Walgahiin maree araaraa fi tokkummaa Waldaa Artistoota Oromoon Fulbaana 25, 2010 magaalaa Washington DC keessatti gaggeeffame milkiin xumurame. Walgahii kana irratti hawaasni Oromoo Washington DC, Virginia, Maryland, fi Philadelphia irraa baayyinaan kan irratti argaman yoo ta’u, akkasumas hawaasni Oromoo gariin karaa dheeraa deemuun Atlanta, Seattle ,Washington, Minneapolis, Minnesota fi Toronto, Canada irraa dhufuun irraa qooda fudhatan.
Walgahiin kun eebba maangdoo fi dhaamsa dura ta’aa waldaa Artistoota Oromoo Obbo Amiin Jundii dhiheessaniin ifatti jalqabe. Maanguddoon Oromoo Obbo Fiqaaduu Waaqjiraa fi Artist Mohammed Shankifee walgahiin deemaa jiru sun kan milkii fi injifannoo akka ta’u hawwuusaanirrayyuu mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo deebisanii cimsuuf, nagaa fi araarri mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti akka bu’uu fi ABO tokkoomsuuf deemsa araaraa monguddoon Oromoo itti jiran okkola tokko malee akka fiixa ba’uuf hawwii qaban addeessan.
Obbo Amiin Jundiis keessumoota haasaa gochuuf afeeramanii fi hawaasa Oromoo dhihoo fi fagoo irraa walgahii kana irratti argamuuf dhufan erga galatteeffataniin booda akeeka waltajjii kanaa bal’inaan ibsan. Itti fufuunis “ABOn akka dhaabaatti adda ba’uun isaa diina kan jabeessee, deemsa qabsoo bilisummaa Oromoo kan laaffise, gurmuu hawaasa Oromoo kan diigee fi Oromoo akka sabaatti salphina guddaa keessa kan buuse waan ta’eef, deemsa araaraa kana deeggaruu fi fiixa ba’iinsa isaaf waan dandeenyu gumaachuuf waltajjii akkasii qopheessine, isinis hawaasni Oromoo, deeggartootnii fi miseensi dhaabota ABO deemsi araaraa kun fiixa akka ba’uuf hirmaannaa keessan akka guddiftan” jechuun dhaammatan.
Guutu Gabaasa kana Dubbisuuf furgo kana tuqi : Ibsaa Maree Waltajii WAO, Washinton DC
Oduu Walfakkata :