Afaan Oromoo

Lallaba hin Dhagayamne

 

kutaa-6-

Biyya sanitti ‘an hagana gaha!  An jabaadhaa na jalatti buli! Namni na caalu hin jiru’ yookiin ‘ebalu na caale’!’ ka jedhu hin jiru. Martuu wol qixa. ‘Mana akkasii ijaaradha! kun na hanqate! Daangaa natti tarte, yookiin ka biraa…  jechuudhaan bololuun hin jiru. Martuu manuma ufii qaba; hoxxee ol seenee ciisu. Isimatu isa gaha. Ka san caalaa gaafatullee hin jiru. Biyya ollaan wolitti hin seenne; ta martinuu cufatee jiraatu… Wonni biyya sanitti nama gaddisiisu ammoo ka hoxxee sanuu hin qabnellee jiraachuu dha. Garuu sunillee bakka galu dhabe jedhee hin rakkatu. Bakkuma jirutu isa gaha…” jedhee itti fufa xalayaan mata duree “Lallaba hin dhagayamne” jedhuun jalqabu, ka Bayyanaan banee dubbisuu jalqabe. Xalayichi waan maalii akka haasayu isaa hin galle. “Maal jechuu isaati? Maal inni? Xalayaa achi keessaa baasuun dhoorgaa waan ta’eef bifa ciigoodhaatiin barreeffamee?” jedhee, gad hiiqee lallaale. Gara kaan galchee, ammallee, qalbiin uduu hin taane, ijaan maruma irra babbahe. Gara xumura xalayichaa dhaqee ka ijji irra dhaabatte woyii laale.

…Dhumarratti abbaan woraqaan tun harka geette, teessoo poostaa kanarra jiruun maatii isaa barbaadaatii bakka isa geessan san itti nuuf himaa.

Nagayatti,

Worra gara isa deebisanitti dhihaatan keessaa tokko” jedha barruun xalayaan sun xumuramuun.

‘Worra gara isa deebisanitti dhihaatan!’  Xalayaan kan eenyuuti? Kan Tolchaadhaa motii? Waan eenyuu haasaya?” jedhe.

Guutuu isaa dubbisu malee, ergaa barruu sanii hubataa akka hin jirre hubatee, bakka dura itti dhaabatetti deebi’e.

… Namni biyya san dhaqe ammoo bulee uduu hin oolin afaan biyyasii dubbata. Gaafuma biyya san dhaqe maraanuu haasawuu danda’a. Nama haarawa biyya san dhaqe ‘eessaa dhufte?’  jedhee ka gaafatu hin jiru. Biyya inni irraa dhufe martuu hin beeka… Ka biyyanatti dadhabsiisaa turellee biyya san yoo dhaqe akkuma biyyaatti bula. Seera biyya sanii fudhatee jiraata. Diduun hin jiru. Namni biyya san dhaqe adii ta’ee guraaracha yookiin boora ta’ee diimaa yookiin ammoo magaala, martuu afaanuma tokko dubbata. ‘Jabaa! laafaa! diqqaa! guddaa! hiyyeessa! dureessa!…’ wonni  jedhan hin jiru. Biyya wol qixxummaa!… “ ka jedhu bira gahee, ol jedhee yaaduu jalqabe. Buna ajajate irraa une malee hin dhunne. Bakki taa’eeru hundee kaaffichaa tokko irra. Qubbiin harka bitaa afaan irra kaayatee, fuula guuree miimmaa kaaffichaatti ijaan goge. Wonni dubbisu ciigoollee miti. “Maal inni? Uf gaafate. Hundaa hundee sammuu isaa yaadaan sorfe. “Biyyi namni marti afaan tokko dubbatu, tan hunduu wol qixaa eessa?” Nama gaafatu hin beenne. “Yoo jalana taate malee gubbana hin jirtu” jedhee mataa bitaa mirgatti irbe. Maraafuu itti bu’a barruu sanii irraa waan maraa hubata. Itti fufe.

Oromoon ammoo ka biyya san seenetu caala. Ka tana dura dhabamellee irra jireessi achi jira. Egaa biyya sanitti Tolchaa Magarsaa seera biyyattii, ka namni wolitti hin dhufne san cabsee, Oromoota beekuu fi hin beenne heddu woliin jira” haga bakka jedhuu dubbisee dhaabate amma. Bakkiti amma dubbise tun hin galleef. Irra deeddeebi’e. Ka deebi’ee dubbise ammoo, akkuma san dura dubbise jedha. Akka malee rifatee, “woyyoo! Tolchaan lubbuudhaan hin jiru jechuudhaa?” jedhe. Harki irratti hollachuu jalqabeera. Woraqaa akkuma waan harkaa bu’aaruu, jabeessee qabatee dubbisutti deebi’e.

“Oromoota beeku, worra biyyanatti dhabee biyyasitti arge maraanuu, “atillee as jirtaa? jedhee gaafata; Afaan biyyasii, ka akkuma dhaqeen barateen. Martuu itti odeessa. Namoota san keessaa hedduun, hoxxee ol seenee keessa ciisan san, ka hin argatinii fi uduu sanuu argateellee ciisuu akka hin danda’in itti hima. ‘Tigreen biyya sanitti dadhabsiiftee taa’uu nama dhoorkitu as jiraachuu baattullee ciisuu hin daqndeenne’ jedhaniin. Maaliif ciisuu akka hin danda’in gaafata Tolchaa Magarsaa. Jarri sun ammoo ka inni gaafate dhiisanii, waan biyya inni irraa godaane jiru odeeffatan” ka jedhu akkuma dubbiseen “wayyoo Tolchaa koooo…!” jedhee, woraqaa san minjaala isa afoo jiru irratti darbee, bakkuma taa’eeru sanitti, harka lamaaniin mataa qabatee, booyicha qoonqa hin qabneen imimmaan harra godhe. Diqqoo jedhee imimmaan haqataa bitaa mirga midhate. Namoota kaaffee san keessa isatti dhihoo jiran qofa uduu hin taane, kanneen irraa furatanillee rifatanii isa laalan. Amma woraqaticha minjaala irraa fuudhee, akkuma harkatti qabatetti, imimmaan haqataa ka’ee balbala laale. Bunni irraa une ammoo achuma jira. Gatii ka hin baasin ta’u intala kaaffee keessaa faana baatetu isa yaadachiise. Maal akka godhuu fi garam akka deemu hin beenne. Balbaluma Kaaffee sanii irraa dalga goree dhaabatee afaan qabatee yaada.

Jaarsaa fi jaartii bira yaadaan dhaqe. Isa eegaa jiran; oduu ilma isaanii dhagahuudhaaf. Maliin itti dhaqa ree? Ka amma dubbisaaru san qabatee dhaquun akkamitti taati? Akkam godhee isaanii karaa irra jiranitti kana hima? Harka maratee dhaabateetuma, yaadaa mataa irba. Nama Markaatoo keessa, naannoo Wollaggaa taraa jedhamutti wol muru san keessaa, ka ‘maal taate?’ jedheen hin jiru. Eennutu eennuun quba qaba. Martuu aduu guyyaa sanii, ta gad gabaabbatteertu dhaqqabachuudhaaf fiiga. Maayii irra garuu kuulii waa matatti baatee taaffisu, ka Afaan Amaaraatiin “karaa! karaa! karaa!…” jedhetu, yaada keessaa isa deebise. Amma gara kaaffee sanii ol deebi’ee, fuula dhiqatee bahee, gara karaa guddaa as bahee dhaabate. Ammallee taaksii bira geettee ‘Araat kiiloo! Araar kiiloo! Araat kiiloo’ jettee iyyitetu yaada isaa jidduu bahe. Yaada qabaachuu baatullee koree qajeele. Daqiiqaa hagoo maayii, mooraa yunivarsitii seenee, gara mana fincaanii gore. Ergaa xalayaa sanii hubatullee, dhuma isaa maal akka jedhu hin agarre. Doormitti galee dubbisuu hin danda’u. Gara laafessa. Bartoota woliin galu san mara keessatti booyuu danda’a. San ammoo hin feene. Dubbichallee dubbachuu hin barbaanne.

Eega hajaa bahee, ol ka’ee surree hidhatee, xalayaa san kiisii fuudhee, achuma keessa, bakka dhaabatetti, bakka itti dhaabe kaase ammallee.

Tolchaan waan himu dhabullee isaan ima gaafataniin. Miiloon teenna kaayyoo nu itti gannee biraa godaanne eessaan gahan?’ jedhaniin. Tolchaa Magarsaa homaa hin deebisu. Waan himu dhabe fakkaata. ‘Dhiiga, lafee fi lubbuu worra dabree bilaasha hin goonu! ka jedhu jiraa? nutti himi! worri dabre uduu dacha’ee argee maal nuun jedha jedhee ka yaadu jiraa?’ jedhanii gafatan worri irra caalaan isaanii, hoxxee ciqilee afurii ta keessa ciisan hin argatin sun. Cadheensa dheeraa booda dubbate Tolchaa Magarsaa. ‘Waan isinitti himu hin qabu. Homaa hin jiran. ‘Garuu ammallee duuti teenna rakasa’ inni jennaan, martuu, bakka ambi biyyee haadhee itti isa ruuqe, ta abbaa fi haadha dhiisii lammiin isaatuu hin beennetti dhiisee, gaddaa biraa lixe…” ka jedhu bira gahee ammallee imimmaan qabachuu dadhabe. Kafana ufirraa qabuun haqatee humnumaan itti deebi’e.

“…Egaa! Duuti maqaa jijjiirataa mana hidhaa kanatti nurra martu, Oromoo guuree hifadhe jedhaa hin jirtu. Oromoo ‘ani anuma’ jedhee qawwee irraa hafte uletu fixa. Ta ulee irraa haftellee dhibetu qooda ufii fudhata. Egaa duuti, Tolchaa Magarsaa maqaa dhibee baasaatiin nu harkaa fudhatte. Ee! dhibeen baasaa, ta yaalli biraa hafee margi lafa Oromootuu fayyisu, qorichi dhabamee uduu hin taane qoricha dhabdee, hidhamtoota Oromoo uleen dursitee ajjeeftetti maqaa badaa baate, Tolchaa Magarsaa eega qabamee bifti toorcharii wol itti tara bahellee nu harkaa eda’attee karaa buute. Egaa Tolchaan, akkuma saahibban isaa hedduu, worra isaa woggoota heddu dura adda baheen gubbanatti deebi’ee arguu hin dandeenne;. Worri isaallee jiraa dhiisii du’aa isaatuu arge nutti hin fakkaatu.

Gaafa woggaan kudha torba itti murtaaye irraa qabee ka jiraate guyyaa kudha torba qofa. Tolchaan lallaba dhagayamuu dhabe uduma lallabu tare. Ardhallee ima lallaba. Lallaba hin dhagayamne.

Ee! Kaleessa jiraa isaattu, bakka itti nu dhiisee nu biraa godaane tana nu woliin taa’ee ‘sariin ganda tokkoo dhiisii ta ganda gandaatuu ka dachaatee wol nyaattu yoo diina isii woraabessa ariite’ jedhaa ture.       Ardha ammoo ekeraa isaattu, worra lafeen isaa hoxxee dhundhuma afurii dhabdee, gaara, qilee fi gammoojjii keessatti hafte, isaan dur irraa, abbootii biyyaa ta’uudhaaf abbootii biyyee ta’an mara woliin jalasii ol lallaba. Lallaba isaanii garuu ka dhagahu malee ka dhagahe hin jiru. Lallabni isaanii abbaa itti dhagayamutti malee eennuttuu hin dhagayamne. Ka uduu bilisummaa sabaatiif gubatu gara biyya sanii godaanaa jiru malee…” ka jedhu dubbisee ammallee, imimmaan isa rakkisu uduu haqataaru, balbalti mana fincaanii sun dhadhayamte.

 

[audio:http://www.opride.com/hamba/audio/Lallaba/KUTAA 6FFAA.MP3|loop=yes]


**********************************************

Birraa bara 2010 barreeffamde.

Comments

comments

About the author

Mohammed A

Mohammed Ademo is a freelance journalist based in Washington, DC. He's the founder and editor of OPride.com, an independent news website about Ethiopia.

Leave a Comment

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.