Asoosama Walaloo

SIIFAN …Walaloo fi Asosamoota Yaasoo Kabbabaa

siifan

SIIFAN …

Barreessaan Yaasoo Kabbabaa Hordofaaa*

Akka ati of dhabdee
Anaan maqaa dhaabde,
akka ati biyyee uffattee,
ati dhagaa cufattee
Qarsaa boraafatte:
siifan yaa cabu,
Siifan of haadhabu
an biyyoo uffaadhee
an dhagaa cufadhee
qarsaa boraafadhee !
Yaa ilma aayyaa…

Ati gootni kuni, kan michuun rasaasaa,

Namni akka keetii qooda du’u tasa

Siifan kakadha qumbii ciniinetoo

Siifan gaara kaadha barii finiinetoo

Tasa na geeddartee du’a kee du’uudhaa

Siifan waanfaleessa bakka kee bu’uudhaa!

Yaa ilma aayyaa…Natti hoo’uu hin didne manni koo anasii

Naa fudhachuu hin didnee keessi koo kanasii,

mana hoo’isanii ta’uu abbaa maatii
gorba horsiisanii ta’uu abbaa waatii
Siifan bahe malee ijji diida laaltee
gaaraan na boora’ee ,onneen too na aartee
Yaa ilma aayyaa…

Wannin nyaadhus jiraa, akkittan nyaadhusii
Karaan kaadhus jiraa,akkittan kaadhusii !
Yoon wanna san nyaadhee,foon kee natti ta’eet
yoon karaa san kaadhee mudoon natti ba’eet
Nyaachurraa of qusadhe, garaan koo beela’e
Miilli koo adabate daandin sun seela’e
Odoon qabuu dhabaa
odoon beekuu dabaa
Siifan jedhamaamii kinoo amma ammaatti
Dhaqee galuu dhabee maqaan himamaatii !
Yaa ilma aayyaa…

Siifan akka osolee holqa dhagaatti galee,
Akka canoo lagaa baala nyaadhee bulee,
Akka jawwee gannaa biyyoo arraabe malee…
Siifan akka gommaa hagabee,
Akka weennii inaaffaan qabee,
Ijji daggala na laalte
Qalbiin dukkana kajeelte
Miilli gammoojjiin qajeelte !
Yaa ilma aayyaa…

Siifan’ Aduun yaa waaddu,aduun na waaddee
Siifan’gaadduun yaa gaadduu,
gaadduun na gaaddee,
Ana maqaan yaa baduu,maqaan na badee
Aduun maaf si guba!yakka maaliif sigaadu!
maqaan maaf sibada ya koodee!
Ati muufattee qoodan ijaan argu,
Ati rakkattee yoo halagaan saggu,
gaafas callaan badee yoo aramaan margu…
Sidura na haa oolchu yaa ilma aayyaa!
Isaafis waadaa gale siifan waadaa kakaa
Saba koo hin nyaadhu jedhe,
soba dhugaan makaa!
Sobeetoo abaaree, abaaree ajjeesaa,
Achumaan kakadhee, kakadheetoo kaasaa,
Itti buufee sobee dhugaa fafakkeessaa
Siifan si’jjeesse hin jedhu hin fakkeessu tasa!
Yaa ilma aayyaa…

Kakuun kee cubbuu takaallaa natti ta’ee,
Abaarreen kee booqaa addatti naba’ee
Eebbi kee na goobsaa,gooba natti fe’ee
Yoo kakattu yoosuu akkan sii dhabamu
Yoo abaartus yoosuu akkan sii qabamu
Eebbisteetoo yoosuu akka sii himamu!
Siifan jiraan du’a jireenyan dhbama
Siifan taa’ee yaada yaaddodhaan qabama!
Yaa ilma aayyaa…

Na amani na dhgayi; ammallee na amani
Wannin godhu wannin ta’u, hunduu Siifani!
Dhugaa Gadaa Oromoo, dhugaa Caffee tumaa,
Kan badesoo nu’i, kan balleessesoo numaa!
Dhugaa uumaa ganamaa,
dhugaa ruuda Walaabuu,
Harki lamaan kan waliitii,waliin ala eenyu qabu!
Dhugaa seera maan guddoo,
dhugaa kallacha araaraa,
Dhugaa caaccuu kallachaa ,
dhugaa alangee seeraa!

Kontoma koo dhuma koo,
siin calqabeen siin fixaa,
Saba koo dhiiga koo siin baheen siin lixaa!
Amma ati argitutti waan hamoommattee jirtu,
Amma ati goonfattutti waan teechetoo murtu,
Waadaan waadadha foon koo
manatti hin deebtu!

Gateettiin koo hin dadhabu , mudhiin hin seela’u
Foon koo namoo’atee yaadni koo hin naanna’u!
Siifan manaa bahee waa fiduuf waa kufuu,
Yookaa fidee dhufuu yookis kufee hafuu
Gedduu kanatti dabni waa uummamtee,
Foon koo na moo’udhaaf lubbuun na cubbamtee,
yoon jalladha ta’e beekaa irraa goree,
Ekeraan gootota kee lafeen ta’ee qoree
Irree na haa waraanu akka isa moree!

Yookaas:
Siifan manaa bahee akkan sumaa du’u
Ayyaanni Oromoo ana faana yaa bu’u
Kanaafis seenaan dhugaa kaa’ee,
Risaan ragaa yaa ba’u!
Yaa ilma aayyaa…

Guutu kitaaba kana dubbisu as tuqi: SIIFAN

Copyright © Yaasoo Kabbabaa 2013

Comments

comments

About the author

OPride Staff

Collaborative stories written or reported by OPride staff and contributors.

Leave a Comment

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

1 Comment

  • Kontoma koo dhuma koo,
    siin calqabeen siin fixaa,
    Saba koo dhiiga koo siin baheen siin lixaa!
    Amma ati argitutti waan hamoommattee jirtu,
    Amma ati goonfattutti waan teechetoo murtu,
    Waadaan waadadha foon koo
    manatti hin deebtu!