Afaan Oromoo

Lallaba hin Dhagayamne

 

 

 

kutaa-3-

Tolchaan abbaa fi haati isaa “ni dhufan” jedhamee itti himame maaliif akka hafan hin beenne. “Maal ta’an laata?” jedhee, kaanii kaan yaadaa turee, maayiirratti gara dhufaatii Taajuddiin Alii fi saahibban isaa durii, kanneen lubbuun jiranii fi hin jirre yaadutti deebi’e. Keessattuu Taajuddiin Alii maqaa Kormee Abbaa Biyyaatiin beeku lubbuun jiraatee, arguun baay’ee isa ajaa’ibe. Caalaa fi Lataa, harka diinatti kennachuu didanii ajjeefaman biraa akka itti hafe, eega barasiitii ammoo bakka itti dhalate Cirotti akka hin deebi’inii fi dhokatee, dhiha Oromiyaa magaalaa Jimmaa akka jiraatu adhuma isarraa dhagaye. Ima yaade. Yaadaan uf duuba gara gale.

Bara 1993 haga 1998 nama kudha tokkoon turan; jajjabee torbaa fi dabballee afur. Isaan keessaa Lataa Boruu, Caalaa Hunde, Kormee Abbaa Biyyaa fi Duulaa Galaan komaandoo jiddu galeeyyii turan. Finiinsaa Xiiqii, Irreessoo Gammachuu fi inni daattuu qilleensaa yookiin air born turan. Hirphaa Ayyaanaa, Jabboo Milkii, Leencoo Simboo fi Abdii Biqilaa dabballee dhaabaa turan. Caalaa Boruu, Lataa Hundee fi ka isa dubbise Kormee Abbaa Biyyaa lubbuun akka hin jirretti beeka; Tolchaan. Hirphaa Ayyaanaa, Finiinsaa Xiiqii fi Irreessoo Gammachuu  qabamuu hin beeka. Hirphaa malee, kuuwwan lamaan, gara jiran, worrummaan qabeyyuu marti hin beeku. Jiraatanii lafa tana irra yookiin du’anii biyyee jala jiraachuu isaanii, ka beeku waaqa qofa. Hirphaadhaan, baatii lama dura, mana hidhaa amma jirutti dimmaa wol arganii, eega bara adda faca’an, bara 1998tii, manuma hidhaa jiraachuu itti hime.


Namoonni eega gaafa faca’aniitii inni quba hin qabne ammoo Duulaa Galaanii fi Jabboo Milkii ti. Ka harka diinatti kennatee faca’iinsa kana maraan isaan gahe, Abdii Biqilaati. Oromiyaa guutuu keessatti tankaarfii fudhataniin Tigree birbinyeessaa turanii, maayiirratti Abdiin qabamee iccitii mara saaxile. Egaa! worra bara sanii maraa eegasii argee hin beeku; Abdii kana maraan isaan gahe malee. Abdii, OPDO dilbii,  dabree dabree hin arga; TV dhaan. Abdiin baras akka nama hujiif isaan barbaaduutti waamee yookiin itti dhaqee, garii isaanii marsisiise. Finiinsaa, Irreessoo fi Hirphaa qabaman malee, Lataa fi Caalaa bakkuma tokkotti woraanni Tigree akeekamee dhaqe, isaan harka kennachuu dinnaan, manuma jiranitti itti nam’ee fixe. Kormeenillee jaruma woliin ture. Ammoo akka tasaa ta’ee uduu woraanni Tigree hin dhufin dursee bahe. Kana ammoo jara dhumtee fi isa qofatu beeka. Yeroo san namni jara beekullee akkasumatti amanaa ture. Ka achii as Tolchaatti himamellee, kanuma. Jabbo, Kormee, Leencoo fi Duulaan, akka Abdiin harka kennatee diinaaf hojjataaru dhagayanii karaa irraa goran. Maayii barbaachi itti jabaannaan martuu biyyaa bahan.

Akka amma dhagayetti namoota baras woliin turan kudha tokko keessaa, biyya keessa ka lubbuun akka jiru beekkamu; isa, Hirphaa isa woliin jiruu fi  Kormee qofa. Duulaa Galaan ammoo dirree baqaatti du’uu namni isatti hime hin jiru. Kana isa dhiisii Kormeenuu hin beeku. Bara adda faca’an san, innillee, gocha Abdii Biqilaa dhagahee karaa irraa goree, hariiroo isaa karaa biraatiin tolfatee, haada qabsoo sufee uduu hojjatu, achii as, woggaa saddeet adhaa qabame.

Uduma irkatee kana mara yaadu loltoonni Tigree lamaan hidhamaa tokko “eeyyama eennuutiin kutaa baate! Kun bosonaa miti! Bilisummaa bilisummaa’ jedhaa bakka muka keessa deemtanii nama saamtanii miti ka jirtu! Jaalattee jibbitee akkanatti dhidhiitamaa jiraatta! Dhiitamuu miti! Lubbuu tee yoo baafne ka nu gaafatu akka hin jirre wollaaluun kee wollaalummaa kee hima! Jaalattee jibbitee nu jala jirta!…” jedhanii karra kutaa saniitti dhiitichoo fi uleen wolitti itti taran. Sanitti hin dhaabanne. Isa tumaa kaanitti dhaadatan. “Asii achi bitamtan! Haga barbaanne isin binna! Jaalattanii jibbitanii akkanatti dhiinnee binna! ABOn isin ittiin dhaadattanillee homaa isiniif hin godhu! Akkanumatti uduu gubattan dhumtan malee homaa hin fiddan! Homaa! Harriin! …” jedhaa, nama san tumaan lubbuu itti suruuranii, kutaa sanitti ol darbanii, balbala duubaan cufanii lixan.

Tolchaa, jechi isaanii kun garaa dhukkubse. ABO iddituun akka kinniisaa, tuqaa didduun akka qeerransaa, leenca ilkaan hin qabne ta’ee hafuun ammoo isa gube. “ABO eennumatu Leenca ilkaan hin qabne godhee hambise?” Sariin dachaate wol nyaattu ta’uu ammoo wollaalee hin turre. Wonni deebii dhabe tokko, yeroo kamuu gaafima waan namatti ta’uuf uf gaafate. Yoom akka aarii dhiisu hin beeku. Aaruu dhiisa jedhus arraiin isa hin dhiiftu. Hin yaade; aariidhaan. Garuu aarii waa gootu hin turre; ta ufumaa gubatan malee. Ima yaada. Jara Oromoo darartu sanitti, goonni isaanuma qofa fakkaachuun ammoo isa ajaa’ibe. Ammallee hin yaade. Ummata “an lunna” ufiin jedhu dhagahee hin beeku. “Ummata kamuu keessa beekaa fi wollaalaan, qaroo fi gowwaan, jabaa fi laafaan akkuma jiru gootaa fi lunnillee jira malee ummanni tokko jumlaan goota yookiin lunna jedhamee waamamu hin jiru. Jarri kun maaliif akka waan goonni isaan malee hin jirree uf godhan? Ka qawwee qabate martuu gootaa? Ka qawwee hin qabne martuu lunnaa?” jedhe. Akka qawween nama gootomsitu ammoo, ka ufii isaatii bara woyii arge, eega takkaa yaadee yaadate.

Dargiin jigee bara lammataa gaaf tokko. Tolchaa fi Duulaan magaalaa Amboo, gabaa keessatti loltoota Tigree re’ee bitattee qalachuuf yaatu, quqqurxaa qoraaniitiin asii achitti qaarisanii, eega kilaashii irraa guuratanii, loltuun Tigree inni meeshaa harkaa fudhate tokko “na hin ajjeesin” jedhee ka itti worwaate yaadatee “ee bada qawwee!” jedhe garaa isaatti, nama tumaan caccabsanii gaggabee ciisu laalaa.  Baras Irreesso, Kormee fi inni garee tokko, Lataa Hundee, Caalaa Boruu, Duulaa Galaanii fi Finiinsaa Xiiqii garee biraa ta’uudhaan uduu meeshaa woraanaa tokko hin qabatin, onnee qofaan, magaalaa Finfinnee keessatti Tigree dhiiga dhaabaa turan. Egaa, eega saahiba isaa durii, Kormee Abbaa Biyyaatiin adda lixanii kutaa isaatti deebi’ee kanumaa fi kana yaadaa turee maayiirratti bakkuma irkate sanitti silim jedhe.

Jaarsaa fi jaartiin, lafa hin beenne, ka baadiyaa dhufan sun, bakka silaa gahuu qaban yeroodhaan hin geenne. Dallaya mana hidhaa Qaallittii duubaa, karaa naannayaniin irraa badanii, iyyaafata heddu booda yoo karra jedhame gayan, saa’aan safaya, sadi irra tareera. Loltoota meeshaa woraanaa baatanii, karra mana hidhaa cufameeru dura jiran, kanneen nama ceela’an malee homaa hin mul’atan. Karratti dhihaatanii, loltuun tokko isaan dubbifnaan, waan deemaniif itti himatan. Hidhataan sun, saa’aan nama gaafatan taruu malee, guyyaa itti aanullee nama achi jiru gaafachuun akka danda’amu, jaarsa sanitti hin himne. Wonni biraa ka jaarsa sanitti hime yoo jiraate ammoo, akka bakka sanii deeman qofa.

“Beena haadha Tolchaa! Waqayyoodhumatu nu hin argisiisinii?” jedhan jaartii uf dalgatti laalaa.

“Maal siin jedha abbaa Tolchaa?” jedhan jaartiin, jaarsa ija keessa laalaa.

“Yeroon tareera jedha”

“Arguu hin dandeenyu jechuudhaa?” jedhan jaartiin mummu’amaa.

“Akkas jedhan!”

“Mee an kadhadhuu?” jedhanii jaarsa gaafatan jaartiin.

“Afaan beekanii ree? Utuu beekaniis tole siif hin jedhuu!” jaarsi jennaan jaartiin sodaataa, gara loltuu jaarsaan waa jedhaa turee dhihaatanii, “maaloo gooftaa koo! Biyya fagoodhaa dhufnee! Ilmuma hoo qabaattan… ilmuma keechanii jedhaa nu gargaaraa…” jedhanii ganaa lamaanillee jala qabanii kadhatan , jaartiin

“Maal jetta namittii?!” jedhe loltuun sun coraa bade, Afaan jaartiin hin beenneen.

“Maaloo ilma koo waaqayyoodhumaa jedhaa! ilma koo maaloo ilma koo!” jedhan jaartiin ammallee. “Wonni kadhattu woyiituu hin jiruu… bakka tana gadhiisi namittii!” jedhe amma taan caalaa biibbee, harka darbaa Afaanuma jaartiin hin beenne saniin. Worri isa bira dhaabatu, ka haga lamaa woyii ammoo hin dubbatu. Jaarsi achi siqanii dhaabatan. Jaartiin, waan loltuun sun jedhe hubachuuf, afaan Amaaraa inni itti dubbate beekuun isaan hin barbaachifne. Waan inni jedhu haaluma isaa irraa hubatanii imimmaan haqataa, gara jaarsi jiran qajeelan. Jaarsa bira gahanii, isaan lachuu, waan jedhanii fi gara deeman wollaalanii  dhadhaabatan. Hidhattoota waan nama irraa uumaman uf hin seene san ammoo, san caalaa qaaquunii hin dandeenne. Maal godhuu danda’an ree?

“Abbaa Tolchaa! mucaa koo utuu hin argin gala?” jedhan ammallee imimmaan haqataa jaartiin.

“Maal godhuu dandeenya? Hanga Sambata dhufuu ammoo as turuu hin dandeenyuu? Duras utuu lafa hin beekne, kophaa keenya dhufuun sirriidhaa miti. Kanaafuu gara biyyaa galleetoo… yeroo biraa nama qabannee deebi’uu malee malli biraa meeti haadha Tolcha?” jedhan jaarsi.

“Waaqayyoodhumatu hin arginaa jedhee beena haadha Tolcha koo!” jedhan, jaartii dhaabatanii, akka waan mucaa isaanii dallaya san irraan arganii, gara dallaya mana hidhaa ufirra achi laalaniin. Uduma garaan isaanii mucaa isaaniitiif booyu, yeroo biraa, nama lafa beeku qabatanii dhufanii arguuf murteeffatanii, siree qabatan bulanii, ganamaan ka’anii gara biyya isaanii, gara baadiyaa Jalduu qajeeluuf qajeelan; Abbaa fi haati Tolchaa.

Taajuddiin Alii, eega mana hidhaa Qaallittii dhaqee Tolchaa dubbisee, tuttureera. Akka jedhe torbaanitti hin deebine. Gaaf gara baatii tokkoo fi cinaa booda deebi’e ammoo, akkuma gaaf duraa dallaya san irraa hiixxatee, warra hidhamtoota firri barbaadutti lallabuun “Tolchaa Magarsaa!” jedhe. Tolchaan garuu hin waamame malee hin dhufne.

 

[audio:http://www.opride.com/hamba/audio/Lallaba/KUTAA 3FFAA.MP3|loop=yes]


**********************************************************

Comments

comments

About the author

Mohammed A

Mohammed Ademo is a freelance journalist based in Washington, DC. He's the founder and editor of OPride.com, an independent news website about Ethiopia.

Leave a Comment

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.