Walaloo

SEERA SAGALEE FI QUBEE AFAAN OROM’OO

JECHOOTA SAGALEE
Laafaa Jabaataa Laafaa Jabaataa
Badaa baddaa Bare barre
Madaa madda Qore qorre
Mure murre Bade badde
Caalaa callaa Hodhe hoddhe
Gubaa gubbaa Qoruu qorruu
Balaa ballaa Sodaa soddaa
Bule bulle Qixa qixxaa
Jala jallaa Qaruu qarruu
Gabatee gabbate gabbatte

Jijjiirama asiin olitti godhamurratti jijjiiramni gabaabinaa fi dheerina sagalee jiraachuu ni mala.
Laafinaa fi jabina qubee dachaa
Laafinaa fi jabina qubee dacha’aa kan beeknuu fi fayyadamnu karaa sadihiin
Isaanis:
A)Hima jechi sagalee dachaa qaburratti hundaayuun
Fakkeenya: Mucaan harma hodhe.(laafaa)
Obboo Dhaabaan kittaa hodhe. (jabaataa)

B) Seera jabinaa fi laafina sagalee hordofuun.
Akkuma gubbatti kaayame qubee dachaa keessaa isa duraa tokko yoo goone ni laafa, yoo lama goonemmoo ni jabaata.
Isaanis Akkana:
ch-cch ,dh-ddh, ny-nny, ph-pph ,sh-ssh, ts-tts, zs-zzs
laafaa jabaataa
hodhe hoddhe
kophaa kopphaa

C. Jecha keessatti qubee dachaa jala sararuun.
Fkn: hodhe
Kophaa

Hima keessatti laafuu fi jabaachuun qubee dachaa seera laafinaa fi jabina sagaleettis fayyadamuu baatu Oromoo afaansaa beekutti hin ulfaatu. Haata’uutii namni afaan Oromoo hin beekne barachuu yoo barbaade laafinaa fi jabini qubee dachaa kun itti ulfaachuu ni danda’a. Erga Oromoon afaansaatiin barachuu jalqabee laafinii fi jabini qubee dachaa hima keessatti hubatama malee seera laafinaa fi jabina sagalee hordofee hojiirran oolle. Kanaafuu laafinaa fi jabina qubee dachaa martuu akka beeku seera laafinaa fi jabina sagaleetti fayyadamuun filatamaa fakkaata.
Afaan Oromoo keessatti qubeewwan dachaa yoo sagaleeffaman laafinaa fi jabinarratti amala gar-garaa qaban.

a) Qubeewwan dachaa yeroo hunda jabaatan.

CH(ch) fi NY(ny)
Fkn: billaacha, dachaa, machii, kichuu
Hachee, qoricha, bachoo, mucha, Cirracha, riqicha,
Qonyee, sanyii, ganyaa

b) Qubeewwan dachaa yeroo tokko laafanii yeroo kaan jabaatan.
DH(dh) ,PH(ph) fi SH(sh
Laafaa jabataa Laafaa Jabaataa
Fkn: kophee kophaa mishaa asham!
Teepha qophii gashaa ishoo!
Qophii kuruphee tishoo ——–
Hidhii mudhii lashii hashu!
Hidhaa hadhaa tushaa ——-
suphe Suphee Loshaa ______

Kana mee himaan ilaalla.
a) Gurbaan kootii hodhe.(jabaataa)
Waatiin sa’a hodhe.(laafaa)
b) Lapheetu na dhukuba.(jabaataa)
Gurbaan kophee bite.(laafaa)
c) Inni mudhii qabatee dhaabbata.(jabaataa)
Farda hidhii qabee masake.(laafaa)
d) Soolaneen qophii gaarii goote.(jabaataa)
Imaltichi goree rooba qophate.(laafaa)
e) Heexoon ni hadhaaya.(jabaataa)
Muchaan dhadhaa nyaate.(laafaa)
f) Foon kophaan namaa hin alanchamu.(jabaataa)
Inni kophaa isaa deeme. (laafaa)
g) Hashu! Baga gammadde.(jabaataa)
Bishaan booruu nan obaasin.(laafaa)
h) Ashamaa! Oromoo.(jabaataa)
Meeshaa kiyya as kenni.(laafaa)

************************************
Jechoota afaan Oromoo keessatti jalqabarrattis ta’ee dhumarratti sagaleen hin jabaatu. Dhumarratti kan jedhu utuu dubbachiiftuun gabaabduus haa taatuu dheertuun hin
galin dubbifamaan dhumarratti lama wal faana hin dhufu
Sirrii miti sirrii dha
Fkn:
Sirrii miti sirrii dha
Bbaa abbaa
dda adda
keessatt keessatti
deess deesse
madd maddaa

Garuu dubbifamaan jalqabarrattis ta’ee dhumarratti utuu hin jabaatin galuu ni danda’a.
Fkn: bishaan, aanan, ach, Bor, as, san

Dubbifamaan gosa gara garaa lamaan jalqabarrattis ta’ee dhumarratti utuu dubbachiiftuun jidduu hin galin yookiin dhumarratti dubbachiiftuu hin fudhatin wolitti aanee hin galu.
Fkn:
Sirrii miti sirrii dha
Mna mana
Gnama ganama
Sgalee sagalee
Dme deeme
Kyaa keenyaa
Gmna gamna
Ard ardii
Fard farda
Morm morma

Gama birootiin jechoonni afaan Oromoo kamiiyyuu jiddu isaaniitti dubbifamaa sadii hin fudhatan.
Sirrii miti Sirrii dha
Fkn:
Sirrii miti sirrii dha
harkka Harka
Gafarrsa gafarsa
Gamnna gamna

Qubee dubbifamaan gosa gara garaa jalqabarrattis ta’ee dhumarratti wolitti aanee dhufuu danda’u qubeewwan akka qubee tokkootti tajaajilan qubeewwan dhach’aa qofa.

*****************************************

5. IRRA BUTAA
Jechoota afaan Oromoo keessatti dubbifamaan gosa tokkoo wolitti aanee yoo dhufe sagaleen sun akka jabaatu laalleerra.Haata’uutii dubbifamaan gosa gara garaa utuu dubbachiiftuun jidduu hin galin wolitti aanee yoo dhufe sagalee
nuuf kenna. Sagaleen dubbifamaan gosa gara garaa utuu dubbachiiftuun jidduusaanii hin galin wolitti aanee uumamu kun IRRA BUTAA jedhama.
Fkn: jilba, farda, morma, arjaa, Arba, urjii,
Ilkee, milkii, sirna, murna, irga, galma,
Bultii, gilgaala, kortoo, sangaa, bultii, hirmii,
Kurkurtuu, marmaartoo

Gilgaala ( Shaakala) kudha-tokko
Jechoota sagalee irra butaa qaban kudhan barreessi.
1._____ 2.______ 3. _______4. _______ 5. _______
6. _____ 7._______ 8.______ 9. _______10. ______

**********************************

6. HUDHAA (‘)
Afaan Oromoo keessatti sagaleen uumamu danuu dha.Amala sagaleen afaan Oromoo qabu keessaa inni biraa
hudhaa(‘ ) dha. Sagaleen hudhaa kan uumamu wonni tokko ubbatamuuf jecha hafuurri somba keessaa bahuuf jedhee yoo addan citu.
Fkn: re’ee, Qe’ee, sa’a, har’a, oo’e, a’e,
Eda’uu, hir’isuu, rarra’e, harca’e, hoo’e, ka’e,
qal’oo, kal’ee, faca’e, dhama’e, ji’a, mi’a

BAKKEEWWAN HUDHAAN GALU
a) Dubbachiiftuu gosa tokkoo jidduu:
Fkn: re’ee, qe’ee, sa’a, Ada’a …
b) Dubbifamaa fi dubbchiiftuu jidduu:
Fkn: har’a,hir’uu,bal’aa ,qal’aa , kal’ee, hir’isuu
c) Dubbachiiftuu gosa gara garaa jidduu :
Fkn: a’e ,hoo’e, oo’e ,taa’uu ,ida’uu ,ka’umsa
D) Dubbachiiftuu gosa tokkoo dhuma jechaa irratti sadi ta’anii dhufan irratti
Fkn: sagalee’e gaaduu’u booruu’ u ballaa’a
Baatii’i gabatee’e laagaa’u laafaa’a
Buutii’i aadaa’a seenaa’ a xaa’oo’o

Haala isa dhumaa (d) tiin jechoota afaan Oromoo barreessuun kitaabbilee muraasa keessatti malee hanga ammaa hojiirran oolle. Namoonni irra caalaan hin beekan. Garuu sagaleen kun haasawa keessatti ni dubbatama. Akkuma gubbatti fakkeennaan kaayame sagaleen kun jechoota dhumasaanii irratti dheeratan irratti uumama. Kun garuu kan ta’u jechicha kophaa isaatti yoo yaamnu yookiin maqaa dhoofnu qofa. Gama biraatiin fakkeennaaf waan nama tokkoo abbummaa isaa him’uuf /fknf yoo abbaan nama woyii Guutamaa jedhamu ta’e/ “ka Guutam’aa” jedhama. Jechoonni dhumarratti sagaleen isaanii dheeratu hunduu akkasitti yaamamu. Yoo haasayamu dhumarratti hudhatu mul’ata jechuu dha.
Hudhaan dubbifamaa gosa gara garaas haata’uu kan gosa tokkoo lama jidduu fi dubbachiiftuu booda hin galu.
Sirrii miti sirrii dha
Fkn: bal’laa ballaa” =ballaadha
Jil’ba jilba’ =jabaadha
Hiri’suu hir’isuu’ =hir’isuudha
Daa’wii daaw’ii’ =daaw’iidha
· Kanaafuu sagaleen hudhaa jecha dhuma sagalee dheeraa irratti dhufu mataa isaattuu xumurt’u /gochimt’u/ (verb) yookiin xumurtuudha/ gochimtuudha.
· Hudhaan dhuma jechaa irratti galu sagalee ”dha” bakka bu’a. Kanaafuu sagaleen hudhaa kun mataa isaatti xumurtuu dha.

***********

Laafinaa fi jabina sagalee hudhaatiin uumamu kan
hubannu hima keessatti.
Fkn:

a) A’a! maaltu na woraane? (waan dimmaa ta’e).
A’a ! akka malee na dhukkubaara! (woyachuu).

b) Bishaan oo’e.( jabaataa)
Saan oo’e. (laafaa)

Haata’uutii waa’ee hudhaarratti ammas qu’annoo fi qorannoo bal’atu barbaachisa.
Gilgaala(Shaakala) kudha-lama
Kanneen asiin gaditti argaman hudhaa (‘) bakka barbaachisutti galchi.
1. Hiruu = ———-

2. Edaamaa = ——
3. jia = ————–
4. Saaaa = ———–
5. Ooaa = ——–

6. Saa=_______

7. Sagalee=_____

8. Ae =________

9. Cima=_______

10. Balaa=______

11.taauu=—-

12.ooe=——

13.aa!=——

14. Quate=—

15. Buuu=—–

Comments

comments

About the author

OPride Staff

Collaborative stories written or reported by OPride staff and contributors.

Leave a Comment

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.