Afaan Oromoo

Lallaba hin Dhagayamne

kutaa-5-

Addunyaa qilleensaa tana irra wonni waan dhale yookiin argate yookiin ammoo guddise jibbu hin jiru. Bineensallee dabalatee. Akka isaan yaadanitti ammoo, ka akka abbaa fi haadha Tolchaatti finna ufii jaalatu abadan! Hin jiru. Tolchaa ammoo dhiira sadihii fi dubara afur argatan caalaa, waan jaalataniif hin beekan. Uduu jaalalaan faana bololan biraa bahee, woggoota haga adda turanii kana irraa ture. Dhiiraa dubarattuu hangafni isa. Abbaan umrii torbaatama mataan taraniiran. Haatillee daraboo abbaa Tolchaa ta’uu baatanillee guddaa adda hin fagaatan. Garaa garummaan umrii, isaan jidduu jiru gadaa tokko yoo hahe hin jabaate.

Yeroon wolakkeessa guyyaati. Jaarsaa fi jaartiin  ammoo lamaanumaan Markaatoo, Ameerikaan gibbii, siree gatii laafaa woyii jiran. Manni siree sun hin dukkanaaya. Ibsaa gara guyyyaa hin jirre san dabalatee ammoo sanuu caala. Kanaaf jecha, gurbaan bakka san isaan geesse Bayyanan, dhuungoo bitee qabsiisee biraa bahe. Ta moonaa mana hidhaatii bahan uduu waan Tolchaa hin kaasin, kutaa siree san seenan.

“Biyyoo haa nyaattu haati kee Tolcha koo!” jedhanii imimmaan haqatan, jaartiin nyaata har’allee baatanii fidanii deebi’aniin, dhuungoo kutaa san keessaa cilliftuun lafatti laalaa.

Namni mana hidhaa sanitti  daqiiqaa hagoof argan sun ammoo mana hidhaa sanii baasuu malee gara deebisan akka hin beenne itti hime. “Garamuma jirta mucaa koo? eechuma jirta? Lafa hin galle haa dhaqu an mucaa koo!” jedhan ammallee. Ima yaadan. Kanaa achi mucaa isaanii arganii laata? Itti fakkaachuu dide. Fuldurri mucaa isaanii arguu itti dukkanaaye. Xalayaan namni mana hidhaatii isaanitti kenne hoo waan Abdii qabaatii?  Wonni isaan hafe yoo jiraate san takkitti. San ammoo waan jedhu hin dhageenne.

“Utuu hafuura isaa hin dhageenye akkuma turretti utuu hafnee maal qaba…?” jedhan ammallee. Jaarsi hin dubbanne. Cadhisaniituma yaadan isaanillee; waanuma isaa. Wonni inni ta’e heddu. Bara mootummaa hayla Sillaasee ijoollee ture, Tolchaan. Hin barata. Baras waan Oromummaa wonni inni beeku hin jiru. Afaan Amaaraa hin beeku. Haga mana barumsaa galchanii diqqoo jedhe, ijoollee Amaaraa akkanumatti laalee jibba. Kunis Afaan Amaaraa inni hin beenne waan beekaniif yookiin sababa isaan jibbuuf, ka addaa waan qabuufii miti. Yoo inni Afaan Amaaraa hin beenne san dubbachuu yaalu, waan itti kolfaniif malee. Mana barumsaatti yoo ijoolleen Amaaraa “gaallaa” jettee arrabsituun ammoo jechicha akkuma arraba kamiittuu fudhata malee hiikkaa hin beeku. Garuu tuqaa dida. Gaaf tokko ijoollee Amaaraa quuftuu, mana  barumsaatti Afaan Amaaraa wollaaluu isaatiin tuffatanii “ichii gaallaa Amaarinyaa littinnaaggar!” jedhaniin keessaa, tokko  dhayee ilkaan buusisiiseera. Amaara naannotti “naaf sagadaa” jedhu, ka  namni marti akka waaqaatti sodaatu arrabsee abbaa hiisiseera. Namoota naannoo baras sababa saniin abbaa qabanii akka hidhamu godhaniin “haa guddadhuu na eeggadhu!” jedhee ka ciniinnatu, ka hin sarmine, morkattuu mucaa  ture.

Haga dargaggoomellee kophaa isaa shimalaan gabaa galcha. Mana barumsaa ammoo itti hin fufne. Gaafa haga kutaa shaneessoo baratee dhiisu, Afaan Amaaraa akeekkateera. Barumsa ammoo jaalatee hin dhiifne. Afaan Amaaraa bareedaa dubbachuu dadhabuudhaan tuffii fi kolfa barsiisotaa jibbeeti. Gaaf tokko kutaa keessa jiran. Wonni addaa, ka barumsa isa dhiisisiise ammoo waan gaaf tokko ta’e. Woyitii barnootaa Ingiliffa. Barsiisaan kitaaba irraa fakkii woyii itti mul’isaa “kun maal?” jedhee, Afaan Amaaraatiin bartoota gaafate. Yoona mucaan Amaaraa woyii harka baasee barsiisichi irraa fuunaan “minishir” jedhe. Yoona barsiisaan ammallee deebi’ee Afaanuma saniin “mee namni fooyyessee naa himu” jennaan Tolchaan harka baase. Irraa fuudhame. “Qawwee” inni Afaan Oromootiin jennaan, barsiisaan sun, afaan Amaaraatiin “qawwee mindinnaw?! kikikikikik…” jedhee itti kolfee, kolfisiisee dhiisuu dide. Ka Afaan Amaaraatiin dogoggora himametti hin kolfamne. Ka Afaan Oromootiin qajeela himametti baldamee, itti qasha’ame.

Haalli ta’e sunii fi ka san dura isa mudataa ture wolitti daddabalamee barumsa irraa abdii isa kutachiise. Kana galee worratti himate.Worri homaa godhuufii hin dandeenne. Ijoolleen afaan Amaaraa hin beenne isa qofa akka hin ta’inii fi obsumaan akka baratu gorsuu malee. Inni san barumsatti hin deebine. Haga dargiin jige deebi’ee baratee kudha lama fixe. Barumsa isaa akkuma fixeen, lolli lafa dhiiga mi’eeffatte, ta habashootaa, fudhattee kaabattiin tartee loltuu dargii ta’e. Barnoota dursa kennamu hedduun booda, namoota heddu keessaa filatamee komaandummatti aansee daattuu qilleensaatiin eebbifame. San ammoo hin turre. Karaa dhihaatiin dargii keessaa bahee ABO seene; bara 1989. Hennaa loltummaadhaan dargii keessa ture, dabree dabree dhufee worra isaa ni arga ture. Bara 1991 asillee, galee worra isaa bira taa’uu baatullee haga woggaa sadihii worra irra ima naannaya ture. Bara 1994 irraa qabee “Tolchaan tana deebi’e!” yookiin “tana jira”  nama jedhu worri isaa hin dhageenne. Ta san dhabame, dhiheenna kana akka mana hidhaa Qaallittii jiru namni isa beeku argee worratti hime.

“Maaloo mucaa koo… akka ati taate kana utuu hin dhagayin utuun dabreera ta’ee!…” jedhanii booyuu jaartiittu galaana yaadaa san keessaa jaarsa deebise.

“Maaloo haadha Tolchaa! waaqayyoodhumatu fedhee dhiisi!” jedhanii gorsuu yaalan. Jaartiin hin caldhifne. Jaarsillee gorsuu hin dhiifne. Maayiirratti jaartiin caldhisuu dinnaan “utuu du’e siin jedhanii wanni gochuu dandeechu maal? jiraa? waan takkallee gochuu hin dandeechu! eenyullee homaa gochuu hin danda’u! Ee! ilma kufuu isaa dadhaban du’a isaa danda’uu jedhu. Wanni gochuu dandeenyu hin jiru. Dhiisi! Yoommoo wal argaa jedhe waaqayyoon wal nu garsiisuu danda’a. Hookaanis homaa gochuu hin dandeenyu. Kanaayyuu immoo, waraqaa gurbatti kenname irraa waan abdii qabu tokko dhagawuu dandeenya. Kanaafuu dhiisi!” jedhan jaarsi. Isaan kana jennaan jaartiin diqqoo tasgabbaayan. Yaada ammoo ittuma jiran.

Abbaan Tolchaa jaartii isaaniitiin “booyichaa mitii yaadallee dhiisi” jedhaa turan ufii isaaniitii ammallee ittuma jiran. Wonni silaa yeroo hidhamaan sun poostaa itti kennu Tolchaa laalchisee gafachuu malan heddu, eega isa biraa lixanii qalbitti deebiteef. Nama san ammoo, ka biraa hafee, maqaa isaatuu hin gaafanne. Hidhaamaan sunillee hiree akkasii isaanii hin kennine. Poostaa san fidee itti kennee sardamaa biraa lixe.

“Utuu yeroo san haala inni keecha ture nama san gaafanneerra ta’ee?” jedhan jaartiidhaan. Namni poostaa itti kenne sun, nama Tolchaa beeku ta’uu Bayyanaan isaanitti himeera.

Bayyanaan mana siree saniin isaan gahee “hin deebi’a” jedhee bahe, dafee hin deebine.  Xalayichillee ufirrumaa qaba. Lafii ibitti, lafa hajaa gahee uduu deebi’aaru kaaffee woyii goree buna ajajatee, poostaa hidhamaan sun itti kenne kiisii fuudhee bane. Woraqaa dachaafameeru woyii keessaa ol baasee adda hiike. Tokkicha. Fuulli waraqatichaa lachuu barruu qalama diimaatiin guuttameera. Hin laale. Barruu Tolchaa ammoo akka ka ufiitti beekuu baatullee, kun ka isaatii miti. Ammoo bakka Tolchaan jiru ka himullee ta’uu baatee, ka akeeku yoo ta’e, ka barbaadu san. Abbaa barreesse irraa wanni barbaadu hin jiru. Jalqabni barruu sanii isa hin dhibne. Barruu akka mata dureetti kaayameeru irraa kaasee,dubbisuu jalqabe.

 

[audio:http://www.opride.com/hamba/audio/Lallaba/KUTAA 5FFAA.MP3|loop=yes]


***************************************************

Comments

comments

About the author

Mohammed A

Mohammed Ademo is a freelance journalist based in Washington, DC. He's the founder and editor of OPride.com, an independent news website about Ethiopia.

Leave a Comment

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.