Afaan Oromoo

Lallaba hin Dhagayamne

-kutaa2-

 

Taajuddiin waan jedhu wollaalee cadhisaa turee “eega qabamtee waggaa hangami?” jedhe.

“Woggaa saddeeti”

“Asii achi waggaa sagalii si hafa jechuudha kaa!”

“Woggaa kudha afur!”

“Akkamitti?” jedhe ammallee Taajuddiin rifatee.

“Akka hidhamaa biyyattiittuu beekkamuun koo eega mana hidhaa kana na fidanii as”

“Yoom as dhufte?”

“Woggaa sadi har’aaati”

“Ka san duraa hoo?”

“San eenyutu naaf lakkaayee?”

“Akkamitti?” jedhe Taajuddiin. Tolchaan eega Nama amma woliin haasayaniin adda bahanii gadaa tokkoo ol. Waan itti himaaru dhiisee “waan si gaafadhu?” jedhe Taajuddiiniin ija keessa laalaa.

“Hayyee?” jedhe kuun.

“An Kormee dhaa miti… Taajuddiin naan jetteerta. Taajuddiinis ta’ii Kormee… garuu ati… isuma wajjiin turre sanaa?” jedhe, itti jedhee.

Taajuddiin, Kormee dur Tolchaa woliin turan akka hin taane uf beeka. Uduu akka bara sanii ta’ee garuu, du’ee  biyyee ta’a malee, biyya isaa handhuurti isaa itti awwaalamte keessatti, dhokatee hin le’u. Biyya isaa keessatti baqattuu ta’ee bararraaqaa hin jiraatu. Adha ka keessa jiraatu garuu, jireenna akkasiiti.

“Tolchaa khiyya! Nan shakkiin! An Kormee Abbaa Biyyaa ta’uu baadhuus Taajuddiin Aliidhaa tiin ala hin waa taanee… Akkasitti naa hubadhu! “Maaliif Kormee Abbaa Biyyaa hin tahin?” naan jetta taha. Garuu, kophaa khee nama tokkicha jalaa dheeysuun luynummaa dha. Kophaa khee nama kudhaniin loluun ammoo gowwummaa dha. Nu ka nutti duule tokkicha qawwee qabate utuu hin tahin, kuma dhibba dachaasee maagaree hidhateetitu harkaa nu qaba. Tanaaf ammoo Kormee Abbaa Biyyaa tahuu dhiisee Taajuddiin Aliidhaa yooniin tahe narra hin laalin” jedhe.

“Obboleessa koo! Bara namni waan kaleessa lafatti tufee, irra ijjatee tare deebisee arraabaaru kanatti Taajuddiin Aliidhaa ta’uun keetiyyuu, waan guddaa dha. Sanuma bira hin tarin malee” jedheen.

“Mee akkamitti waggaan kudha afur akka si hafu natti himi” jedhe Taajuddiin deebi’ee.

“Beektaa… san dura eega qabamee woggaa shan gara biraa turuu koo mana murtiittillee kaaseen ture. Kan na dhagaye ammoo hin jiru. Oromoo kan dhagahu sababa hin jirreef na dhageeffachuu dhaban” inni jennaan Taajuddiin gaddee mataa irbe.

“Haata’uu immoo addattis nu dubbisanii turan” jedhee poolisoota bitaa mirgatti midhate, ammallee.

“Maal ja’anii?”

“Balleessaa keessan amantanii dhiifama yoo gaafattan mootummaan dhiifama isinii godhuu danda’a jedhanii…”

“Maaliif hin gaafanne ree?”

“Maal?” jedhe Tolchaan akkuma nama waan gaafatame wollaalee. “Dhiifama ja’an?”

Tolchaan akka waan kolfuu ta’ee, diqqoo yaadee, “dhugaa dha! Kormee Abbaa Biyyaa utuu hin taane Taajuddiin Aliidhaa ta’uu natti himteerta. Kormee dha malee Taajuddiin eessatti na beeka!…” jedhee ammallee diqqoo eega cadhiseen booda, “Obboleessa koo! Taajuddiin Aliidhaa bira tartee, nama biraa ta’uu akka hin oolletu natti mul’ata” jedhee ija keessa laale.

Taajuddiin rifatee, waanuma jedhu wollaalee cadhisaa turee “Tolchaa Khiyya! Kaleeysaas waan keeysa wajiin turre san, eenyuus ka itti na baasee miti. Eenyuus keeysaa na hin deebisu. Siif dhugaa dha. Waggaa dheeraa kana booda utuu wal hin garre turree, har’a akka haareyaatti wol garree, jecha kaleeysa narraa dhagayuu hin turre yoo narraa dhageeyse na shakkuu dandeeysa.  Ati naan jetteef utuu hin taane sammuu tiyya kaleeysa na amansiifteeteetitu utuu Oromoo tana niin gana je’eeyyuu naaf hin fudhanne. Ammoo dhugaadhaa… akka kaleeysaatiis hin jirru. Bakka kaleeysaatiis hin jirru. Akkaa fi bakka kaleeysaa jiraachuu dhabuun ammoo guutuun guututti nama biraa nama hin jechisiiftu. Akka kaleeysa walii wajjiin taanee “amma murra! Amma ajjeefna! Amma gombifna!…” jennu san jechuu dhabuu khiyyaaf akka nama biraatti na hin fudhatin. Irra siif deebi’a! An Kormee kaleeysaa ta’uu baadhus Taajuddiin Aliidhaati! Akkuma atuu jette Kormee kaleeysaa ta’uu baadhuus Taajuddiin Aliidhaa bira hin taruutii akkasiitti naaf hubadhu! Kana ammoo siif je’eetii miti” jedhe Taajuddiin.

Namoonni gamaa gamanaa wolumatti wocan ammallee ittuma jiran. Worri jara bitaa mirga jiranillee. Poolisoonnillee ima mimidhatan. Jarrillee wocuma san keessa gad qabatanii qaaqaa turanii, maayiirratti Taajuddiin waan feestaaliin harkaa qabu woyii itti hiixxate.

“Maal inni?” jedhe Tolchaan irraa fuudhaa.

“Waan guddaadhaallee miti qabi!”jedheen.

“Obboleessa koo… nu ka barbaannu, soora garaa utuu hin taane soora gurraati. Mee akka Taajuddiin Aliitti utuu hin taane, akka Kormee Abbaa Biyyaatti waan jiru natti himi!” jedheen Tolchaan eega waan Taajuddiin itti hiixxate irraa fuudheen booda; itti jedhee.

Taajuddiin Alii kanaafis waan himu dhabee gaddus, hamilee isaa hidhaa woggaa kudha torba itti murteessan caalu ajaa’ibe. Inni ala jiru, ka waan meeqa godhuu danda’u hamilee akkasii dhabutti gadde.

“Mee hafuura Jabboo Milkii” jedhee ka biraatti tare, Taajuddiin jalaa cadhifnaan.

“Biyya Ameerikaadhaa jira”

“Lataa Hundee fi Caalaa Boruu garaa biyyee jiran malee Leencoo Simbootis biyya faranjiidhaa jira naan jedhan. Baras Lataa fi Caalaa fa’a woliin kufuu kee malee, ajaa’iba ati jara biraa hafteen ka natti hime hin jiru” jedhee, eessa akka jiruu fi eessa akka ture, akkasumas namoota dur woliin turan gaggaafate.

“Aniis akkuma kheeti. Cufa isaanii quba hin qabu…” jedhee ka inni barbaadu dhiisee waanuma gara garaa itti qaaqe.

Uduma Tolchaan waan Oromoon itti jirtu isarraa dhagahuu barbaadu, uduma kuun waan itti himu wollaalee nafaan didu, saa’aan addaan lixan dhihaannaan “Taajuddiin koo!”  jedhe qoonqa gad qabatee ammallee. Jalaa awwaate saahibni isaa, Kormeen durii.

“Akka ati waan natti himtu dhabdee, ka si hin gaafatin natti hasoftu hubadheera. Waan si ajaa’ibu… waan ala sanitti deemu hundumaa quba qabna! Garuu…” jedhee mataa irbee itti fufe. “…nu hanga tokko qawwee kaafnee waan dhukaafneef yookiin dhaabannee waan mormineef du’a, umrii guutuu yookiin woggaa hanga sitti himuu kana fa’a nutti murteessan ta’a. Garuu jarri keenya kun maaliif ummata fayyaalessa uduu waan takka hin dalagin maqaa qabsoo tanaatiin hidhamee ajjeefamuuf hin yaanne?! Maaliif ijoollee ‘guyyaa goototaa’ jettee dhuungoo ibsitee waan kabajje qofaaf woggaa kudha shan itti murteessaniif hin dhukkubsanne?! Beela, ulee fi dhibee manniin hidhaa keessaa jiru irraa reeffi Oromoota meeqaa guyyaan fe’amee akka bahu hin beekan ta’a. Garuu toorcharuma mana hidhaa keessa jiruyyuu maaliif hin tilmaamne?! Maaliif nama akka namaatti dhalatee akka horiitti manneen hidhaa keessa qullaa jiraatuuf  itti hin dhagayamne?! Bar ilmoo namaa tan ganda tokkoo dhiisii ilmoon saree tan ganda gandaatuu  diina ishii woraabessa ari’uu irratti wol hin dhabduu. Kan dachaatee wol nyaattu yoo ta’e eega diina ishii worabessa ariiteen booda…” jedhee waan jechuu barbadu uduma hin fixatin, sa’aatii yoo laalu, dhumachuuf deema. Wonni dubbachuu barbaade heddu afaanitti haftee mataa keessa babbade.

“Dhiisi obboleessa kiyya! Maal gochuu dandeenya!? Nuhuyyuu lubbuun jiraannee as keessaa baanee wol dura dhaabbannee wolitti hin dubbannuu… uhhhh…. Haaq hafuu! Dhiisi ha hafu! Amma saa’aanillee dhumuufii… ati amma beena!” jedhe.

Taajuddiin ammoo guddaa hin dubbanne. Bakka waan guddaa dubbatullee hin jiru. Innillee sa’aatii laalee, bitaa mirga midhatee, qoonqa gad qabatee, “Tolchaa kiyya! Sariin ka dachaatee wal nyaattu, eega waraabessa ariiteen booda jechuun kee dhugaa dha. Garuu sariin waraabessa ari’utti hin jirre dachaatee yoo wal nyaatte sin ajaa’ibin” jedhe. San booda, jarri lachuu guddaa hin haasofne. Saa’aan dhumnaan, torbaan deebi’ee akka gaafatu itti himee, Tolchaa biraa lixe; Kormee Abbaa Biyyaa yookiin Taajuddiin Alii.

 

[audio:http://www.opride.com/hamba/audio/Lallaba/KUTAA 2FFAA.MP3|loop=yes]


***************************************************************

Comments

comments

About the author

Mohammed A

Mohammed Ademo is a freelance journalist based in Washington, DC. He's the founder and editor of OPride.com, an independent news website about Ethiopia.

Leave a Comment

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.