Yeroon kun yeroo ummanni mootota cunqursitoota irratti finciluudhan mirga ofii argachaa jiran ta’uun qabatamaan mirkaneeffamaa jira. Moototni cunqursitootni Tunisiyaa fi Misraa ka kooraa aangoo baroota hedduuf yaabbatan irraa sochii ummataatin qaarsifaman qarqaarsaa fi amantaa biyyota aangawoo irraa waan argachaa turaniif abdi guddaa ufirratti qabachaa turan. Kanaaf waan sodaatan tokkollee waan hinjirreef mirga ummata isaanii dantaa fi daanga tokko malee dhiitaa turan.
Haa ta’u malee ummanni sadarkaa obsa fixate irra waan gayeef, meeshaa waraanaa malee tokkummaan hiriira baa’udhaan akkuma galaanaa mootota irra garagaluun mirga isaa deeffate. Moototni kunniin mootummoota humna qabanitti “yoo nu cabne balaa guddatu dhufa” jechuun iyyatanillee mootummoonnin aaga’oon kunniin kanneen sirnaa fi seera dimokraasiitin bulan waan ta’aniif gaaffii ummataa wojjiin dhaabatanii hamilee waan keennaniif sochiin diddaa ummataa wareegama xiqqaan moo’icha argate.
Biyyota lamaan kana fakkii qabatamaa waan ta’aaniif kaafne malee haalli kun ammallee bakkoota heddutti itti fufeera.Haala yeroo kana irrat hundaayee Jarmaan Manguddoo Oromoo dhamsa armaa gadii dabarsa:
- Ummanni mirgi isaa akka kabajaamu dirqisiisuu ka danda’uu tokkumma yoo qabaate qofa. Tokkummaan murteessaa waan ta’eef seerri, akeekaa, fi aadaan faallaa tokkummaa ta’e hundinuu ka yeroo woliin hin deemne moofaa waan ta’eef gatamuu qaba. Tokkummaan dhugaa ka argamu danda’uu yaada fi hojiin yoo wal fudhate qofa.
- Mootonni ummata keessan seera fi sirna dimokraatawaa ta’een bulchaa yoo jiraattan, haalli yeroo kun isin yaadchisu hin qabaatu. Itti fuufaa jenna. Mootonni ummata keessan cunqursaa jiraattan ammoo hirriiba dhabuudhan yookin abjuu badaa aka isin mudate beekamaadha. Dhamsi isiniif qabnu otoo yeroon jiru filannoo walabaa fi haqa ta’een hoogganummaa ofirraa buusaa ka jedhu.
- Ummatoota kan mirgi namoomaa, siyaasaa, qabeenyaa, hawaasummaa fi kkf irraa sarbamee gabrummaa jala jiraatuuf dhaamsi qabnu yeroon cunqursatti nagaya dhaaman amma jenna. Yeroon kanarra aanjayaa fi kennataa ta’e deebi’ee dhufuun isaa fagoo fagoo ta’ee nutti mul’ata. Kanaaf yeroo kana haa saamannu jenna. Kana gochuuf ammoo keessatti tokkoomuun hujii boruuf hin bulfamne. Keessatti walqabatuun itituu qofa utuu hin taane, tola waloo argamsiisuuf ta’ee balaa waloo hanbisuuf, hunda wajjiin tumsa tolfachuu fi wal tindhisanii tokkummaan waliin socho’uun barbaachisaadha. Barbaachisaa qofa osoo hin taane dirqiidha.
- Jaarmotni, aanga’ootaa, fi gaafatamtoonni ummata Oromoo sadarkaa fi bakka hundattuu bakka buuna ykn saba kanaaf qabsoofna jettan cufti dhaamsa abboota keessanii kana qalbiitti fudhachuun akka daandii tokkummaa filattan isin gorsina. Dhaamsa abbummaa kana hujitti hiikuu yoo dadhabdan ykn diddan abaarsi seenaa akka isin eeggatu isin yaadachiisuu feena.
Barri bara birmadummaa ti!
Birmadummaan tokkummaa gaafata!
Barri bara badii cunqursitootaa ti!