Itti Makoo Barii
Yaa hundee uumaa koo
Waamicha maqaa koo
Oromoo saba koo
Asittu, achittu waan walaale faalla
Ani bakkera jooraa, itti makoo mana galaa
Itti makoo barri isaatu wachalaa
Itti makoon siin dubatta, sii gubata fakkaata
Si of godhe, of si godhe, siin taphatta
Boodde booda of kessa ille si darbataa
Madaan quba mataa gubbaa
Sammuu jeeqee dhagna hubaa
Boorantummaa fi kan gumaa
Rakkoon keenyaa kanan dhumaa
Mulune Kebede
Dhaaba, Iluubaabooraa irraa