Addi Bilisummaa Oromoo Tokkoomne jedha. Murnoonni Adda Bilisummaa Oromoo, Jijjiirama fi Shanee Gumii jechun beekkaman, marii dheeraa bu’uresitoota dhaabafi maanguddoota Oromoo godhama ture milkiin xumuranne jedhu.
Mariin falmii fi yeroo dheeraa fudhate kuni araaran xumuramuun isaa injifannoo ol’aana akka ta’etti hafarfama jira. Murnii Jijjiirama bara 2008 garee shanee irra fottoqee kan bahe yoo ta’uu, gareen lameenu ganna lamaafi walakaaf oloola walirratti oofa turan. Waggaa kana gareen lachuu araara dhaaba giddutti fiduuf haasawa turan. Murtii irra gayu dadhabuun isaani kan qabsaayota hedduu yaaddesse ture yoo ta’u, ibsi haar’a baye kuni hamilchiisadha jedhama.
Marsaan Oromoo hangaftichi, Gadaa.com, madda Oduu ABO raga godhachuun akka gabaasetti, Fulbaana 27, 2010 gareen lameenu ragaa araarama waliif mallateessani jiru. Murtii araara kana ammo guutumaan guututti ji’a shan keessatti xumurama jedhan.
Ibsi asxaa ABO ofirraa qabu kuni gareen ABO sadafaan Qaacaa (Qaama Ceehumsa) jedhamun beekkamu akka keessa hin jirre akeeka. Ibsa gabaaba sani irratti, bakka bu’oota (dubbatoota) garee laman armaan olitti tuqaman qofatu maqaa dhahame. Tanaan dura gareen Jijjiramaa fi Qaaccaa wali galle jedhani labsa baasun isanillee ni yaadatama.
Ammatti, akkuma duritti garee ABO Shanee-Gumii fi Qaacatti addan baasani lama godhaniifi wali galani ABO tokkoomsaniin ifa hin taane. Tokkummaan kun Tokkummmaa hunde akka ta’uu fedhii fi hawwii ummata Oromoo baal’a ta’e yoo jiru, hoogganoonni ABO dhuguma dhawata Onnee Oromoo kana siritti dhagefachu akka isan barbaachisu asumaan itti dhaamna.