Featured Hiibboo

Hiibboo (Riddles)

HIBBOO (Tapha Ijoollee Oromoo)

Yaad-Rimee Hiibboo

Hiibboon Afoola (Dabaree Seenaa) Oromoo keessaa tokkoo. Afoola Oromoo kan jedhamu; geerarsa, makmaaksa,hibboo,weedduu,faaruu,oduu durii  fi kkf dabalata. Afoola jedhamee kan yaamameefis: Afaan irraa gara Afaanitti (barreeffamaan maleetti) waan darbuuf.  Sabni Oromoo sammuu uumamaa fi dandeettii addaa waan qabuuf barreffaamatti osoo hin haajamin ergaa wolii dabarsaa ture, jiras. Hibboon dandeetti waa tokko qorachuu, xiinxaluu fi bal’isanii yaaduu guddisa.


Hiibboo Yeroo Akkamii Taphatan?

Hibboon baayinaan galgala-galgala ibidda biratti ijoolleen wolgaafatama;keessattuu ijoollee horii(loowwan) tiysan guyyaa hiriyyoota isaanii woliin waan wol-gaafataa oolaniif baayyee beekuu danda’an, kanaafuu galgala ijoollee mana oolan gaafatanii yoo isaan deebii dadhaban hinjifannoo waan argataniif baayyee gammadan.


GOSOOTA HIBBOO:-

Hibboon bakka Lamatti qoodama, isaanis:-

1.     Hibboo Hibibii fi

2.     Hiibboo Hibbakka (Hibboo Xarii).


Hibboo Hibbakka (Hibboo Xarii )
– deebiin isa namoota ykn maatii mana tookkootti.

Fkf :  Namni Obbo Badhaaso jedhamu ijoollee 5 qaba, dhiira 2, durba 3 fi , haadha manaa takkattii qaba.

Ollaa isaa nama obboo Gammachuu jedhamutu jiraata, ijoolleen isaa yoo hamma maatii obbo Badhaasoo beekuuf wolgaafatan akkana jedhan;

G : Hiibboo

D : Hibbakka

G : Abbaa Worraa, Haadha Worraa, Raadattii, Raadattii, Raadattii, Jibichattii, Jibichattii – beekii naaf himi?

D : Worra Obbo Badhaasoo ti.


Hiibboo Hibibiin
: – ka deebiin isa wantoota (things) hamatuu yoo ta’uu dandeetti adda addaa kan guddisu fi gaafatu.

Fkf:

G : Hibboo

D: Hibib

G : Shaa jettii Shalal (Shamba) jettii Harkaan na hin tuqinaa jettii, beekii naaf himi?

D : Doobbii (marga doobbii jedhamu kan nama gubu).


Homework (Hojii Manaa)

Gaafilee armaan gadiitiif  deebii kenni (deebisi)

1.     Namni hibboo hibbifameef deebii deebisuu hin danda’in maaltu isarraa barbaadama? Yoo inni dursee Utubaa Sibiilaa qabadhe (Siinqee Aayyaa qabadhe, Bunafi Qumbii Afaan si kaaye) hin jedhin maal jedhamee abaarama (Arrabsama)?
Hiibboolee armaan gadii kanaaf deebii kennaa.

1.     Uleen Abbaan kiyya naa mure hin dabus, hin cabus.

2.     Worri Sirkaa (maqaa lafaatti) cufatee (balbalaa) sirba.

3.     Yoo bahuu mana laala, yoo galu ala laala.

4.     Gamanaa gaaraa, gamasii gaaraa jidduu fardaa saggaara.

5.     Uffata Adii uffata, Woraana dheeraa qabata,Faradoo sadii yaabbata, Afaan Arabaa dubbata, maali inni?( Akeeka (Hint)- waama tokkotu waan 4 qaba).


Qopheessan: Abdii Boriitti

Comments

comments

About the author

OPride Staff

Collaborative stories written or reported by OPride staff and contributors.

Leave a Comment

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

4 Comments

  • Uleen Abbaan kiyya naa mure hin dabus, hin cabus. (Maqaa)

    2. Worri Sirkaa (maqaa lafaatti) cufatee (balbalaa) sirba. (Itto xuwwee keessaa danfu)

    3. Yoo bahuu mana laala, yoo galu ala laala. (Gaanfa Reetti)

    4. Gamanaa gaaraa, gamasii gaaraa jidduu fardaa saggaara.(Bishaan laga yaa’u)

    5. Uffata Adii uffata, Woraana dheeraa qabata,Faradoo sadii yaabbata, Afaan Arabaa dubbata, maali inni?( Akeeka (Hint)- waama tokkotu waan 4 qaba). (Marqaa)

    Qopheessan: Abdii Boriitti
    Leave a Reply

  • Hibbi Hibbakka fi hibbon teen addan bafaachuun dansaa Biyya Libaan (Macca baha) keessatti Maatii gandaa kan ittin wal gafatan Hibbon teen? jeedhee yo gafatamuu innu gafatamimmo teen jeedhee jaala qaba

    Fkn.
    Inni gaafatu (1): Hiibboo!
    Gaafatamaa (2): Hibboon teen

    1, Abbaa Worraa, 2, Teen
    1, Haadha Worraa, 2, Teen
    1, Raada, 2, Teen
    1, Raada, 2, Teen
    1, Raada, 2, Teen
    1, Jibicha, 2, Teen …..

    jeedhani wal harkaa qabatani wal gafatuu