Waaqa guddaa nuu o’lii ta’ee
Wayin ojjachuu fedhaa
Garuu yoon waan-sana himee
Waaqaan walitti na fida
Waaqaan wali-tti nabuusa
Kanaafuu jedheen dhiisaa
Waaqinnis beeka ojii isaa
Maafan waan waaqaa kaasaa?
Maan yaadaan of dhiphisaa?
Waan ani hawwu beekaa
Innisoo beekaa dhiisaa
Maafan itti of buusaa
Maafan waaqaan wal dhabaa?
Isaanis of qixxeessaa
Dogogoggoraa isa baasaa
Silaa waaqa ta’ee…. fooqiin oli ijaaraa
Jedhee yoon dubbadhe, isatu natti aaraa
Ani nan wallaalee fooqii ol ijaaruu
Ani suutan deemaa akka kee hin jarjaruu
Siyyuu natu uumee, waan garaa kees beekaa
Na-malee sochootaa laa? jedheetan si eegaa
kanaafuu,
dugda natti garagaltee raftee
Ganama kaateetoo yoo harka dhiqatte
Akka abbaa kee durii
nagaadhaan na oolchi? yoomi kan naan jette
akka feetetti hooltee akka feetetti galtaa
Ana irraan dabartee waaqa hormaa kadhattaa
Of godhee si uumee yoomuma of taataa?
Waaqatti of hin qixxeessu jedheet na gaafataa?
Anoo isaan buluu ergan dhiisee qaataa…
kanaaf bar, waaqayyoo cal jedhee na laalee
Malee waan fedhii koo inni yoom wallaalee
otoon silaa jedhee ani isa kadhadhee
Akka abbaa koo durii fuuldura dhaabbadhee
Otoon waaqa ta’ee kanan godha jechuu
Ani hawwuu hin dhaquuyyuu innuu beekaa gochuu
Ganama yoon ka’e obboroo lafa irraa
Yaa Waaqi, waaqa guddaa
Gooftaa hundaa olii
nagaadhaan na oolchii ana waliin oolii
Biyyaaf nagaa kennii
Maatii koof maasii koos
Kan nagaan na bulchite nagaadhaan na oolchi
Kan nagaan na oolchite nagaadhaan na bulchi
Biyya nagaan oolchi keessa nagaan na oolchi
kan alkan natti malu itti bariisisi
Kan guyyaa natti malu itti naa dhiisisi
Yoon qotadhe dilbii
Daldaladhu birrii
yoon dubbadhe dhugaa
jedhee yooman eebbise
kanati gadi nu deebisee
Kan gaye haafuudhuu
Geessuun haa eerumtu
Afaan walii beekaa waliin oolaa bulaa
maseenni haa deessuu deessuun haa taa’dhomtuu
wallaalaa beeksisii
Beekaaf umurii kenni
Xiqqaa keenya guddisii
guddaa keenya bulchi
jenneetoo kadhannee waaqinni hunduma guutaa
Mee otoon beekaa ta’ee
Jedheetoo yaada kaasa
Wallaalummaa koo jibbee
kan natti ta’e dhibee
Garaa na-rratti hafuufee
Kan na taasise dibbee
Hin socho’u hin warraaqu
Achum taa’een dhiibama
Qaaminni na hin socho’u
sammuunis na hin yadhu
Amma dhiitee bariitu guyyumaanuu aduun
Otoon beekaa ta’ee silaa ani beekee
Wallaalaan barsiisaayyu huna karaatti eegee
otoon beekaa ta’ee silaa ani beekee
utubaa dhaabeetan mana bal’aa ijaaree
Hundaaf bakka ciisaa maaltu nu rakkisaa?
Otoon beekaa ta’e silaa ani waa beekee
Karaan ni sorooraa jajal’atee hin deemu
Takka achi deemee, takka as hin deebi’u
Tulluu keessaan ureen, garasitti baasa
Allayaaf galaana irra riqichan diriirsaa
silaa hundi keenyaa fuunduratti malee, duuba deemuu dhiisna
beekumsaan oogganeen unda keenya bulcha
Waanan beekaa ta’eef saaphanan diriirsa
Silaa, hunda garaa hin gayanii…….
Naminni tokko tokko… yoo na dhiisee dheemee na irratti holole
Beekumsumaan qabeen deebisa kiyyooti
Naminni na irra hin beekine akkam na hamatti?
Ani silaa beekaadhaa Enginara keenyaa
walitti dachaanii fedhaan waliin teenya
Hundumaaf waan fedhu, waan nyaatuuf uffatu
Tokko tokkoon qooduu tokko tokkoon guutuu
Silaa ani beekaadhaa fedhii isaan dubbisaa
Addunyaa hundalleen of duukaa hiriirsa
baay’ee kan nama barsisuufii kan nama booharsuudha.guddaa galatooma .Qabsoon keessan itti haa fufu.