Manguddichi Oromoota bulchiinsa kutaa Baalee biratti akkaan jaalatamaanii fi beekaman – Haaji Muhaammad Sheek Kadiir Kabiir Huseen – biyya Su’uudi Arabiyaa keessatti du’anii jiran. Haaji Muhaammad umrii 85 addunyaa tanarra jiraatan. Haajichi naannawa Danbal Garaadoo, bakka Shaffila jedhamu keessatti dhalatan. Achumatti guddatanii ilmaanii fi loonis horanii abbaa qabeennaa tayan. Haaji Muhaammad nama ummata keessatti jaalala, kabajaa, fi dhageettii guddaa qabaataa turan.
Haaji Muhaammad nama ummataaf yaadu, ka fedhii dhuunfaa caalaa ka biyyaatiif rakkatu tahuu isaanif ragaa heddutu jira. Lammiiwwan Oromoo barnoota dhabaan miidhamanii duubatti hafuun isaan yaadchifnaan, lafa ufiitirraa qalaadii sadihi kennanii manni barnootaa akka naannoo sanitti ijaaramuuf jecha, bakka gabaayaa itti walgeettullee tolchanii magaalaa “Danbal’ jedhamtu qabeenna mataa isaaniitiin bu’ursan.
Ummanni Oromoo harqootaa gabrummaa jalaa bilisa tayee akka jiraatu gochuuf sochiin qammoojji Baalee keessatti jalqabame akka naannawa baddaa keessatti tumsa horatu namoota kaayoo san babal’isan keessaa tokko Haajii Muhaammad Sheek Kadiir tokko turan. Bara mootummaa Hayla-Silaasee, qabsaawota Baalee keessatti fincila kaasan kan akka Ismii Abbaa Washaa-faa harka lafa jalaatiin manguddoota qabeennaan gargaaraa turan keessatti argamu. Mirgi ummata Oromoo tis akka kabajamu, manguddoota bebbeekamoo akka Haaji Aadam Saaddoo-faa wajjiin hiriiree, aangawoota mootummaa dura gootummaan dhaabatee warra haqa sabaatiif falmaa turan keessatti lakkaawaman.
San biras dabranii, humna qabsaawotaa qopheeffatanii bara 1977 dirree lolaa seenan. Qabsaawota nannawa Hammarraa, Miicaa fi Dooloo turan wajjiin erga qabsaawanii booda, bara 1978, namoota bebbeekamoo akka Haaji Abdullaahii Ganamoo-faa wajjiin biyya Somaaliyaa dhaqan. Achittis, sabboonota qabsoof bayan wajjiin waayeema kaayoo ummataa irratti osoo mari’atan, bara 1981 gara biyya Su’uudi Arabiyyaa deeman.
Haaji Muhaammad bakka gayan marattuu ummataa yaaduu hin dhiifne. Biyyarraa fagaatuun rakkoo biyyaa isaan hin dagachiifne. Waan biyyaa fi ummataaf tolu hojjaturraa takkaa duubatti hin deebine. Biyya itti dahatan keessatti ummata gurmeessanii mahaallaqa walitti qabuu dhaan, biyyatti erganii masjida sadih ijaarsisanii, bishaan boonbaallee itti galchisiisan. Mana barnotaatii fi masjiida ijaarsisuu birallee dabranii, gara fayyaa-eegumsaatiin ummata gargaaruuf osoo biyyatti mana-wal’aansaa (Hospitaala) ijaaruuf tattaafataa jiran, dhibdee isaan qabdeen dhukkubsatanii osoo wal’aanaman magaalaa Makkaa keessatti Onkoloolessa (Oktobar) 22, bara 2010 addunyaa tanarraa du’aan godaananii, akkuma hawwaa turanitti dachii filamtuu sanitti awwaalaman.
Namoonni keessa isaanii beekan, “abbaa-misoomaa, abbaa ummataa, abba barnootaa, abbaa masjiidaa, abbaa biyyaa, sabboonnaa Haaji Muhaammad keenna” jedhanii waaman.
Haaji Muhaammad akka manguddootti, alaa fi biyya keesattillee, ka waldhabe araarsuu, ka rakkate rakkinna baasuu, ilmaan biyyaa kaayoof gurmeessuu, ka baratuu barbaaduuf ammoo hiree barnootaa argamsiisuu keessatti qooda jabaa qabaataa turan. Bakka maratti, wayta mara fedhii ummataa dursan. Biyyi akka misoomtee guddattu, ummanni ammoo baratee dukkana wallaala keessaa akka bayu umrii isaanii guutuu qabsaawaa turan.
Haaji Muhaammad haa lubbuun du’an malee, maqaan isaanii hin duune. Ilmaan kudha afran ardiiwwan Afrikaa, Ameerikaa fi Eeshiyaa keessaa qaban dhiisii, galanni isaan biyyaa fi ummataa oolan callaanuu, ka yoomuu maqaa isaanii waamsisu tahuu shakkiin hin jiru. Rabbiin jannataan isaan haa qananiisu; maatii fi jaalalloowwan isaaniitiif ammoo obsa haa kennu.