Adooleessa 16, 2011
Nuti jaarmooleen hawaasaa fi bakka bu`ooti: Waldaa Artistoota Oromoo, Waldaa Manguddoota Oromoo Minnesota, Waldaa Qorannoo Oromoo (OSA), Waldaa Dargagoota Oromiyaa (OYA), Waldaa Dargagoota Oromoo Idlee Addunyaa (IOYA), Waldaa Musilimoota Oromoo, Waldaa Kirstiyaana Oromoo, Waldaa Waqeefata Oromoo fi Gumii Lammiwaan Oromoo Amarikaa (OACC) araaraa fi tokkummaa moraa qabsoo bilisummaa ABO keessatti jalqabee ture akka fiixa ba’uu fi mangudummaan Bu`uressitootaa fi Miseensota Buleeyyii ABOn deemaa ture akka milkaa’uuf kara dandeenyu hundaan deeggersa guddaa godhaa turre.
Araarii ABO lamaan (ABO Obbo Daawud Ibsaan hogganamuu fi ABO Obbo Kamal Galchuun hogganamuu) giddutti deema ture xumuruuf Ibsa Koreen tokkummaa ABO Bitootessa 12, 2011 bahe kan “Koreen Tokkummaa ABO dirqama itti kenname tan Walgahiin Araaraa fi Tokkummaa ABO qopheessuu irratti marihatee walgahin yeroo gabaabaa keessatti akka geggeeffamuuf wannen barbaachisan xumurachuun sagantaa raawwii baafatee jira” jedhu gaafa bahu akka lammii Oromoo tokkotti gammachuu guddaa fi hawiin keenya bilisumma akka baka ga`uuf deemu kan yeroo kamii caalaa nutti dhaga`amee ture.
Haa ta’uu waadaan ummataaf yeroo gababa keessatti tokkummaa labssuuf galamee Ibsa Bu`uressitoota fi Miseensoota Buleyyii ABO irra Waxabajjii 11, 2011 akka araaraa fi tokkumman kun bakka hin geenyee fi danqamee ibssu gaafa bahu gadda guddaa fi dheerinni umrii gabrummaa nutti dhaga`ame. Nutti Jaarmooleen hawaasa arman olitti tareefamnee fi hawaasi Oromoo walgahii Adooleessa 16, 2011 kana irratti argamnee dhimma araaraa fi tokkummaa mooraa qabsoo ABO gidduutti danqamee kana irratti eega bal`inaan mari`annee booda hubannoo fi murtiilee asii gadii irra geenyee jirra:
1. Akeeka haqaa fi ebbifamaa QBO ABOn durfamu bakkaan gahuu fi mootummaa Oromiyaa bilisoomte ijaaruuf kan yeroo kamii caalaa amma moora QBO keessatti araaraa fi nagaa buusuun tokkummaa Qabsaawota Oromoo argamsiisuun barbaachisaa dha.
2. Bilisummaa kana argamiisuufis dhaabonni bilisummaa Oromoo siyaasa xixiqqaa gargar isaan baasuu fi humna isaanii laafffisu irratti wal-mohuuf carraaquu dhiisuun, diina isaanii dhiisanii walii isaanii diina innikkaa godhachuurra, rakkoo isaanii bifa kamiinuu xumuratanii fuula isaanii gara qabsootti fuulleffachuun murteessaa dha.
3. Gochootaa fi amaloonni qabsaawota Oromo baroota kurnan lamaan dabranii fi ammallee itti jiramu kan waluma irratti qabsa`uu, wal diinefachuu fi wal irratti duluun kufaatii malee, qabsoo bilisummaa Oromootiif jabina, saba Oromootiif hamilee fi kabajaa fidaa akka hinjirre yoom illee caalaa hubannee jira.
4. Qabsaawonni Oromoo hamma ammaa itti haala qaanessaa, laamshessaa fi yaaddessaa asi olitti tuqne kana hin hubatn yoo jiraatan, akka haala qaanessa kana hubatanii, amaloota diigoo fi umurii gabrummaa jaarraa lammaffaaf nurratti dheeressaa jiru kana hubachuun akka daddaffiin yaada isanii gara araaraa fi tokkummaatii fuleeffataniif waamicha obbolummaa fi lammummaa isaaniif goona.
5. Mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti nagaa fi araara buusuuf, akkasumas ABO deebisanii tokkoomsuuf deemsi araaraa bu’ureessitoota fi Miseensoota Buleyyii ABOn deemaa ture hanga ammaatti xumurara ga’uu dadhabuun isaa baayyee kan nu yaaddessu ta’ee jira. ABO lamaanuu araara kana xumura itti godhuu keessatti ga’ee keessan akka batan dhaamachaa Akka Ibsa Koreen Tokkumma ABO Bitootessa 12, 2011 basteetti “Waliigaltee kanaan kan moo’e garee kana ykn kaan osoo hin taane ummata Oromoo fi ABO dha.” kan jedhu ture Nu immoo waliigalteen kun yoo bakka gahuu hanqatee kan moo`uu diina keenya Wayyaanee akka ta`ee hubanee jira isinis ni hubatu. Ibsuma kana irratti itti fufuunis diinni keenya akka hin moone, dhaamsa koreen kun hogganoota, miseensota, deeggartootaa ABO, fi firroottan qabsoo bilisumaa Oromoof, akkasumas ummata Oromoof dabarsan hojiitti hiikuuf murteeffannee jirra. Kanaaf dhaaboleen ABO laman waan ummataaf waada galtanii fi waligaltee teessuma Bitootessa 8-12 , 2011 irratti godhatan danqamee jiru baatii 3 (sadii) yeroo hin caalle keessatti bakka dhaabbatee jiru irra kaastanii xumurtan kabajan isin gaafanna.
6. Dhaabooleen lamanuu bilisummaa fi danta saba Oromoof jecha garaagarummaa gidduu keessan jiru dhiphistanii ykn xumura itti gotanii humna tokkoomeen diina irratti akka bobba’atanii kabajaan gaafanna. Gaaffii ummata biraa dhihaateef kanneen awwatanii fiixa ba’insa isaaf ga’ee keessan batan tumsa keenya of qusannaa tokko malee kennuuf murteeffanne jira. Hawwii fi kaayyoon jaarmoolee haawaasaa fi ummati Oromoo kanaan booda ABO tokkoome cina hiriiruun deggersa QBO irraa gaafatu ba’uuf akka ta`es akka nuuf hubatan barbaanna.
7. Dhaabi ABO sadaffaan kan Obbo Dhugaasaa Bakakkon hogganamuu gaaffii araaraa ummata Oromoon gaafatamaa jiru kana irratti dhaaboolee ABO laman waliin araara jalqabdanii hin xumurannee akka itti deebitan keessatti qooda fudhatan fi xumuratan waamicha lammummaa isiniif gona. Haalli ummati keenya keessa jiru kan isin irraa gaafatu ABO adda qoqqoodamee QBO finiinsuu dadhabe osoo hin taane ABO tokkoomee diina hinnikkaa irraa ittisu ta’uu hubachuun yaada keessan gara araaraa deebifattan isin gaafanna.
8. Manguddonni araara kana irratti yeroo dheeraa itti dhama’aa turitan tattaafii fi sadarka irra geessaniif galata gudda qabnna. Ammalle araara jalqabdaan kana xumura itti gochuuf hanga baatii sadan kanatti haala kana faana butanii qulqullummaan garee ABO lamaan kanarraa kan waligalitee kanaafi awwaachuu didee fi kan ta’e jedhee sababoolee xixiqaan araara kana sakaaluu barbaadu akka nuuf dhaleesitanii itti gaafatama seenaa jalaa ufi baafittan isinitti dhaamanna.
9. Jaarmoolee siyaasaa Oromoo bilisaan saba keessaniif qabsa`aa jirtan hundinu akka agoobara tokko jalatti walitti dhuftanii diina keenya waloo motummaa Wayyanee irratti qabsooftan waamicha lamummaa isiniif dhiyeessina.
10. Ummanni Oromooo, jaarmooleen hawaasaa fi amantii Oromoo fi miseensonnii ABO bakka hundaa, alaa fi biyya keessatti, murtii keenya kana akka fudhatani hojii irra oolu isaa irratti harka walqabannee walbira dhaabannu jabeessinee waamicha lammummaa isiniif gona.
Tokkummaan Humna!!!