22 November 2010
Category: Afaan Oromoo
Abdii Boruu*
Dhiyoo kana Gadaa.com irratti mata duree “OPride.com Seeking Contributors –Hamba Habalee Cittee” http://gadaa.com/oduu/?p=6792 jedhuun waayee Afaan Oromoo dubbissen ture. Ani akkan ofii kiyyaa yaadutti, yaadni kun baay’ee gaarii dha; deeggaramuu fi jajjabeessamuus qaba . Deeggaruu fi jajjabeessuu jechuun ammoo, yaada gaarii dha; jabaadhaa itti fufaa jechuu dhaan yaada (comment) kennuu ykn dhiyeessuu qofaatti hafuu hin qabu. Bakkeen kun kan namootni yaada, beekumsa fi dandeettii ofii itti hirmaatani fi asitti walirraa barachuus danda’an ta’uu qaba. Kuni bu’aa karaa lamaa qabaachuu danda’a. Tokko, walirraa barachuu fi beekumsa tokko tokkorraa argachuu yoo ta’u, bu’aan karaa lammaffaa babal’isuu fi guddisuu Afaan Oromoo ti. Kanaaf tattaaffiin akkanaa kun yoo deeggarame, bu’aa fiduu danda’a jedheen yaada.
Asirratti yaadni ykn gaafiin: Maal godhuu qabna? jedhu ka’uu danda’a ta’a. Warri yaada kana dhiyeessan (OPride.com) wanta godhamuu qabu yookaanis akkamitti yaada kana akka babal’isan ibsani illee, ani yaada tokko dhiyeessuun barbaada. Fakkeenyaaf, namootni jechoota Saayinsii, Kompiyuutaraa, Afaanii (grammar words or terms) … walumaagalatti jechoota Teeknoolojii Afaan Oromoo fi Afaan Ingiliziitiin beekan, jechoota kana wal bira qabanii dhiyeessuu dhaan akka namootni biroo baratan yookaanis yaada ofii itti dhiyeessan godhuu dha. Akkanatti jechootni baay’achaa akka deeman waan taasisuuf, gara fuulduraatti kitaabotni tokko tokko illee, kan ogummaa gara garaatiif qophaa’an akka barreeffaman jajjabeessuu danda’a jedheen yaada. Kuni ammoo yaada dhuunfaa kiyyaa fakkeenyaaf jedheeti malee, wanti asirratti hirmaatamu baay’ee ta’uu danda’u. Kan ta’es ta’u, yaada akkanaa irratti hirmaachuun baay’ee barbaachisaa dha.
Dhumarratti, dhaamsi ani carraa kanaan Oromoo hundaafuu dabarsuu barbaadu, keessumaayuu warri barumsa, beekumsa fi dandeettii qabdan waan dandeessan, karaa dandeessaniin qooda keessan gumaachuu dhaan, Afaan keenya akka hin dagatamne fi duubatti hin hafne; kana bira illee dabree akka guddatu; dirqama Oromummaa keessan akka baatani dha. Afaan Oromoo hundee Oromummaa ti; mallattoo Oromoo ti. Kanaaf, eenyummaa fi mallattoo keenya haa guddifnu; addunyaatti haa agarsiifnu; ittiinis haa guddannu. Guddinni Afaan tokko guddina saba tokko ti.
Guutu dubbisuuf : Gadaa.com - Afaan Oromoo dur hacuuccaa diinaatu duubatti isa hanbise, har’a hoo maaltu duubatti isa hanbisa?
(http://gadaa.com/oduu/6822/2010/11/20/afaan-oromoo-dur-hacuuccaa-diinaatu-duubatti-isa-hanbise-har%E2%80%99a-hoo-maaltu-duubatti-isa-hanbisa/)
Stay Connected on Social Media
Paper.li Central
- Ethiopia
- Oromo
- Horn of Africa
The latest news, articles, and stories from Ethiopia brought to you by Paper.li curated from Facebook and Twitter feeds.
The latest Oromo news, articles, and stories about Oromo diaspora brought to you by Paper.li curated from Facebook and Twitter feeds.
The latest news, articles, and stories from the Horn of Africa brought to you by Paper.li curated from Facebook and Twitter feeds.
Editor's Pick
-
Escalating conflict with Muslims could spur more troubles for Ethiopiaby OPride StaffRead More...
The Ethiopian government warned Muslim activists... -
Church, Mosque and State in EthiopiaBy Buri WaddessoRead More...
The recent stand-off between the Ethiopian... -
Oromo: a society pushed into a difficult cornerFrom this week's 'Letters to the Editor' ... name withheld upon request*
Read More... - 1
- 2
- 3
Popular on OPride
- The 'new’ OLF program: much ado about nothing
- Ginbot 7 and Dr. Berhanu Nega's hostility toward Oromo cause
- Behind Ethiopia’s recent mass arrests
- The rite and rituals of Sheik Hussein Bale, and Wahhabism
- Observations from the Motherland: A day at the ER in Ethiopia
- Blog What? Observations from the Motherland
- Dawit Kebede: Ethiopian government, its own only “independent” critic