Yeroon kun yeroo ummanni mootota cunqursitoota irratti finciluudhan mirga ofii argachaa jiran ta’uun qabatamaan mirkaneeffamaa jira. Moototni cunqursitootni Tunisiyaa fi Misraa ka kooraa aangoo baroota hedduuf yaabbatan irraa sochii ummataatin qaarsifaman qarqaarsaa fi amantaa biyyota aangawoo irraa waan argachaa turaniif abdi guddaa ufirratti qabachaa turan. Kanaaf waan sodaatan tokkollee waan hinjirreef mirga ummata isaanii dantaa fi daanga tokko malee dhiitaa turan.
Abdii Boruu*
Dhiyoo kana Gadaa.com irratti mata duree “OPride.com Seeking Contributors –Hamba Habalee Cittee” http://gadaa.com/oduu/?p=6792 jedhuun waayee Afaan Oromoo dubbissen ture. Ani akkan ofii kiyyaa yaadutti, yaadni kun baay’ee gaarii dha; deeggaramuu fi jajjabeessamuus qaba . Deeggaruu fi jajjabeessuu jechuun ammoo, yaada gaarii dha; jabaadhaa itti fufaa jechuu dhaan yaada (comment) kennuu ykn dhiyeessuu qofaatti hafuu hin qabu. Bakkeen kun kan namootni yaada, beekumsa fi dandeettii ofii itti hirmaatani fi asitti walirraa barachuus danda’an ta’uu qaba. Kuni bu’aa karaa lamaa qabaachuu danda’a. Tokko, walirraa barachuu fi beekumsa tokko tokkorraa argachuu yoo ta’u, bu’aan karaa lammaffaa babal’isuu fi guddisuu Afaan Oromoo ti. Kanaaf tattaaffiin akkanaa kun yoo deeggarame, bu’aa fiduu danda’a jedheen yaada.
Taammanaa Bitimaa Irraa
Obboo Aman Abdulkedir,Ministeera Aadaa Fi Turizimii Toopphiyaa Kabajamaa,
Mee waan hundaa nagaan namummaa fi kan Afrikummaa haa dursu!
Kunoo, harra xalayaa banaa tana akkan isiniif barreessu kan na kakaase, barruuleewwan ministeerii keessaniin baafamee, Agarsiisa Turizimii Addunyaa kan dira Barliin, Biyya Jarmanii keessatti gaafa 10. 03. 10 irraa hamma 14. 03. 10 adeemsifamaa ture irratti raabsame.
Akkuma ennaa biraa waan akkanaa argeetoo bira dabruu hin dandeenye. Kan akkan hin dandeenye na taasises, bara amma keessa jirruu fi mootummaa amma impaayerittii Toopphiyaa keessa jiru waanan qalbeeffaddheefi. Waan akkanaa kana nafxanyoonni "teenya" isaan moofaan oggaa hunda baasu, dubbatullee, ittis boonullee! Ammoo, warri kooraa mootummaa Toopphiyaa kan ammaa kana koreetoo impaayerittii bitaa jiru, nafxanyoota haaraa dha. Isaan kun waan hedduun nafxanyoota moofaa-dhaan addaan-baafamu. Kan addaan isaan baasu keessaa inni tokko waayee gaafii sabaa ti.
Surraa Oromiyaa| Sadaasa 03/2010
Ilmi Oromoo guyyaa mirgi abbaa biyyumaa isaa irraa mulqamee eegalee, didda inni yeroo adda addaan taasisu jabaataa deemuun isaa seenaan nu yaadachiisa. Qabsoo bilisummaaf godhamu kana keessatti hirmaannaan barattoota Oromoo bara 1970 eegale, gara humana jabaatti jijjiramuun Jaarmiyaa siayaasaa guddaa uummata Oromoo biratti kabajamaafi jaalatamaa ABO gad dhaabuun qabsoo hidhannoo finiinsuutti seene. Jaarmiyaan siyaasaa kun dhibbaan dhibbatti milkaahuu baatus bu’aalee gurguddaa ijaan argamanis tahe kan hin argamne saba isaaf gumaachee jira. San keesssa tokko dhaloota amma jiru, kan eenyummaa isaa irratti dammaqe, an diinaaf hin bitamu jedhu; Dhaloota fincilaa dhalchee dabre.
Stay Connected on Social Media
Paper.li Central
- Ethiopia
- Oromo
- Horn of Africa
The latest news, articles, and stories from Ethiopia brought to you by Paper.li curated from Facebook and Twitter feeds.
The latest Oromo news, articles, and stories about Oromo diaspora brought to you by Paper.li curated from Facebook and Twitter feeds.
The latest news, articles, and stories from the Horn of Africa brought to you by Paper.li curated from Facebook and Twitter feeds.
Editor's Pick
-
Escalating conflict with Muslims could spur more troubles for Ethiopiaby OPride StaffRead More...
The Ethiopian government warned Muslim activists... -
Church, Mosque and State in EthiopiaBy Buri WaddessoRead More...
The recent stand-off between the Ethiopian... -
Oromo: a society pushed into a difficult cornerFrom this week's 'Letters to the Editor' ... name withheld upon request*
Read More... - 1
- 2
- 3
Popular on OPride
- The 'new’ OLF program: much ado about nothing
- Ginbot 7 and Dr. Berhanu Nega's hostility toward Oromo cause
- Behind Ethiopia’s recent mass arrests
- The rite and rituals of Sheik Hussein Bale, and Wahhabism
- Observations from the Motherland: A day at the ER in Ethiopia
- Blog What? Observations from the Motherland
- Dawit Kebede: Ethiopian government, its own only “independent” critic