Afaan Oromoo

Oromo: Ibsa Waliigaltee ABO Tokkoomsuu

Mariin Araaraa buusuun ABO tokkoomsuuf Shanee Gumii ABO (ShG-ABO) fi Koree Yeroo ABO (KY-ABO) gidduutti waggaa tokko oliif dura teessummaa fi masakiinsa Bu’uuressitootaa fi Miseensota Gameeyyii ABO (BMG-ABO) tiin geggeeffamaa turuun ni yaadatama. Akka kanaan walgahii Fulbaana25 fi 26, 2010 godhame irratti araara buusuu fi ABO tokkomsuuf waliigaltee irra gahamee waliigalteen kunis gama lachuun mallatteeffamuu miseensota, deeggartootaa fi ummata keenya yeroo beeksifnu gammachuu guddaani. Hundeen waliigaltee kanaa yeroo ji’a shan hin caalle keessatti Walga’ii Tokkummaa ABO waamuun araara buusanii tokkummaa dhaaba keennaa deebisanii mirkaneessuudha.

Waldhabbii bara lama dura dhalateetti ummatni Oromoo fi firoottan isaa yeroo gaddan diinoti ammoo itti gammadan. Oromoo mataan lafa ilaalee farreen mataa ol qabatanii diiggaa keennattis mirqaananii wal jibbaa lammii hafarsuun obbolaa fi obbolaa addaan fageessuu hujii taasifatanii burraaqan.

Qaawwaan dhalate gurmuu qabsaawotaa laaffise; safuu qabsaa’ummaa fi lammummaan alatti wal diinomsuun keenya ummata keenya qaanfachiise, gaddisiise, walis shakkisiise. Roorroo, ajjeechaa, hidhaa fi saaminsa hiriyaa hin qabne ummata Oromoo fi Oromiyaa irratti raawwatamaa jiru jabinaa fi humna guutun dura dhaabbachuu hanqise. Rakkoon kun mudachutti gaddaa, akka gama hundaanuu barnooti qbsaoo fuulduraaf bu’aa guddaa qabu irraa argame abdachaa, haala kana irra aanuuf gurmuun qabsaawota walitti deebi’uu fi mooraan QBO tokkoomuu fi cimuun barbaachisaa waan taheef waliigalteen kun mallatteeffame.

Qabsaa’onnii Oromoo marti waliigaltee mallatteeffame kana mirkaneessuu fi milkeessuu irratti qooda isin irraa eegamu yaadaan, humnaan, qabeenyaa fi dandeetti dhaan akka bira dhaabbatan waamicha keenya dabarsina.

Waliigaltee kana wanneen gufachiisuu malan shakkii, olola diigaa, hamii, bir’aa fi kkf obsa, garaa-bal’ina, gamnummaan akka dura dhaabbatan yaadachiifna.

Ummatni Oromoo fi deggertooti QBOtis fiixa bahiinsa waliigaltee araaramuu fi tokkomuu ABO balbala saaqu kanaaf karaa hundaan akka nu cinaa dhaabbatan waamicha keenya dabarsina. Haala akka ummatatti har’a keessa jirru kan ittisa dhabanii diinaan roorrifamuu, dararamuu fi waldhabbii keessaanis dhiphachuu keessaa baanee bilisummaa keenya gonfachuuf gurmuun qabsaawota walitti deebi’uu, tokkummaan dhugoomu, fi jaarmaan isaa haaromee ABOn deebi’ee humnoomuun barbaachisaa tahuu hubatamee akeeka kana dhugoomsuu irratti gumaata barbaachisu akka of qusanna tokko malee gootan irra deebinee waamicha keenya haaromsina.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
Fulbaana 28, 2010

Comments

comments

About the author

OPride Staff

Collaborative stories written or reported by OPride staff and contributors.

Leave a Comment

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.