Ati eennu?” jedhee , gaaf’e.
Lixee ba’a, dukkana halkanii uffatee
Cabsee seena, luuxee
Dallawa galma qalbii kootti, afeerraan maletti
Wallaale maal wayyaa, taasise waca gabayaa
Qalbii akka qorsootti akaayaa.
Ati eenu, ka baatee seentu, akka feeteen
Ka daftee deemtu, maal na dhibeen
Ka dhufti gammachuu, faanti naasuu
Ka caldhifni dukkana tarsaasu, haasofni fageenna hangaasu
Cinaacha itti garagalee rafetti
Keessaan madeessee na idda, akka sonsaati
Laalaan isaa argamee bada, haga liphsuu ijaatti
Maalif dhokatta, waa beektaa ufitti?
Haguuggiin maratte, ka sodaa moo ta saalfii?
Ka si baqachiisu gaaffii
Maali, hucheen si dhoorgu, haara galfii?
Dhugattuu, ati eennu?
Baadhattuu hiccitii jireennaa
Raatee-raatessituu, kan hin qabne bakka geettu
Raagduu moo raagsiftuu, ka taa’umsatti rom’itu,
Dhaabbatatti kufaaf daddaaqxu
Moo abjoottuu, ka ba’aa kee baaddhatu
Barbaaddu, osoo many’een birbirsa geettuu?
Baattuu gadadoo tii? Moo daawwitii humna jireennaa ti?
Taa’i, maalif gortee baata?
Eeessa ga’uuf akkanatti kaatta?
Afoolloftee, akkanatti yoo jarjartu
Tola moo badii, ka ati haatattu?
“Taa’ii” feetaa, dhiisi, gaaddidduu itti irkattu.
Yooka gogii dhabami
Yooka edanumaafis taatu, afeerami
Eeennummaa kee naaf himi.
Ati nama kaleessaa ti moo ka ar’aa
Kan fagaate, sa’aa-nama, lafaa fi Waaqarraa?
Argee hima lilmee fagorraa, garuu hin argu arba isa biraa.
Edana wanni sokkuu dhufee-deemuu dhiise, inuuyyuu taa’e diriirfatee
Jaanoo keessi diimaa uffatee, ruufa ceekuun dachaafatee
Anis banee dhiiseef karra, ergisa kenneef gurra
“Ani hiddaan Kushi, dur-duroo yeroo fagoo, ka dhaladhe Wallabuun afoo”
Jedhee eegale, haasawni sagalee laafoo.
“Seenaan kiyya kanaa beeki
Hortee kiyyaan ga’i, keessaa harcaaftee beeki
Naaf ergami hadaraa,” jedhee itti fufe, kaka’aa taa’arraa
Dhaqqabsiisi, dargaggoo fi shamarran maraa
Hiikiif riqoo, ka dabrerra ka dhufutu taraa
Ka sodaatamurra kan abdatamutu caala.
Kan barreesse Hasan Huseen