Afaan Oromoo

Hawaasni Oromoo Qaama Ummata Minnesotatti

Hawaasni Oromoo qaama ummata  Minnesota kan gahee jabaa qabu. Gumaata isin godina keenyaaf  godhaa jirtan hedduun dinqisiifadha.

Akka bulchaa godina kanaatitti, Hawaasa Oromoo waliin tumsa  uumuudhaan, dhimmaa baqattoottaa dabalatee,  rakkoolee hawaasa kana mudataa jiran furuudhaaf jabinaanin carraaqa. Adeemsi Maatii Oromoo sababa baqaatin Afrikaa fi Amerikaatti addan cite jiru  walitti fiduu akka saffisu karoorfadheetin jira.

Karoora kana galmaan ga’uufis hogganoota Mana Marii Ameerikaatti  Minnesota bakka bu’an waliinin dalaga. Bakka bu’oota kanneen waliin tahuunis, iyyannaan baqattoonni   hayyama jireenyaatifi  lammummaa Ameerikaa   argachuuf galfatan waajjiraalee  federalaatitti  akka lafarra hin harkifanne ni too’anna.

Rakkoolee gaaga’mni diinagde fide tanarra aanuudhaaf, lammiileen hundi  ogummaa  hiree hojiitif dorgomuuf isaan dandeessiftu horachuu qabu. Kanaaf ammoo leenjiin kaffaltii malee mootummaadhaan akka kennamu haalli ni mijaa’a. Hiree hojii Minnesotatti argamtu  daran bal’isuudhaaf, boondii mootummaa guddaan ni baha.  Teeknolojii human tirikaa haraya hojiirra oolchudhaanis, horiin garasiin qisaafamu ni qusanna. Hala kanaan hojjattoota kuma kurnanniin lakkaawamaniif hireen dalagaa haarayni ni uumamti.

Tarkaanfileen arman olitti eeraman kun miseensonni hawaasa Oromoo hojii gaarii akka argatan ni gargaaru. Haa ta’uutii hiree hojii tana  caalatti tasgabbeessuuf, qulqullina barnoota godina keenyaattif xiyyeeffannaan haarayni kennamuu qaba. Barnoota daa’immaaniiti eegale, sirna  Manneen Barnoota Ummataa jajjabeessuun barbaachisaadha. Dabalataanis, ilmaan Minnesota barnoota sadarkaa lammataa xumuran cufti haala koolleejjii keessattiifi dirree hojiititti milkaa’uuf isaan dandeessisuun qophaa’uu qaban.
 

Hiree ijoollee hundaa fiixaan gahuudhaaf, qabeenyi fi meeshaaleen manneen barnootaatiif barbaachisu cufti akka guutamuuf halkaniifi guyyaan tattaafadha.   Mataa kiyya dabalatee hogganoonni sirna barnootaa hundi  dalagaa bu’aadhaan mudaalamu agarsiisuudhaaf dirqama fudhanna.


Dhumarratti,  tajaajila hanga ammaa  Hawaasa Oromootif  kennaa ture itti fufuudhaaf  hawwiin koo guddaadha. Deeggarsa keessanifi kan  hawaasa  birootin Minnesota dagaagdeefi misoomte akka jaarru shakkii hin qabu.

 

Ulfaadhaa,

Mark Dayton

Oduu Wal-fakkaata :

 

 

Comments

comments

About the author

OPride Staff

Collaborative stories written or reported by OPride staff and contributors.

Leave a Comment

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.