Wolii Galan Alaa Galan
- Haati Hattuun Intala Hin Amantu
- Aaki Jedhan Waa Tufanii Mammaakan Waa Himan
- Korma Abbaan Gaafa Cabse Ormi Ija Balleessa
- Tanaa Worri Rafnaan Jette Sareen
- Akka Arbaatti Utaaluuf Hilleessi Fatta’e
- Cooraa Cokoo Dhabanaasaa Boqoo
- Tokko Jedhanii Lama Jedhan
- Akka Cabanitti Hokkolan
- Ijji Qaroon Dura Bootti
- Ol Kaa’an Malee Ol Ka’anii Hin Fuudhan
- Tama Kaase Natti Si Kaase Jette Jaartiin
- Ijji Hin Fuutu Harka Malee
- Hodhaan Jalqaba Tola Jedha
- Akka Namaa Sirbaan Morma Nama Jallisa
- Beekaan Gamarrattuu Wollaalaan Of Jalattuu
- Ilkaan Ka’imaa Balaccuu Looniitti Kofla
Qopheesituun : Boontu Dhugaa
That is good