Featured

Qubee Haaweeddisnu!

Aaan maalii?
Aaan, akkoo fi akaakaa warra waljaalatu 
Walitti irkatanii mudhii wal haammatu.

Baan maalii?
Baan, baallee billaachaa, billaacha balaliitu
Mukattis, lafattis kan huccuu hu’istu.

Caan maalii?
Caan, cabaa callee ti callee ishee diramtu
Gaafa ateeteeshee kan aayyoon kaayyattu.

Daan maalii?
Daan, daanawoodha; daanawoo daa’imtu
Kan boqqolloo urtee, mardhumaansaa nyaattu.

Eeen maalii?
Eeen, elellaani; elellaan galaanaa
Eeen eeleyyuu hinta’a, eele kan buddeena.

Faan maalii?
Faan, faana fatteeti; fattee dhoqqee keessaa
Haadha-gaayyee fi bofatu adamsee liqimsa.

Gaan maalii?
Gaan, gooba gaalaa ti; gaala morma loomaa
Gatiitiitti baata gooba keessi coomaa.

Haan, maalii?
Haan, halluu halkani
Qaqqabaan argani.

Iiin maalii?
Iiin, ijaa fi ilkaani;
Yoo namatti bade kan ittiin boohani
Yoo namatti tole kan ittiin kolfani.

Jaan maalii?
Jaan, jalduu kottee jallaa, jaldeessa jarjare
Yoo boqqolloo malee, kan kiyyoo hinagarre.

Kaan maalii?
Kaan, kalaadaa karkarroo Caccabsaa boqqolloo.

Laan maalii?
Laan, laagaa leencaa ti; leenca goodaa lagaa
Foon nyaatee dadhabee, kuunnoo ciisee muga.

Maan maalii?
Maan, guutuu manaa ti; mana guutuu lamaa
Akka obbolaa lakkuu, akka lakkuu namaa.

Naan maalii?
Naan, nafa naachaa ti naacha abbaa ilkaani
Oon afaan okkotee ti okkotee bishaani.
 
Paan maalii?
Paan, paastaa fi piizzaa, nyaata Xaaliyaani
Ittiin kubbaa dhiitu; sarbaa cimsatani.

Qaan maalii?
Qaan qaata qawwee ti, qawwee qaqawwisu
Rasaasa liqimsee, balaas nagaas buusu.

Raan maalii?
Raan raacha; raachaa raammoo nyaatu
Gaaddisa raafuu jala kan quphanee eeggatu.

Saan maalii?
Saan, saabbata Waaqayyoo ti; kan Waaq nuu hiixate
Kan ittiin jabaannu, warri eelaa himannu, warri dugdi cite.

Taan maalii?
Taan, taakkuu fi dhundhuma
Safartuu obboroo, safartuu ganamaa.

Uuun maalii?
Uuun, ukee aannanii, xinno holqa osolee
Meeshaa daa’immanii; quxisuu okolee.

Vaan maalii?
Vaan, Volvoo diima sana, Voolvoo viidiyoo baatu
Konkolee Viillaa biraa; kan barii ka’ee kaatu.

Waan maalii?
Waan, waakkoo waraaba bishaanii
Kan humna nuu ta’u fayyisaa midhaani.

Yaan maalii?
Yaan, qubee mataa lamaa akka muka dhaanquu
Yammuu dallaa ijaaran dagalee itti naqu.

Xaan maalii?
Xaan, xaxaa xaafii meesoo
Midhaan ganna baasoo.

Dhaan maalii?
Dhaan, dhulaandhula guyyaa dhagaa jalaa
Afaan saawwaa keessa bula galgala.

Chaan maalii?
Chaan, obboleessa callee ti; callee hidhiin seelkoo
Kan kolfuu qaanawu, akka naman beeku tokkoo.

Phaan, maalii?
Phaan, jaalala laphee jala riphee jiru
Guyaa jiruun, galgala irribi hinjiru.

Shaan maalii?
Shaan shawwisa Shawaa ti; Shawaa handhuura biyyaa
Biyya manguddootaa shamaraanii fi qeerroo, wiirtuu Oromiyaa.

Nyaan maalii?
Nyaan, nyaata laazaanyaa ti; obboleessa paastaa
Yoo isa dhikkiilani garaachatu guddata, qaamatu furdata.

Zelealem Aberra Tesfa
 

Comments

comments

About the author

OPride Staff

Collaborative stories written or reported by OPride staff and contributors.

Leave a Comment

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

2 Comments