Guddataa Irraa*
[audio:http://www.opride.com/hamba/audio/walaloo/Walaloo.mp3|loop=yes]Elmataan kan kaloo seeru
Daangesse kottee ‘rraa ittisee,
Looniif tolee ardiis tolchee
Boqachiisee balaa ’rraa oolchee
Bara baraan quubsee tiksee;
Elmataan saawwaniin boona
Coraaf hormaa saanii baree,
Aduuf rooba irraa qolatee
Sossobee waliin foolatee
Ciibsaaf dhoqqee jalaa haree;
Elmataan obboroo ’nciisu
Galgala barfateet galaa,
Malkaa daakee laga cehee
Saawwan saa waliin bobbayee
Horsiifachuuf mala falaa;
Elmataan ollaa ‘nlagatu
Lafee walumaan bulfataa,
Dhangaa mi’aawaa kuta’tee
Itt’ unatee dhamdhamatee
Dhugaa kennee kaan fudhataa;
Dhibdeen elmataa baranee
Xireeffattuu gannaaf bonaa,
Roobnis caamnis kan dhukubsu
Gaadisni lammi kan bulluqsu
Watwaattu hanqiftuu seenaa;
Baranee hunda tuffachaa
Cubuuf hammeenya kuufattu,
Kosii alagaa qulqulleessaa
Borii sanyii unkuteessaa
Of cabsuun bu’aa buufattu;
Baranee barri uddeellatee
Qomoo cabsee saggaarsisu,
Dhuka jabinaa keessaa xuuxee
Dhidhiitessee hidda muuxee
Sammuu baqsee halaaksisu;
Baranee yerootu uumaa
Kan obbaafachiisus yerumaa;
Yeroo?
Yeroo yaa gameetittii
Waan si hima bayeettitti!
Haabaqiif callaa saccaatee
Inqaacii kan gongolchitu,
Goggogaa jiistee qajeelchaa
Dheedhii umriin bilcheessitu,
Kan dhokate ifa baaftee
Isa aguuggate saaxiltu,
Fakkeessaa dawoo dhorkitee
Qullaa dhaabde qaanessitu,
Gola dharaa gorroo ’rraa diigdee
Dhugaaf bakka kan maddistu!
Yeroo siff uggum gooftaa koo
Siif galata hunda agarree,
Kakatee isa kakuu nyaatu
Yeroo situ mee hunkuree!
Tufoo inni keesa riphe
Irraa cirtee qulleessitee,
Summii diiggaaf dhibaafatu
Dhangalaaftee goggositee,
Araba dheeraa qaanii hinbeekne
Qimixxee ‘rraa gabaabsitee,
Safuu cabsee isa foolatu
Fedhiif lammii gurguratu,
Isa borcee heera busheessu
Gabrummaa ijaaree milkeessu;
Yeroo mullifte galata
Hundi calqabe of gaafachuu,
Soba hundee ‘rraa qancare
Hidda muree obbaafachuuf;
Wal ijaaree waliin sochoo’uf
Bitaaf mirgaa walqabatee,
Ololaan wal dhiibuun hafee
Tokkummaan kaayoo utubatee;
Oromummaa olaanfatee
Injifachuuf akeekkatee,
Seenaa ‘saa malaan qoratee
Lammi lammoomsuuf muratee;
Oromootti dalaa ’jaaruun
Bu’aa dhabuusaa hubatee,
Sinsinniin humna wal cabsuu
Maganee of irraa kutee;
Yeroo nu itichi ammallee
Baranee ’rraa nu baraari
Oromummaan haa lalisu,
Kaayyoon cimee irree argatee
Of ’rraa haa cabsu qanbarrii
Galma ummataa haa ballisu!