Oromoon Aada bareeda qaba. Seera tumatee ittiin bula ture. Hooda, Teedaa fi Laguus qabaachaa ture. Osoo Mootummaa abbaa-irreetiin hin cabin dura, sirna bulchiinsa dimokratawa ta’e, Sirna Gadaa jedhamuun, bulee wal bulcha ture. Oromoon lola hin jaalatu, yoo tuqan mirga isaa falmata malee. Seenaa Oromoo dheeraa keessatti, yeroon ummatni Oromoo tole jedhe diinaafi gabrummaa fudhate hin turre. Haata’u malee humna, tooftaa fi meeshaa baranneen fayyadamuudhaan diinni Oromoo Cabsuu danda’e.
Gaafa humni Oromoo sharafamee fi dinni irreen tokkummaa uummaticha cabse asi, sirni bulchiinsa fi aadaan Oromoos akkasuma laafa dhufe. Haa laafullee garuu Aadaan Oromoo roorroo hangana hin jedhamne dandamattee haar’a geete. Hambaa Aadaa Oromoo ta dhaloota keenya geete keessaa takka aadaa jaarsummaatti. Jaarsummaan nama, gosa fi gurmu wal-lolee aararsuuf godhama. Haxiiwwan (hayyoonni) Oromoo dubbii dheertuu gabaabsani mammaaksaan dubbatu. Dubbiin mammaaksa hin qabne midhaan soqiidda hin qabne jedha Oromoon. Mammaaksi bifa dubbiitti jabbiin bifa kormaatis ni jedhama. Namni “aak jedhe waa tufa, kaa mammaake waa himas” ni jedhama.
Fuula kana jalaatti, Mammaaksota Oromoo, kuusa Orom-durii, warra durii-dullee, ka waan dubbatu fi akka itti dubbatus beeku dhiyeesina. Nu duuka bu’aa. Firaa fi hiriyoottan keessanniif dhaamaa. Dhalooni Oromoo durii waan baay’ee nu dhiisani dabran. Nuti hambaa sana kunuunsuun dirqama dhalootaati. Kaa beektan nuu ergaa. Takka lama jennee, kuufnee – deebifnee jiraachisuu dandeenna.
Mammaaksota armaan gadii kana garii maarsa Tamam Waaritu irra, isa kaan ammoo Abdi Borii irraa argannee. Isaan lamaniinu wayyamaa jenna.
- Iyya Hin Beekuun, Hanga Hin Rakkatinitti
- Harkaan Gudunfanii, Ilkaaniin Hiikkaa Dhaqu
- Manni Abbaan Gube Iyya Hin Qabu
- Gowwaan abbaa warraa, Eelee Cabdetti Kolfa
- Kan Qullaa Dhaabatturra, Kan Tirkaa Ufitti Qabdu
- Bishaan Akka Hin Cabnee Beekaaf, Dhagaatti Utaala
- Abbaa Ufii Booyu, Imimmaan irraa hinqooru
- Afaan Kiyya Cadhi Situ Ambaan Na Kutee
- Afaan Qaaqa (oduu) Barate Gufutti Hasaasa
- Akka Akka Ijji Bootti
- Akka Biyyaa Wodalli Iyya
- Akka qabaataan Nyaatu Dhabaan Maalala
- Anaa Iyyuu Gayee Jabbileen Narra Ijjatte
- Arrabni Dhugaa Sodaate Maaseta Bishaan Ibidda Sodaate Maaseta
- Argaa Tolaniif Alagaa Hinkoran
- Ariitiif Fardi Sangaan Buddeena Hinbitu
- As Muru Lama Taati Yoo Wolitti Kute Laga Taati Jette ta Durba Gadoomsite
- Ati Baddeen Abbaa Duuba
- Baajii Jalaan Qululluun Bishaan Dhugdi
- Ballaan Maaf Ifa Soqa Jennaan Haganuma Irraa Haa Iftuufiif Jedhe
- Baraaf Malee Baranaaf Malee Sombi Kanuma Sareen male
- Bara Bofni Nama Nyaate Lootuun Nama Kajeelti
- Beekaan Baar Gamatti Wallaalaan Uf Jalatti
- Beetee Mala Goota?
- Bineensi Ariifataan Gaafa Ciniina
- Bishaan Gudateef Marqi hanguma duriiti
- Booroftu Malee Hin Qulqullooftu (boorayu malee hin xalaluu)
- Horii Abbaan Gaafa Cabse Ormi Ija Balleesa
- Ijibaata Du’aa Imimmaantu Bu’a
- Kolfa Keesa Moluun Na Gubatte
- Otuu Gaafaaf Boonyuu Gurrayyuu Dhabnee Jette Harreen Waraabessi Karaa Qaawwaa Gurra Irraa Kunnaan
- Mataa Lafa Ciisu, Maqaan Nama Hin Dhiisu
- Hantuuta Bari Qabee Addurreen Taphattiini
- Akka Cabanitti hokkolan.
- Namaan Bulaaf Sareen Udaaniin Bulti.
- Laafaa Reebi Jennaan Jaartiin Tiruu Reebde.
- Eboo Darbanii Jinfuu Hin Qabatan.
- Tufanii Hin Arraaban.
- Ariifataniif Haadhaa Abbaa Dura Hin Dhalatan.
- Ariifataan fula dhisee Gaafa Sa’aa Qabata.
- Saren taa ofi hin agartu re’een egee gadi qabadhu jetti.
- Keessummaan Ariifattu Mucaa Kana Maa Harma Hin Guusinaa Jetti.
- Saree Udaan Irra Ijjatte Jennaan Waan Barbaaduttuu Bahe Jette.
- Dhugaa Qabda Jedhaa Gowwaa Quba Eegee Kaayan.
- Jibicha Korma Bayu Haada Irrattu Beekan.
- Mana Aaru Hin Goranii,Mana Aanutti Goran.
- Reeffa Firaa Torba Garagalchan.
- Ijibbaata Du’aa Imimaantu Bu’a.
- Ijji Qaroon Dura Bootti
- Baddu baddi malee saree ija hin dhiqan.
- Tiisisa kokee jiru, dhangaan hin mi’aayu.
- Fincoofnaan na si’ate jette Harreen.
- Harree ganama badee, galgala kur-kuriin hin argitu.
- Seekarran, muuda seete?
- Wali galan, alaa galan.
good