Guddataa U. Baayyisaa Irraa*
[audio:http://www.opride.com/hamba/audio/walaloo/walaloo Haadhoo.mp3|loop=yes]Haadhoo
Yaa Haadhoo
Yaa haadhoo garaa migraa
Tar jette kan naaf baqaqxuu,
Fageenya lafaa gombiftee
Guyyaf halkan wal fuusifte
Daddaftee kan naa qaqqabdu;
Beeloftee ‘naaf quufa hawwaa
Horco’i kee naa darbattu,
Amma ‘llee anaaf raafamta
Lubee na arguuf sardamta
Baduu kiyyatti hinmufattu!
Jaalala onnee ‘rraa maddeen
Lattuu coqorsaa qbattee
Eebbaan martee, na tolchitee;
Beenu, biqilii dagaagi
Qaroomi, baraan daraari
Namoomi diina ‘rra aani,
Beekaa ta’i, beekkumsa dhaali
Hiyyummaa cabsi, deegumsa dhaani
Taliili, lammi gaachani,
Qaamaan tuuji, sammuun guuli
Humna argadhu, malaan buli
Milkaawi, nagaan nuu gali;
Jette hawwii dhaan naqamtee
Boruu kiyyaan harra furuf
Adeemsa koo hofkalchitee;
Awwaali handhuura keenyaa
Osoo biyyen ‘saa ‘ndiigamin
Jifuun na simachuuf maltee,
“Barri indarba”, obsi onnee
Haadhoon koo naa dhufaa jiraa
Jettee Hmilee soorattee
Goota huursu gurra dhahaa
Dhara goobe irraa bahaa
Abdiin guyyaa lakkaawwattee;
Of kennitee, deegdee kuftee
Nyaattuu namaan soddoomamtee
Abummaa qe’ee saamamtee,
Roorroo bafkattee alagaatiin
Miidhamtee, qaamni si cite
Irkoo dheebottee, gubattee;
Utubaan ulfinaa kufee
Golli abbaa warraa tuufee
Hadhaa salphinaa unattee;
Aariin qaama si waxalaa
“Yeroon geese” maalo haadhoo
Jettee yommuu natt’ iyyattu,
Akka umaa ganamaa san
Akka gara-laafummaa kee
Mararfataa haadhoo eegdee
Yoo ciniinattee miixattu;
An’ mee ammas nan daaddisaa
Siileffamee lubuu dhiisi
Amman gawu sanaa hanqadhee,
Yaadaan bututee, raata’ee
Of dhiphisee, burjaaja’ee
Bilisummaa kiyyoon hudhe;
Beektaa …
Qalbiin na baddee jonja’een
Bitaaf mirgatti kiphee bu’een
Teegoftuu waliin roorrisaa,
Isa cabu burkuteesseen
Isa ‘mmoo cime rarraaseen
Dukkanaan ifa doorsisa,
Darsa qaanii itti mare
Koo soqolee yoon xiqqeessu
Sagaleen kiyya ‘nbookisa;
Dhimma kee of harkaa ‘nqabu
Egeree keenya irraanfadhee
Ana jiruut na gidiraa,
Waa jedhe yoon waa argadhe
Sossobadhee waa qicadhe
Gammachuu dhaanan kirkira;
Gurmuu ummataa, ijaarsa lammiif
Seera tumuuf, sirne utubuuf
Yoom sammuun kiyya dhiphataa,
Dhara gaanse, jibba rimsee
Safuu cabsee, qaani goobsee
Lugna aangessuuf miriixata;
Yaa haadhoo!
Maal naa qabda, mee naaf himi
Akkamiin na waldhaanattaa
Ana haadhoo laguu ‘nqabne,
Du’aaf midhaa kee osoon arguu
Conqolaate yoo qorritu
Onneen xiiqiin nanrommine!
Na lagachuuf qaaneffattee
Obolummaa qanansiisaa
Gaddaan dhibamtee hinsiqiqin,
Karaa ‘rraa dabee gatantaraa
Dhugaaf dhara waliin maraa
Tirachuun koo si ‘nmiliqin,
Ija kiyya keessa na ilaali
Halbaadhummaa kiyya abaari
Saalfiin seeqxee naa ‘nbiddiiqin;
Namummaaf wabi akkan dhaaphu
Sirreessi nattotolfadhu
Qeeqa kee na unachiisi,
Qarooma kee natti biifi
Bitaaf mirgaa na to’adhu
Keessa kee na qubachiisi;
Qarooma kee natti biifi
Bitaaf mirgaa na to’adhu
Keessa kee na qubachiisi;
May, 2011