Featured Walaloo

Moor-Tole Leelloo Seenaatiin

Jiruuf jireeny-finnaa

gaariif abba humnaa

addaan babaafannee

jiraafi du’aa keenya

moor- uumama waaqa

ekeraa nameenyaa

laallannee ijjennaan

ayyaana- dhugaatiin

arganna sab-boonaan!!

ka-mooraa-handhura

garaa nama ga’u

kafana eenyummaa

ormaa ifirraa mulqee

of-ta’ee kan ba’u

hidda qaba innoo

dhaloonni baranaa

barka-ittiin moo’u!!!

barri akka arrii

mataa nuwaraantee

jiruun nama teenyaa

babarruufi doobban

haallunsi dhokattee

jaarran keenya geenyan

jajjabeewwan qubee

qubbeen quba guddaa

Oromummaaf seenaa

sabaaf sabaa himaaf

Jaziiraan labsiteef…

moora ilaalameen

maatiif lammiif tolee

moor-laalaan gammadee

murna lammii maraaf

bakka jiraaanitti lallabe

sagalee inni tokko

kaaniin arraataafi

gochaan Oromummarratti

yaadan waliigalee!!

loon keenya qalamee

moorri akka ba’ee

moortuun kan dubbattuu

soba akka ta’e

gogaan loowwan ormaa

marga kukktameen

maqaa hinbeekamneen

akka nuu mogga’ee

jaarraa tokkoo oliif

moorri laalaa turre

Oromoof Oromiyaa

moortuun haguugatee

moora akka dalla’ee

qalama qeerrootiin

moorri dubbifamnaan

“An Oromoo jedhee”

bakka jiru hundaa

awwaachutti ka’e!!

Comments

comments

About the author

OPride Staff

Collaborative stories written or reported by OPride staff and contributors.

Leave a Comment

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.