Ayyaani irreechaa onkololessa 2 bara 2010 Magaalaa muummittii biyya Norway, Oslo hora Sognsvann jedhamutti, Oromoonni dhihoo fi fagoo jiraatan hedduun irratti hirmaatanii sirna ho’aadhaan kabajamee ooleera.
Nannoon suni qabbana turullee namoonni kanaaf osoo hinsodaatin uffata aadaa oromoo naannoo maraa calaqqisuu uffatanii, sirbaa fi dhiichiisaan, faaruu ayyaanaa kan akka ”… Irreessa kee, yaa Waaq nu baasi qilleensa kee…” jedhu faarfachaa gara malkaatti deemanii irreeffataniiru. Haalli ayyanichi itti kabajame kun hamilee sabboonummaa Oromoota kan kakaase qofa osoo hintaane, qalbii ormaa (imaltoota) naannoo malkaa ayyaanni kun itti kabajame sana turan kan maalalche ture.
Sirna Irreechaa akkuma duudhaa Oromootti lallabni lallabamee angafaafi quxusuun galannii Waaqa Oromoof dhihaate. Itti ansuudhaanis hirmaattonni abbaa malkaatiin durfamanii eega irreeffataniin booda mijuun dhihaate, bookni biifamee hundi akka unatan godhameera. Akkasumas qoriin eebbaaf dhihaatte akka gaaritti sooratame. Sirbi ayyaana gubaa, ayyaana irreessaa fi sirbi ”birraa birraa” jedhu kan malkaa kanatti dhihaatee ture qabbana guyyaa sana bu’e akka dagannu nu taasiseera.
Hanga kafanni hirmaattotaa raaren laaqamuti kan nama utaalchisee ture. Sirni irreeffachuu erga xummuramee boodas hirmaattoni wal waliin ta’ani gara galma aadaatti deemuun dhiyana qophaaye waliin erga sooratani booda, haala ayyaana waggaa darbee hordofuun seeminaarri IRREECHA ilaalchisee qindeeffame eebba mangudootaatiin calqabee.
Guutu Gabaasa kana Dubbisuuf : Ayyaanni Irreecha 2010 Norway magaalaa Oslotitti kabajame.
More on the 2010 Irreechaa Celebration Marathon :
- Oromo (Irreechaa) Renaissance in Pictures– OPride.com
- Millions Celebrated Irreechaa in Bishoftu, Oromia – Gadaa.com
- Oromos in Uganda Celebrate Irreechaa – New Vision
- Oromo : Irreechaa in Canada was a Success – Urjii.info
- The Resurgence of a God Fearing Ancient Republican Polity
- Happy Thanksgiving (Irreechaa) from Little Oromia – OPride.com
- Irreechaa Celebrated Colorfully In Los Angeles, CA
- Oromo : Irreechaa Night Party in Seattle, WA
- Oromo : Irreecha Celebration in Minneapolis, Sep 19 – 2010 flyer
- Oromo Festival of Thanksgiving – Gadaa.com