Dur dur , lukkuun duula yaate.
Haga yoom sodanna?
Bofa luka hin qabnee, mataa irraa kunna.
Jedhanii kakatan, fira hunda waaman.
Yeroo bira gahan bofti ciisee laale,
Innis lubbuu qabaa, sodaa dhan gutame,
Haga humna isaa,
Ofirraa lolachuuf marga keessa looye.
Arraba saa dhaanquu wal jala babaase
Loltuu lukkuu hunda doorsisuu egale.
Afaan du’a geessan,
Maaliif of salphiftan,
Dhumuu keessanirra
Baqachuu sinii wayya.
Jechuun:
chiiirririririririri itti godhe
Sagalee bofaa, Sagalee du’aa
Sagalee du’attiin alattin rifatte
Ofirra garagalte figichaaf qophoofte.
Akkas wallin jedhan:
Erga mana baane ,
loludhaf kutaanne,
Of duuba hin deebinu,
Gariin keenya dhumne,
Hafteen keenya hundi,
Horteen keenya cufti
Nagaa dhaan yaa bulu
Barreessan Liiban Jaldeechaa