1. Bishaan yoo nama nyaatu nama kofalchiisatiini.
2. Bishaan lagaa wal hin eegu
3. Bitaan korii mirgaan korii walgeettiin koora dha
4.Wama qalte qalii tirumaan naaf gali jette jaartiin
5. Biyya FARDI hin jirre HARREEN garmaamti/saggaarti
6. Biyya ofiitti Lukkuun korma
7. Sangaan biyya ofiitti baroodu biyya ambaatti ni mar’ata
8. Biyya abbaa kootiiiti jedhee injiraan moluu irratti hafe
9. Boruufuu si’abdadhe bada moluu tiyya jedhee namichi
10. Daa’imaa taphaa sinbiraa lubbu
11. Dallaan abbaa kudhanii yeroon hincufamu( wan wolitti heteffataniif).
12. Dubbiin bay’atteef fardatti hin fe’an
13. Du’a abbaatifi du’a Sangaa ilmi hin jibbu
14. Dhakaan ciisanii darbatan deebi’ee mataa nama dhaha
15. Baredde jedhanii hintala obboleetti hin fuudhan