Bara durii keessa jaartiin Akkoo Manooyyee jedhamtu takka angoo/taayitaa /aargattee turte. Angoo isii kanaan wonta ajaa’ibaa raawwataa/hojjataa turte. Yeroo angoo irra jirtutti akkoon mannoyyee turte tarkaanfii asii gaditti ibsamaan tartiibaan ummata ishee irratti fudhatte:
Jalqaba namoota gabaabaa lafarraa fixaa jettee murtii labsite. Akka yaada akkoo mannoyyeetti namoonni gabaaboon qaroodha. Yeroo adda addaatti yeroo isiin ajaja adda adaa ummatni akka raawwatan barbaaddu, namoonni gaggabaaboon ni mormuun. Dubbiin isaan injifachu hin dandeenne. Kanaaf dubbiin isii akka nammoota qaroo kanaan akka jalaa hin fashaleefi. Walumaagalatti nama isii mormu waan hinbarbaanneef murtii kana fudhattee. Battaluma sanatti jaarsi gabaabaan tokko , “ mee waan isinii toluuf qabaa boolla keessatti nadhoysaa nahanbisaa jedhee.” namootta ajaja akkoo mannooyyee hojii irra oolchuutti jiran gaafatte. Isaanis tolee jedhanii jaarsa kana osoo hin ajjeesin hambisan.
Erga namoota na morman ykn yaada kiyya afoo dhabbachuu dandan’an (namoota gaggabaaboo) jettee amantu erga ajjesisiiftee raawwattee booda , ajaja jajjaboo enyuuyeroo sanatti fala itti argachuu hin dandeenne dabarsuu eegalte.
Ajajinni isa duraa: lafaa fi samii jiddutti mana naaf ijaaraa jettee ajajje. Namoonnis dubbin kun waan isaan rakkiseef fala dhabanii jennaan jarsa gabaabaa na’awwaalaa jedhe san bira dhaqanii furmaata gaafatan. Jaarsichi dubbiin geette itti yaadde fala gabaabaa namoota isa gaafataniitti hime. “Akka jettaniin, nuti mana siif ijaarraa garuu dhoqqee abbatu buufataa ati buufadhu” jedhaanii jedhe. Namootni akkoo mannooyyeetti deebi’anii deebi’anii akkumma jaarsi gabaabaan jedhe jedhanii itti himanii jennaan namni gabaabaan hafee jira jette.
Ajajinni isa lammaffaa: mana ani keessa galu kana usoo asii hin sochoosin balbala isaa kana gara gaaraatti laalchisaa naa baasaa jette, isaanis akkuma duraa san jaarsa gabaabaa bira deemanii furmaata gaafatan. Jaarsi akkana jedheen deebiseef “yoo isiin rafte balbala mana isii kan duraa cufaattii kan biraa gara gaaraa laalchisaa banaafii jedhe.
Kana booda hifattee jennaan akkana jette “wonta fardaa gadii kan harree olii naa fidaa nayaabbisaa” jette ajaja dabarsite. Toleekaa jedhanii harree-diidoo fidaniifii yaabisanii irraatti hidhanii gad dhiisan,kana booda harreen fuutee halayyaa irraa gattee akkoo mannooyyee achitti hambifte jedhama.
– Abdii Borii Irraa
Imagining the Reign of Akkoo Manooyee
Once upon a time said a pro-feminine story teller, women were the rulers of Kuusaa (Kush) land. A dynasty of women known as Candace with its capital at Merowe was well known throughout Africa and the world of that period. War, famine and internal strife forced a segment of the people of Kuusaa to migrate southward. The people of Ilmoo Ormaa (Oromoo) were the largest group of that segment. It was this group that transformed itself from centralized monarchical system to democratic Gadaa one.
All political offices continued to be led by woman as in Merowe tradition. Other jobs were occupied by competition of citizens irrespective of gender. Then every thing was in abundance. Draught never threatened them for they had kept reserves of grain enough for years and had also dug several tulaa (water wells).
Women led every unit from family to nation. At all levels they imposed strict discipline of work. Laziness was not tolerated. Their aim was to create a passionate and hard working society in the image of women. Training of children started from babyhood. Every eight years there were initiation to higher levels. Every thing was set for eight years. Training included cattle herding, history, horse riding, military science, public administration etc. A Gadaa stays in power only for eight years.
Read the Full Story (Imagining the Reign of Akkoo Manooyee)
Abdii baay`ee si galateenfadha akkanumatti itti Rabbiin akkanumatti itti sii haa fufsiisu jabaadhu si waliin dhaabbadha
akkam jirtan ummanni oromoo warreen asiratti ummata oromoo bashanansisaa jirtan nagaya qabdanii an baayyen gammadee jira hunda asirratti waan fiitaanii jirtan hundaa galata guddaa qabdaa ummata oromoo irraa.
jabaadhuu abdi boru ati abdii ummata oromooti.
Im so proud of you!!
I am from Walloo, and we don’t call tale ‘Oduu durii’ we, instead, call it ‘Durii-durii’. Our history and way of life are in oral forms ( tale, riddle, proverbs, folk arts..etc), and we need to collect them before they die.
Is it a true story?
akkoo manooyyee is from oromo guji area.
the anceint funeral of her is also exist
akkoo manooyyee is from area guji area.