‘Sa’a Abbaan Gaafa Cabse Ollaan Ija Jaamsa’
Oromummaa Keenya Dhugumatti Ni jaalannaa Laata?
Siiban Abbichuutiin
Mata duree kana bifa gaaffiitiin kanin kaa’eef jaaladhee miti. Wanaticha tu anumaafuu gaaffii tahe. Gaaffii deebii qabatamaa hin argatin. Barruu kana akkuman amma dura godhaa ture Ingliffaan qopheessuu yaadeen ture. Garuu sababa gurguddaa lamaafan Afaan Oromootiin barreessuu filadhe. Kan duraa, dhimmichi Afaan Oromoo waan ilaaluuf afaanuma abbaa dhimmichaatiin akka dhihaatun barbaade. Kan lammeessoo ammoo, barruun kun qeeqa Oromoon Oromoo qeequun kan guutame waan taheef alagaan akka fokkuu (qaanyii) keenya kana dubbisee nutti kolfu waanin hin barbaadneefi.
Gara dhimma ka’eefitti haa seenu. Dubbiin ani kaasuuf deemu dhimma siyaasaa miti. Dhimma Oromummaa ti. Dhimma siyaasaa fi Oromummaa adda addatti yoo ilaalle gaarii dha. Siyaasaan ni jijijjiirama (dynamic) dha. Oromummaan garuu waan dhalootaa ti sababa taheef gara itti jijijjiiramu hin qabu. Kanaafuu mee har’aaf furguggee siyaasaa walitti furguggisuu dhiifnee waa’ee Oromummaa keenyaa, jaalannus jibbinus, isa hunda keenya walitti fidu irratti yaaddoo mul’atu afaanuma keenya Afaan Oromootiin wal haa mari’annu. Akkuma beekamu galanni qabsaawota dimimmisa injifannoo hanganaa nu gonfachiisaniif haa tahuu tii, har’a Oromoon guutuutti yoo tahuu baates irra guddaatti ani Oromoo dha jedhee mataa ol qabatee eenyummaa ofii himachuu danda’eera. Kun injifannoo tuffatamu miti. Ammoo injifannoon kun asuma irratti murtaawee hafuu akka hin qabne kan hubatan qabsaawonni fi sabboontonni qaqqaaliin har’as qabsocha galii isaan gahuuf wareegama adda addaa baasaa jiran.
As irratti gaaffiin isiniif qaba. Oromummaa keenya beeknee ani Oromoo dha, biyyi koo Oromiyaa dha jennee kan amanne har’a lakkoofsi keenya meeqa taha laata? Ummata Oromoo waliigala miliyoona 40tti tilmaamamu keessaa hangam taana? Mee kan walii galaa haa turuuyyuu, lammiilee Oromoo biyya ambaa kana keessa jirru keessaa meeqan keenya tu sirriitti eenyummaa keenyatti boonna? Eeyyee! Hundi keenyayyuu Oromummaa keenyatti ni boonna jettu taha. Ani garuu shakkiin qaba. Eeyyee, shakkiin qaba. Maal irraa kaatee shakkii horatte jedhaa na gaafadhaa. Na gaafachuu baattanis ani shakkii koo isinii ibsuu irraa hin deebi’u. Yaaddoo kiyya isiniif yoon hin qoodne eenyuufin qooda? Ilmi Oromoo tokko balaa Oromummaa isaa irratti aggaamamaa jiru argee akka nama maraatee yoo iyye irra hin laalinaa. Anis Oromoo dha. Balaa Oromummaa keenya irratti aggaamamaa jiru argee yaadda’een akka nama maraateetti iyyaa jira. Akkan hin maraatin garuu ofin beeka, abshir, anaaf hin yaadda’inaa.