramtee jirtu. Of gaaf’a yeroo garii: akkamitti gadda kana moo’atan.

Abdii kiyyaa fi maalif akka abdiin natti bulu

Jireenya kiyya irra-guddeessaa fi murteessaan, boquu yaadaa fi yaaddoo abbaa kiyya kan achi-buuteen dhabamee keessatti badaa akkasumas jireeni mana hidhaa maal fakkaataa abjootaa guddadhe. Qullaa ta’uu isaanii itti baruu fi madda dhugaa akka hin qabne hubachuu irraa, oduu hamii daddabraa akka galaanaa guutaa gurra kiyya duuchu abdii guddaa naa kennuu erga dhiisanii bubbulaniiru. Gariin abbaan kee erga ajjeefamee yeroon isaa dheeraadha naan jedhan. Gariin reebicha hamaa irraa dhukkubsatee yaalii fi dawaa dhaba du’e naan jedhan. Abbaan kiyya nama kaayoo ofitti cichuu fi nama ejjannoo siyaasaa isaa irratti qabu hin daddaaqnedha. Yeroo tokko kanneen abbaa kiyya qaban gootummaa fi jagnummaa isaa dinqisiifatanii “goota akkanaa hin ajjeesnu” nuun jedhan jedhanii natti himan jiru. Kanarraa innis (abbaan kiyyas) tarii manneen hidhaa fagoo kanneen hidhamtoonni bebbeekkamoon akka Nadhii Gammadaa, Yooseef Baatii, Lammeessaa Boruu fi kkf ija hawaasarraa waggaa kornoota lamaa fi walakkaaf miliqsiifaman keessa jiraachuu hin dhabu naan jetti qalbiin. Guyyaa gaarii garii, kuni sarara abdii qal’oo takka naaf kenna—hangamuu kan akka ifaa halkanii bilic jettee doomtee dhaamtu taatus.

Yeroo garii carraa akka Boontuu Baqqalaa Garbaa fi ilmaan hidhamtoota Oromoo biraa qaban osoo qabaadhee hawwa: Carraa abbootii isaanii mana hidhaatti dhaqanii daawwa’achuu. Anis akkasuma godha ture osoo bakkuma inni itti hidhame, eessallee haa taatu, baree jiraadhee. Dhugumattuu, bira dhaqanii ijaan arguun natti hafee, lubbuun jiraachuu abbaa kiyyaa qofa osoo beekee silaa qalbii tiyya tan yaaddoo fi gaddaa-gadadoo isaatiin hururtee fi buttutte na tasgabbeessa ture—garuu silaan deega dubbiitii maal godhan!
Kanaaf Bootuu fi namoota biraa kan gadda afaan ittiin himan hin qabne keessa jiran kanniin waa jedheenii obsisiisuu kajeela. Garuu anuu waanuma na mudate kanaa fi maalummaa isaa akka itti ibsu hin beeku. Yeroo garii hadoodee humaa waa natti hin dhagayamu dida—akka waan onneen tiyya hubama qalbii fi gadadoo bara-baraa kan keessaa ba’uu hin dandeennen laambubamtetti.
Jireena baqaa, waggoota hedduu dukkana odeessi eessa-buuteen abbaa kiyyaa keessatti awaalame fi hamii akka xayyaaraa qileensa keessa balaliitu, kan gariin isii inni lubbuun ni jira jettu, kuun ammo lakki qaata du’e jettu, keessa jiraachuu giddutti isa jiraachisuu filadhe—abdii qal’oo takka ta laalaa (miidhaa) gaddaa fi gadadoo kana yeroofis taatu natti cabsitu.

Jireenni ani jiraadhe kuni, hangamuu fokkataa fi fokkisiisaa ta’u, guddinnaa fi hanqinna qabsoo ummatni Oromoo bilisummaa isaaf gochaa jiru bifa adda ta’e tokkoon akka hubadhu carraa naaf kenne qaba. Abbaan kiyya Dhalootni Qubee lugaama qabsoo harka ofiitti galfatee qabsoo fuuldura tarkaanfachiisaa jiraachuu argutti heddu ni boona ture. Ummanni Oromoo qarqara galaana hawwiin isaa kan bilisummaa, haqaa fi qixxummaa dhugoomtu irra ga’u isaatti heddu gammada ture. Guddinni ummanni keenna galmeesse wareegama lubbuu jagnoota hedduu fi jagnoota hedduu kan reebichaa fi hidhaan dararaa keessa jiraataniin dhufe—firii wareegama isaaniiti. Ilmaa-intala ka’ima kamiifuu abbaan isaanii guddaa-gudayya. Kuni anaaf raatuu ijoollummaa qofaa miti: Abbaan kiyyaa fi kanneen of-wareegan marti ummanni Oromoo miliyoona kurna hedduun lakkaa’amu hacuuccaa, achi-qabaa, fi moggeeffamummaa alagaa gabroomfataa jalaa bahanii jireenya nagayaa fi gammachuu akka jiraatan gochuuf waan ta’eef dhugumatti isaan namoota gurguddaa fi guddayyoota. Seenaa keenya kan dhiphinaa keessattis maqaan isaanii hogguu kan faarfamu—faayaa fi faarutu isaaniin male.

Kana, gorsi ani Boontuu fi maatiilee hidhamootnni Qilinxoo fi saniin alattis jalaa du’anii fi achi-buuteen isaanii dhabamee maraan ga’uu barbaadu. Gadadoo fi gadda sammuu nama naannessu kana keessatti, kan yoomillee ija keenya duraa nu baduu hin qabne wareegama keenyaan—kan maatiilee balaan hacuucaa fi dhiitama mirga namoomaa isaan mudatee maraan—qabsoon bilisummaa akka injifannoo gonfatuu fi waanjoon gabrummaa gateettii ummata keenyarraa bu’ee akka unkutaa’u sirritti hubachuudha.. Wareegamni hidhamtoota siyaasaa kuni gucaa fi hamilee dhaloota har’aa fi borullee ta’uun cunqursaa fi roorroo bifa hundaa akka hiddaan buqqisu dagachuu hin qabnu.

Guyya yeroon isaa ga’e, ekeraan namoota mirga Oromootif jecha lubbuu isaanii aarsaa taasisanii deebi’ee lubbuu horata—xiqqaatee xiqqaatee qalbii keenya kan gamtaa keessattis bara-baraan jiraatu. Ni deebi’u ilmaan tiyaaf, kan ar’a hin dhalfatin, fi ilmaan ilmaan isaaniif akka jagnoota akka fakeenyatti isaan faanaa hordoffiin isaanin maletti. Kanaafi kan qabsoo saba keenyatti daran cichuu fi xumura itti gochuu qabnuuf: micireen abbaa-irrummaa fi roorroon bifa kamuu qabnuu deebitee nu keessatti akka hin biqille hiddaan gogsuuf. Kana qofa gochuuni kan yaadannoo jagnoota keenyaa kabajinuu fi wareegama isaanii faaruun faaynuuf.

Qabsoon itti fufa! Faaruu fi ulfinni wareegamntoota nu dura dabran hundaaf yaa ta’u.

Comments

comments

About the author

Edao Dawano

Edao Dawano is a Minneapolis-based Oromo activist and former president of the Oromia Youth Association.

1 Comment

Leave a Comment